Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee gosa kaansarii sombaa Phaaphaasii Liyoo dhukkubsatan maal beekna?
Phaaphaasiin Kaatolikii, Poop Liyoo 14ffaa, kaansarii sombaa isaan mudateen kutaan jalaa somba isaanii mirgaa akka baqaqsanii yaalamu Vaatikaan beeksifteetti.
Phaaphaasichi umuriin isaanii waggaa 71 yoo ta'u, Kibxata darbe Hospitaala Gemelli magaalaa Roomaa keessatti wal'aansa baqaqsanii yaaluu daqiiqaa 90 fudhate keessa darbaniiru.
Qorannoo yeroo wal'aansa baqaqsanii yaaluu taasifameen, Phaaphaasichi gosa kaansarii sombaa adinokaarisinoomaa jedhamu qabaachuun mirkanaa'eera.
Vaatikaan ibsa baasteen, wal'aansa baqaqsanii yaaluu milkaa'aa ta'uu fi rakkoon dabalataa tokko illee mudachuu dhabuu ibsiteetti.
Phaaphaasichi erga yeroo gabaabaa hospitaala keessatti yaalamanii booda gara mana jireenyaatti deebi'aniiru.
Haa ta'u malee, kaansariin sombaa gosa andinokaarisinoomaa jedhamu maalidha? Yaaliin Phaaphaasichi keessa darbanii maal of keessaa qaba?
Adinokaarisinoomaan maali?
Manni Bataskaanaa Kaatolikii Vaatikaan akka beeksiftetti, yeroo doktoroonni Phaaphaasii Liyoo 14ffaa sakatta'a yaalaa idilee taasisan, somba isaanii irratti dhiitoo argan.
Adinokaarisinoomaan gosoota kaansarii sombaa baay'inaan mul'atan keessaa tokko yoo ta'u, seelota dhangala'aa oomishan keessatti guddachuu danda'a.
Dhiitoowwan tiishuuwwan al-idilee sombarratti mul'atan yeroo baay'ee kaansarii miti. Dhaabbanni Soosaayitii Tooraasikii Ameerikaa (American Thoracic Society) akka jedhutti, dhiitoowwan sombarratti mul'atan keessaa dhibbeentaa shanii gadi ta'an qofatu kaansarii ta'u. Haa ta'u malee, umuriin namaa, hammi dhiitoo fi dhimmoonni biroo, kanneen akka tamboo xuuxuu, dhiitoon sun kaansarii ta'uu isaa irratti dhiibbaa qabu.
Dhiitoon kun tiishuuwwan sombaa fayyaalessa ta'an caalaa rukkina guddaa waan qabuuf, yeroo meeshaa CT-skaaniitiin sakatta'amu adda ba'ee ykn gaaddidduu fakkaatee mul'achuu danda'a.
Haa ta'u malee, yeroo Phaaphaasichi baqaqsanii yaaluuf qophaa'an qorannoon tiishuu (biopsy) taasifameen, dhiitoon somba isaanii irratti argame gosa kaansarii sombaa adinokaarisinoomaa ta'uun mirkanaa'eera.
Yaaliin baqaqsanii yaaluu taasifameef guddaa turee?
Adinokaarisinoomaan gosa kaansarii sombaa baay'inaan mul'atu keessaa tokko yoo ta'u, yeroo baay'ee namoota tamboo gonkumaa hin xuuxin irrattis mul'ata.
Giddugalli To'annoo fi Ittisa Dhibee Yunaayitid Isteetis (CDC) akka jedhutti, kaansarii sombaa namoota tamboo hin xuuxin irratti mul'atu keessaa dhibbeentaa 50 hanga 60 kan ta'u adinokaarisinoomaa dha.
Phaaphaasiin Liyoo 14ffaa Caamsaa bara 2025 Waldaa Kaatolikii akka hooggananiif kan filaman yoo ta'u, tarree phaaphaasota mana amantichaa keessatti umrii xiqqaa qaban keessaa tokko.
