Shuulaa Koheen: Basaastuu Israa'el waggootaaf gola icciitii Libaanos onsaa turte

Suura Shuulaa Koheen yeroo gaheettii turteefi erga dulloomtee booda wal-bira qabamee

Madda suuraa, Haaretz & Israel National News

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Maqaanshee guutuun Shulaamiit Kishiik Koheen jedhama. Garuu kan ittiin beekamtu maqaa Shuulaa Koheen jedhuuni. Magaalaa guddittii Libaanos, Beeruut keessatti beekamtuu turte.

Mana dhugaatii, bashannanaa, saaloonii miidhaginaa beekamaafi namoonni bebbeekamoon biyyaattii itti fayydaman qabdi ture.

Mana bashannanaa Shuulaa Koheenitti kan wal-gahu qondaalota siyaasaafi waraanaa olaanoo, abbootii qabeenyaa bebbeekamoo Lobaanosiidha.

Isheen garuu harkishee dheeraa ture- miseensa Mossad akkaan beekamtuufi icciitii gola Libaanos waggootaaf foqsaa baatedha. Qondaalota siyaasaafi abbootii qabeenyaa gurguddootti dhiyaachuusheerraa kan ka'e magaalaa Beeruut keessatti nama maqaa guddaa qabdu turte.

Garuu Shuulaa Koheen basaastuu Israa'eel ta'uushee baruuf waggoota heddu itti fudhate. Isheen basaastudha kan jedhu sammuusaanii keessayyuu hin turre-qondaalonni siyaasaafi waraanaa heddu manasheetti wal-gahu waan ta'eef.

Bifaan miidhaqduufi akkaan nama hawwattu ta'uusheerraa kan ka'e qondaalota olaanoo Libaanositti dhiyaachuun icciitii irraa sassaabdetti. Kanarraa kan ka'e Israa'el biratti nama baay'ee qaalii The Pearl jedhamuun beekamti.

Shuulaa Koheen nama Israa'el taatee osoo jirtuu akkamiin icciitii Libaanos onsitee Israa'eliif kennaa turte? Akkamiin miseensa Mossad taate? Dhumarratti qabamtee duuti itti murtaa'ufi akkaataa itti du'a irraa haftee mana Libaanosii itti baate qindeessineera.

Seenaan basaasaa Shuulaa Koheen hundeeffama Israa'elifi sochiiwwan hundeeffamuu Israa'el dura turaniin wal-qabata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'el osoo biyya taatee bara 1948tti hin hundaa'in dura, karaa dhoksaafi ifaa ta'een Yihudoonni addunyaarraa jiran gara Filisxeem deemanii akka qubataniif sochii cimaatu godhamaa ture.

Keessumaa dhaabbanni Jewish Ejansii jedhamu Yihudoonni biyyoota garaa garaa keessa jiran Filisxeem deemanii akka qubataniif sochii guddaa gochaa akka ture ragaaleen ni agarsiisu.

Waraana Addunyaa 2ffaarratti miidhaa Awurooppaatti Yihudootarra gaherraa kan ka'e, Yihudoonni biyya mataasaanii ijaarrachuu qabu kan jedhu jabaataa dhufe.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii murtee dabarseen Filisxeem bakka lamatti qoodurraa kan ka'e bara1948tti Israa'el biyya taatee hundoofte.

Deeviid Bengooriyoon, Ministiirri Muummee jalqabaa Israa'el, biyyattiin akkuma hundoofteen dhaabbilee murteessoo sadi hatattamaan akka hundeesse hima barreessaa beekamaa Israa'el kan ta'e Roonan Bergman.

Dhaabbileen kunis Shinbet (dhaabbate nageenya keessoo hordofu), basaasa waranaafi Mossad (dhaabbata basaasaa daangaa Israa'eliin alatti hojjatu)dha.

Shuulaa Koheen

Madda suuraa, Center for Israel Education

Nageenya Yihudoota biyyoota garaa garaa keessa jiranii eeguufi Yihudoonni gara Israa'el akka godaanan jajjabeessufi godaansaf haala mijeessuun hojiiwwan ijoo dhaabbanni basaasaa Mossad hojjatu kessaa akka ta'e hima barreessaan Israa'el kun.

