Dubartoonni 'ispermii karaa miidiyaa hawaasaan arjoomamuun goyyoomfamaa jiru'


Dubartoonni 'ispermii karaa miidiyaa hawaasaan arjoomamuun' goyyoomfamaa jiru
    • Barreessaa, Gemma Dunstan
    • Gahee, BBC Wales Investigates
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dubartoonni fedhii daa'ima godhachuu olaanaa qaban sarbama qunnamtii saalaaf saaxilamu. Kana malees sanyii dhiiraa seeran alaa fi rakasa ta'antu karaa oonlaayinii dhihaataaf.

Dubartoonni dhala godhachuuf barbaadan garuu hin milkoofne kunneen carraan yoo jiraateef miidiyaa hawaasummaa irra filannoowwan jiran faana dhahu.

Garee qorannoo iccitii BBC Weelsi yuuroo 100 kanfalee nama sanyii dhiiraa arjooma jedhu duuka bu'e. Namni kuni kaartoonii saamsamaa kan timaatimaa fi paastaa ofkeessaa qabu keessa makee sanyii dhiiraasaa kana erge.

Dhaabbani to'annoo walhormaataa UK dubartoonni warra sanyii dhiiraa arjoomna jedhaniin sarbamaaf saaxilamaa jiraachuu akeekkachiise.

Qorannoo dhoksaa kanaan BBC'n karaa oonlaayinii sanyii dhiiraa argachuun hangam akka salphaa ta'e xiinxaleera. Karaa dhiirota tajaajila akkasii kennanii hanqinni akka hin jirre hubateera.

Namni karaa oonlaayinii tajaajila kana beeksisu tokko nama Jooyi jedhamurraa "amantaa guddaan qaba' jedha.

Jooyi nama sanyii dhiiraa gumaachuunii fi qunnamtii saalaatiin ijoollee 180 guutuu addunyaa irratti horachuu danda'edha.

Nama kana uummanni Roobeertoo Albon maqaa jedhu moggaaseef. Nama kana maqaa sobaa inni moggaafateen qunnamnee dubbisne. Sanyii dhiiraa guyyaa itti aanu akka nuuf erguuf ergaa iimeelii gabaabaa fi bilbilaan xiqqoo dubbisuu qofa nugaafate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Nuti eenyu akka taanee fi waa'ee fayyummaa keenyaa qulqulleeffachuufis homaa waan nugaafate hin jiru.

Yuuroo 100 poostaadhaan akka ergamuuf gaafate. Baasiin kuni lilmoo sanyiin dhiiraa kuni itti qabamu bituu fi saanduqa timaatimaa fi Paastaa keessa dhokfamee ergamuuf kan oolu.

Kilinikni heeyyama qabu fayyummaa sanyii dhiiraa inni ergee kana akka qoratu yoo goonu, seeliiwwan sanyii dhiiraa hundi kan du'an ta'uu mirkaneesse.

Kana yeroo deebisnee itti himnu Albon, haala kamiin akka geejjibsiisnee fi tursiisne nugaafate. Sanyiin dhiiraa inni namootaaf ergu yeroo hunda adeemsa imalaa kana keessa nagaan darbuun dubartootni hedduun ittiin ulfaa'utti akka milkaa'an dubbata.

Albonii fi warri akka isaa sanyii dhiiraa dubartootaaf dhiheessuu hojjetan gabaa argachuuf Feeskuukii fayyadamu. Fuulli Feesbuukii namoota hojii akkanaa hojjetan tokko tokkoo hordoftoota hanga kuma 40 qaba.

Garee arjoomtota sanyii dhiiraa kana Feesbuukii irratti suura eenyummaa kiyya ibsu osoo hin fayyadamnen itti makame. Ergaawwan amanamoo fakkaatan barreessuufiin jalqabe. Hedduun isaanii qunnamtii saalaa akkan faana godhu nagorsan. Kaan ammoo samudaaf kaffaltii barbaachisu gaafatu.

