Sababni Israa'el xiyyaarri Itoophiyaa utuu hin qubatin akka ofirra deebi'u taasifteef maali?

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Israa'el, xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Finfinnee irraa gara magaalaa Israa'el Tel Avivitti imalaa ture utuu hin qubatin gara Finfinneetti akka ofirra deebi'u gochuu miidiyaaleen Israa'el gabaasaniiru.
Akka gabaasaleen miidiyaa Israa'el jedhanitti xiyyaarri Itoophiyaa Dilbata galgala Finfinnee irra ka'ee guyyaa Wiixataa kaleessaa Tel Aviv qubachuuf ture.
Haa ta'uu, malee gara sa'aatii tokkoof erga balali'ee booda, Israa'el irrraa ajajni akka deebi'u itti kennamuun isaa himamera.
Garuu yeroo ajajni kun kennamutti, xiyyaarri Itoophiyaa kun daangaa qilleensaa Itoophiyaa keessayyuu hin baane ture.
Gabaasni kun akka ibsutti, qaamoleen nageenyaa fi abbootiin taayitaa buufata xiyyaaraa Israa'el garee paayileetiin xiyyaaricha balaliisaa ture tokko lammii Indoneezhiyaa ta'uu isaaf xiyyaarri sun gara Finfinneetti akka deebi'u ajajan.
Xiyyaarri sun Finfinneetti deebi'ee erga qubatee booda, paayileetii kan biraatiin bakka buufamee, Xiyyaarichi imala isaa itti fufuun Tel Aviv qubachuu danda'eera.
Akka gabaasaalen jedhanitti Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa paayileetichi gara Israa'elitti balali'uuf hayyamama akka hin qabne hin beekne ture, taatee kanas dogoggora ta'uu ibseera.
Indoneezhiyaan biyya Musliimotni baay'inaan keessa jiraatan yoo taatu, Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii hin qabdu.
Gabaasa miidiyaalee Israa'el keessatti, lammiiwwan biyyoota Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii hin qabne tokko tokko sababa nageenyaatiin xiyyaarota gara Israa'elitti imalan irratti akka hin ramadamne Israa'el dhorkaa keessee jirti.
Biyyoonni dhorkaan kun irra kaa'ame jedhame keessaa, Afgaanistaan, Aljeeriyaa, Indoneezhiyaa, Iraan, Iraaq, Kuweet, Niijer, Qataar, Sa'uudii Arabiyaa, Somaaliyaa fi Veenzuweelaa fa'i.
Haa ta'u malee, daangaan kun akkamitti hojiirra oolaa akka jiru ibsi mootummaa Israa'el bal'aan hin kennamne.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akka Israa'eel jettutti, dhimma nageenya xiyyaaraa irratti yaaddoon dabalaa jira.
Taateen kun torbanoota muraasa duras xiyyaaraa Fly Dubai kan magaalaa Dubaayi irraa gara Tel Avivitti imalaa ture irratti yaaliin xiyyaricha butuu ykn humnaan to'achuuf yaaluu taasifamuu hordofeeti.
Akka abbootiin alangaa Emireetota Arabaa Gamtoomanii jedhanitti, gargaaraan paayileetii lammii Omaan ta'e xiyyaaricha to'achuuf ykn butuuf paayileetii waraanuun, xiyyaricha buufata Xiyyaaraa Ben Guriyon Israa'elitti buusuusf karoorfatee ture.
Haa ta'u malee, imaltoonnii fi hojjettoonni xiyyaarichaa yaalii kana fashaleessuun xiyyaarichi Tel Aviiv osoo hin ga'in nagaan magaalaa Tabuk, Sa'uudii Arabiyaa keessa qubachuu danda'e.
Dabalataan, torban darbe, miseensonni hojjettoota xiyyaaraa biyyoota Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii hin qabne irraa dhufan 1,200 ol ta'an Israa'el seenuu isaanii ilaalchisee yaaddoon ka'uun gabaafameera.
Hanga ammaatti, mootummaa Itoophiyaa fi Indoneezhiyaa irraa ibsi taatee xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kana ilaalchisee kenname hin gabaafamne.

