Shuulaa Kooheen Israa'eliif oolmaa guddaa kan ooltes odeeffannoo waraanafi sochii hidhattoonni Filisxeem kibba Libaanoos hordofuun Israa'eliif gabaasuun alatti Yihudoonni kumaatamaan lakkaa'aman biyyoota Arabaa garaa garaa keessaa karaa Libaanos gara Israa'elitti akka godaanan gochuusheeti.

Keessumaa Libaanoos bara 1950 irraa kaasee daangaashee cufachuun sochiin baqattoonni Yihudootaa karaa sana garaa Israa'elitti taasisan akka hin taasifamne cimsitee uggurte.

Yeroo kanatti Shuulaa Koheen Libaanos keessatti beekamtii guddaa argatteetti. Mana bashannaa, dhugaatiifi bareedinaashee Beerut jirutti qondaalota siyaasaafi waraanaa heddutu fayyadama waan ta'eef itti dhiyeenya qabduufi matta'aa kennuun Yihudoonni akka gara Israa'el baqatan gochaa turte.

Barruun The Times of Israel akka gabaasetti, Shuulaa Koheen bara 1948 hanga bara 1961tti waggoota 14 kan ta'uuf miseensa Mossad taatee Israa'eliif basaasaa turte.

"Isheen [Shuulaa Koheen] basaastota bebbeekamoo Israa'el keessaa tokko yoo taatu, hundeeffamasheerraa ka'ee hanga bara 1961tti keessumaa oppireeshinii Aliyaa Beet jehamu keessatti nama ijoo turte," jedha barruun kun.

Aliyaa Beet oppireeshginii Israa'el Yihudoonni biyyoota Arabaa keessa jiran gara Israa'el akka godaananiif goote yoo ta'u, Shuulaa Koheen Yihudoonni kumaatamaan lakkaa'aman karaa Libaanos dhoksaan daangaa cehanii Israa'el akka seenan gochuu keessatti shoora olaanaa taphachuutu himama.

Abbaanshee Masirii, abbaan warraashee Libaanos, isheen Mossad

Shuulaa Koheen abbaanshee Yihudii Masirii jiraatu ture, boodarra gara Arjentiinatti godaane. Shuulaa Koheenis Arjantiinaa magaalaa Boonas Ayirasitti dhalatte; maatiishee waliin Yerusaalemitti deebi'anii achitti guddatte.

Garuu rakkoon maallaqaa maatiishee waan mudateef ganna 17tti abbaa qabeenyaa Libaanos Yihudii ta'etti akka heerumsiisan The Times of Israel gabaase.

"Abbaa qabeenyaa Yihudii ta'eefi Libaanos jiraatu Jooseef Kishiik jedhamutti gaafa heerumte," jedha.

Hojii biizinasii abbaa manaashee fayyadamuun manneen dhugaatii, bashannanaa, kaasiinoo, kaafeefi kaan Beeruut keessatti banuun salphaatti qondaalota siyaasaa, waraanaafi abbootii qabeenyaa biyyattii waliin wal-barte.

Israa'el bara 1949tti dhaabbata basaasaa Mossad osoo hin hundeessin durayyuu, humna waraanaa Haganaa jedhamu, kan erga Israa'el hundooftee Humna Waraanaa Israa'el (IDF) ta'e waliin karaa dhaabbata Ejansii Yihudootaa wal-qunnamaa akka turtetu himama.

Walitti dhiyeenya qondaalota Libaanos waliin qabdurraa kan ka'e Yihudoonni daangaa Libaanos irratti osoo hin danqamin akka qaxxaamuraniif ajajoota waraanaa, gumuruukaa, eegdota daangaafi namoota siyaasaa biyyattiif maallaqa kennuun hojjataa turte.

Israa'el erga hundooftee ammoo waraana Israa'elifi Araboota gidduutti ka'een Filisxeemonni kuba dhibbaan lakkaa'aman gara biyyoota akka Libaanos, Sooriyaafi Yordaanos fa'aatti baqatanii ture.

Yeroo muraasa booda Filisxeemonni biyyoota itti baqatan keessatti sochii hidhannoo eegaluurraa kan ka'e, kibba sochii hidhattoota Kibba Libaanos jiranii akka hordoftuuf Mossad ergama isheef kenne.