Muraasni isaanii ija jabataniima qunnamtiin saalaa filannoo bu'a qabeessa akka ta'ee fi rakasa ta'e na amansiisuuf yaalii godhan.

Dubartiin Kaaba Weelsi tokko waan isheerra gaherraa namoota yoo akeekkachiistun arge. Akka isheen jettutti, Namni tajaajila qunnamtii saalaa kenneef booda yoo adda baafattu alalee dubartoota adamsu ta'uusaa barte.

Abbaan Taayitaa walhormaataa fi imbiriyoolojii (HFEA) arjoomni sanyii dhiiraa too'annoo fi heeyyama isaaniitiin ala taasifamu UK keessatti gocha yakkaa ta'uu ibse.

Tiyaanaa fi Nikiin kibba Weelsi jiraatu. Lamaan isaaniituu dhiheessitoota sanyii dhiiraa kana fayyadamuu murteessan. Inshuraansii fayyaa baasii dhala godhachuu isaaniif dandeesisuuf ulaagaa hin guutan. Dhuunfaan yaala kana argachuun ammoo qaaliidha.

"Yeroo hundaa haadha ta'uun qaba jedheen nan yaada. Garuu wanti nu hir'atu tokko akka jiru nibeekna"jetti Tiyaanaan.

 Joohee Doonor nama arjoomu ta'uu isaa sodaa tokko malee ifatti beeksisuun gaaffiifi deebii kenna

Madda suuraa, Fabulous

Warra sanyii dhiiraa arjooman kana fayyadamuun miidhaa fii dhiibbaa akka qabu inuma beekti. Dubartoonni lamaan fedhiin isaanii sanyiin dhiiraa akka ergamuufi. Warri dhiheessan garuu qunnamtii saalaatiin wayya jedhuun.

Tiyaanaa fi Niikiin dhumarratti nama sanyii dhiiraa arjoomu tokko waliin waliigalanii waliigaltee raawwatan. Waliigalteen kuni garuu seera qabeessa miti.

"Gara fuuladuraatti carraan mirga abbummaa kiyya jedhee mana murtiitti nuhimachuu jiraachuu mala. Akka kuni hin taaneef waan gochuu dandeenyu hunda amma gooneerra. Namni kuni kana godha jedhee hin yaadu." jetti Tiyaanaan.

Jarri lamaan amma mucaa dhiiraa waggaa tokkoo godhataniiru. "Waggaa dheeraaf qabaachuu hawine. Kisaaraa dhufuu malu hunda simannee kunoo waan hawwine arganneerra" jedhu.

Arjoomtonni sanyii dhiiraa seera qabeessa hin taane karaa adda addaatiin hojjetu. Kaan isaanii qunnamtii saalaa bilisaan raawwatu. Kaan ammoo bakka sanyii dhiiraa kana arjoomuu deeman baasii isaanii warra arjoomamuuf kanfalchiisu.

Daani'eel Bayen lammii US kan umriin isaa 25. Bara 2025 gara UK imalee karaa namtolcheetiin sanyii dhiiraa arjoome. Kanaanis ijoollee afur dhalche.

 Dubartii rifeensa gur'aachaa daa'ima argachuuf hawwii baayyee qabdi

BBC'n guyyaa sadii Daani'eel waliin socho'ee waraabe. Viidiyoowwansaa karaa oonlaayinii gadhiisu 'arjoomaa gatii guddaan kanfalamuuf' akka ta'ee hima .Inni garuu waan kana bu'aadhaaf hin hojjedhu jedha.

"Warrin sanyii dhiiraa arjoomuuf baasii fayyaa fi jireenya kiyyaaf nabarbaachisu hunda kanfalu malee gatii balalii qofa miti. Kana malees odeeffannoo waa'ee fayyaa, barnootaa fi kaan waljijjiirra" jedha.

Akka inni jedhutti, gatii balalii qofaan kan arjoomu UK keessatti qofa malee iddoowwan kaanitti hanga doolaara kuma 20 kanfaluuf akka gaafatan hima.

"Namoota maallaqa qaban qofa gargaarta' siin jedhu jechuun yeroo BBC'n gaafate, "Ani waan namootni kaan jedhan nan dhiphisu. Ani kanan yaadu maatii fi daa'ima dhalachuuf jiruuf waan gaariin maali kan jedhu qofa" jedhe.

Daani'eel arjoomaa ifa ta'e akka ta'etti ofyaada. Daa'imman dhalatan waa'ee eenyummaa isaa akka beekan nibarbaada. Kanaafis wa'ee fayyummaa isaa fi qorannoo fayyaa godhe bu'aasaa miidiyaa hawaasummaa irratti nigadhiisa. Waan hundasaa garuu ifa hin godhu.

"Akka arjoomaa tokkootti ofbaraaruuf jecha qabeenyakee hedduu maqaa keetiin gochuu hin qabdu. Namni tokko ka'ee jiruu kee fi kan maatii keetii balleessuu hin danda'u jettee yaaduu hin dandeessu"

"Akka ani yaadutti waa'ee fayyaakee sobuun sirraa hin eegamu. Wanni odeeffannoo guutuu kennuu hin qabne eessa akka hojjettu, maal akka hojjettu, waliigalatti odeeffannoo namni arjoomameef akka sihordofuu danda'u godhu kennuu hin qabdu. Maqaa guutuu keetii fi bakka jireenyaakeefaa" jedha.

Akka seera UK keessa jiruutti, "hanqaaquu dubartii yookan sanyii dhiiraa beekamtii abbaa taayitaa walhormaataa fi Imbiriyoolojiitiin ala olkaa'uun, qorachuun fi rabsuun seeran ala.

Alboon garuu seerri kuni narratti raawwatamuu hin danda'u jedha. Sababnisaas arjoommii dhuunfaa taasisuun, isaaf ammoo kaffalchiisuun seera qabeessa akka ta'e hima.

HFEA tti daayireektara tarsiimoo fi walta'iinsaa kan ta'an KIleer Etingisan, dhaabbanni Meta kan Feesbuukii bulchu 'Seera cabe akka sirreessu haala mijeessaa jira. Kanaaf paarlaamaan UK koree ji'a Bitootessaa keessa filate.

Adeemsi sanyii dhiiraa gumaachuu amma jiru kuni fayyaa dhuunfaatiifis yaadoo qabu ibsan.

"Arjoomtonni tokko tokko sanyii dhiiraa qulqulluu ta'e akka kennan beeksisa hojjetu. Karaa tokko tokkoon ammoo gochi akkanaa dubartoonni fedhii isaanii malee tajaaila kana argachuuf maqaa jedhuun qunnamtii saalaa raawwachuuf dirqamu" jedhu.

Dhaabbanni Meta Gamasaatiin garee fi maxxansawwan Feesbuukii irratti qoodaman kan seera cabsan jedhaman akka xiinxalu ibse.

"Nu adeemsa waan seeran ala ta'e ittiin gabaafamu ifa ta'e qabna. Kan malees qaama mootummaa dhimma kana hordofu waliin qindoominaan hojjenna" jedhe.

Dubbi himaan Ajajaa Poolisii Biyyaalessaa"arjoommiin sanyii dhiiraa hordoffii hin qabne balaa baayyee kan qabuu fi saaxilamtoota kan miidhudha. Nuti hawaasa kan gorsinu balaasaa akka hubatanii fi arjoommii hordoffii qabu akka fayyadamani jedhe.

Kan malees kanneen yaaddoo qaban poolisiidhaaf akka eeruu kennanii fi deeggarsaa fi tumsa qorannoo akka argatan dhaaman.