Isheenis hanga bara 1961tti tika Libaanosiin to'atamtuutti, sochii hidhattoota Filisxeem qofaa osoo hin taane, sochii waraanaa mootummaa Libaanos, haala siyaasaafi diinagdee Beerut keessatti taasifamu hunda Tel Aviivitti gabaasaa turte.

'Kiyyoo jaalalaa kaa'ameefin kuftee to'atamtee duuti itti murame'

Shuulaa Koheen Beerut keessatti manneen bashannanaa qabdu keessatti qondaalota tajaajila daldala qunnamtii saalaa dhiyeessaa akka turtetu himama. Haa ta'u garuu BBCn odeeffannoo kana hin mirkaneeffanne.

Era dhaabbanni tikaa Israa'el hundaa'ee waggaa 14 kan ta'uuf miseensa Mossad ta'uu, Israa'el osoo hin hundaa'in ammoo Yihudoonni biyyoota garaa garaa gara Filisxeem dhaqanii akka qubatan gochuun dhaabbata Ejansii Yihudootaa akkasumas humna hidhatee Filisxeem keessa socho'aa ture Haganaa jedhamu waliin Beerut keessa teessee hojjataa turte.

Garuu dhumni Shuulaa Koheen hin bareenne. Waanti isheen hin eegne karaa isheen hin yaadiniin ishee mudate- kiyyoo jaalalaa tiki Libaanos qopheessef keessatti lafa dhooftee of-argite.

Tiki Libaanoos basaastuu ta'uushee shakkee dargaggeessa umuriin ishee gadii itti ramade. Shuulaa Koheen basaastuu Israa'el ta'uunshee kan barame qondaalli olaanaan Libaanoos ishee waliin qunnamtii qabu malaammaltummaan shakkamee erga to'atameen boodadha.

Ministeera Faayinaansii Libaanos keessatti qondaala olaanaa kan ture Mohaammud Awad maallaqa biyyattii qisaasuun shakkamee qorannoon garaa garaa irratti gaggeeffamuu eegale.

Qorannoo bilbila qunnamtiisaarratti godhameen yeroo garaa garaatti Shuulaa Koheen waliin dhimma garaa garaatti dubbachuufi qunnamtii isaan qaban bira gahamuu himu qondaala olaanaa waraana Libaanos kan turan Meejaar Jeneraal Saamii Al-Katiib turtii Aljazeera waliin taasisanii turaniin.

Qondaala faayinaansii Libaanos Mohaammud Awaad irratti qorannoon erga gaggeeffamee booda Shuulaa Koheen basaastuu cimtuu gola heddu keessa beektufi harka dhoksaa Israa'el Beerut keessa awwalte ta'uun barame.

"Shuulaa Koheen dubartii laayyoo akka hin taanefi dachee Libaanos keessatti Israa'el akka [nu basaastu] yeroo jalqabaaf hubanne," jedhu Meejar Janaraal Saamii Al-Katiib.

Waan isheen hojjattu guutummaan bira gahuuf tiki Libaanos fala dhahuu eegale-miseensa tikaa biyyattii kan ta'e dargaggeessi Saayiman jedhamu tokko akka itti dhiyaatufi jaalala qabsiisu murteesse.

Itti milkaa'e; Shuulaa Koheen dur miidhaginaafi sansakkaasheen heddu jilbeenfachiiste ofiishee jaalalaan harka tika Libaanositti kufte.

Isheen kiyyoo kaa'ameef hin beektu; isa waliin hanga Awurooppaa imaluun tika Israa'el waliinuu akka wal-barsiiftetu himama.

Saayiman odeeffannoo guutuu waan isheen hojjattuufi eenyu waliin akka wal-qunnamtu erga adda baafatee booda biiroo muummee tika Libaanosiif gabaase.

Shuulaa Koheen basaastuu cimtuu Israa'el gola Libaanos waggootaf gogoleessite ta'uunshee pirezidaantii biyyattiif gabaafamee akkaataa isheen itti to'atamtu karoorri oppireeshinii qophaa'e.

Sana dura hordoffii tiki libaanos jaalala ishee qabsiise taasisuun alatti miseensonni tikaa Libaanos gamoo isheen kireeffattee jiraatti irra keessafi fuuldureeshee kireeffachuun osoo isheen hin beekin meeshaa fageenyarraa sagalee waraabuun waan isheen Mossad waliin haasoftu waraabuun wiirtuu odeeffannoo xinxaaluufi hiikuu wajjira tikaa Libaanosiif ergamaa ture.

'Shuulaa Koheen qabamtee duuti itti muramuun Israa'elitti rifaasuu guddaa uume'

Shuulaa Koheen akkuma yeroo kaanii qondaalota olaanoo Libaanoos qunnamuu, paartii ykn sagantaa bashannanaa qondaalonniifi namoonni bebbeekamuun irratti argaman qopheessuu itti itti fufte.

Gama biraan ammoo odeeffannoon isheen Tel Aviivitti ergitu waraabamee erga xinxaalamee booda, dhimma humna waraanaa Libaanos, tika biyyattii, hidhattoota Filisxeem Libaanos keessa socho'aniifi icciitiwwan gurguddaa biyyattii Israa'eliif ergaa turuun bira gahame.

Guyyaan isheen to'atamtu murame manni isheen jiraattu marfame. Saayiman namni jaalalaan ishee kiyyeesse mana isheen jiraattu dhaqee balbala akka bantuuf rurrukute. Isheen akkuma yeroo kaanii harka bal'istee jaalalleeshee simachuuf gaafa jettu shugguxii itti luqqifate.

Humni nageenyaa qe'eeshee marsee jiru duuban dhufee to'annaa jala ishee oolche. Shuulaa Koheen dur Beerut keessatti "giiftii, haadha biyyaa" jedhamtu, Hagayya 9, 1961 'yakkamtuu basaastummaan biyya gante' jedhamtee kaateenaan harkatti hidhamee to'annoo jala oolte.

"Basaastuun Israa'el Shuulaa Koheen jedhamtu, Beeruut keessatti to'annaa jala olte," kan jedhu mataa duree miidiyaa biyyattiifi idiladdunyaa ta'e.

Gama biraan ammoo Shuulaa Koheen to'atamuun Israa'elitti naasuu guddaa uumee ture.

Shuulaa Koheen qorannoon erga irratti gaggeeffamee booda manni murtii waraana Libaanos du'aan akka adabamtu muruu barruun The Times of Israel ni ibsa.

Libaanos murtee du'aan Shuulaa Koheen adabuuf murteessuu hordofee dhiibbaan biyyoota Lixaarraa itti hammaate. Biyyoota lachuufuu, Israa'elifi Libaanosiif, michuu kan taate Faransaayi gidduu galuun murteen du'aa irraa ka'ee hidhaa waggaa 20tti akka gadi bu'uuf godhame.

Haa ta'u garuu Shuulaa Koheen mana hidhaa Libaanos kan turte waggaa 6 qofaadha. Sababni ammoo Waraana Israa'el-Arabootaa 2ffaa bara 1967tti gaggeeffameedha.

Waraana Guyyaa Jahaa (The Six Day Wara) jedhamuun kan beekamurratti Israa'el guyyoota jaha keessatti humnoota waraanaa biyyoota akka Maasirii, Sooriyaa, Yordaanosifi Libaanos fa'aa injifachuun loltoota kumaatama heddu boojite.

Waraanichi erga dhumeen booda waliigalteen godhamee booji'amtoonni gadi lakkifaman, Israa'el gaaffiin jalqabaa dhiyeessite Shuulaa Koheen akka gadi lakkifamtuudha.

Shuulaa Koheen qofaa osoo hin taane, Yihudoonni magaalota akka Kaayiroo, Damaasqoofi biyyoota Arabaa kaan keessattis hidhaa keessa akka turan gaafatte.

Gaaffii dhiyeessitetti milkaa'uun Shuulaa Koheen mana hidhaa Libaanos keessaa gadi dhiifamte; Israa'elis loltoota boojite deebiste.

Shuulaa Koheen hidhaa waggaa jahaa booda Beerutii erga baatee waggoota 50 ta'aniif Israa'el keessa jiraatte.

Oolmaa guddaa biyyaaf oolte jedhamuun bara 201tti badhaasa guddaa Yekiir Yerushaalaayim jedhamu badhaafamte.

Shuulaan ganna 100tti bara 2017 duute. Gaazexaan Israa'el Haaretz Shuulaa Koheen Jeems Boonditti fakkeessuun "Akkoo Jeems Boond fi basaastuu beekamtuun Israa'el ganna 100tti duute," jechuun du'ashee gabaasee ture.