Kana malees, Phaaphaasichi jaalala ispoortii, keessumaa teenisii, qabaniin beekamu. Gama biraatiin, garuu, yaalii baqaqsanii yaaluu kanaan dura ragaan uummataaf ifa ta'e seenaa tamboo xuuxuu isaanii yookiin dhibee hamaa biraa qabaachuu isaanii kan agarsiisu hin jiru.
Dhibee kanarraa dandamachuuf hagam itti fudhata?
Wal'aansi baqaqsanii yaaluu erga taasifameef booda, Phaaphaasiin Liyoo 14ffaa adeemsa dandamannaa jalqabaa xumuruuf gara torbee tokkoo akka isaanitti fudhatu Vaatikaan beeksifteetti.
Phaaphaasichi magaalaa Room keessatti kan argamu, hospitaala Gemelli jedhamutti yaalii isaanii hordofaa jiru. Hospitaalichi hooggantoota Waldaa Kaatolikii yaaluun seenaa dheeraa qaba.
Wal'aansi baqaqsanii yaaluu erga taasifameef booda, Phaaphaasichi kutaa baqaqsanii yaaluu keessaa gara kutaa ciisanii itti yaalamanitti dabarfamaniiru. Achittis barreessitoota isaanii fi hojjettoota Vaatikaan biroo waliin walarganiiru.
Doktoroonni lamaan, Luyiigii Kaarbonee fi Isteefaanoo Maargaaritooraa, baqaqsanii yaaluun kun dhiitoo somba Phaaphaasichaa irratti mul'ate guutummaatti baasuuf kan taasifame ta'uu ibsaniiru.
Phaaphaasichi kutaa baqaqsanii yaaluu keessatti sa'aatii sadiif turanis, adeemsi baqaqsanii yaaluu daqiiqaa 90 qofa fudhateera. Doktoroonni yaalichi milkaa'inaan xumuramuu fi rakkoon yaalichaan walqabatu kamiyyuu uumamuu dhabuu ibsaniiru.
Bu'aan qorannoowwan dabalataa erga argamee booda uummataaf ifa akka ta'u manni amantichaa beeksifteetti.
Hospitaalli Gemelli phaaphaasota yaaluun seenaa dheeraa kan qabu yoo ta'u, Phaaphaasiin Firaansis bara 2025 keessa du'uu isaanii dura yeroo hedduu hospitaalichatti yaalamaniiru.
Yeroo Phaaphaasiin dhukkubsatu eenyutu bakka bu'ee hojjeta?
Phaaphaasiin Liyoo 14ffaa gara hospitaalaa seenuu isaanii dura, beellamawwan hojii Kibxata darbee irraa kaasee hanga Onkololeessa 20tti, jechuunis torbee tokkoof qabamanii turan hunda haqaniiru.
Haa ta'u malee, guyyaa Wiixataa, jechuunis guyyaa yaaliin baqaqsanii yaaluu isaanii itti taasifame guyyaa tokko dura, dhimmoota sagantaa isaanii irratti karoorfaman hunda raawwataniiru. Haaluma kanaan, ephisqophoota Arjantiinaa, Nikaaraaguwaa, Jaappaan, Naayijeeriyaa fi Yunaayitid Isteetis irraa daawwannaa gara Vaatikaanitti taasisan waliin walarganiiru.
Kana malees, Phaaphaasichi miseensota dhaabbata tola ooltummaa magaalaa Room keessatti hundeeffame tokko waliin walarguun, hojii isaan hojjetaniif galateeffataniiru.
Phaaphaasiin Liyoo 14ffaa hordoftoota Waldaa Kaatolikii addunyaa kan tilmaamaan biliyoona 1.4 ta'an hoogganu. Sadaasa 6 hanga 17tti biyyoota sadii, Yuraaguwaay, Arjantiinaa fi Peeruu daawwachuufis beellama qabataniiru.
Haa ta'u malee, yaaliin baqaqsanii yaaluu isaan irratti taasifameefi adeemsi dandamannaa isaanii imala kana irratti dhiibbaa akkamii akka geessisan hanga ammaatti hin beekamu. Phaaphaasichi garuu, akkuma karoorfameen biyyoota kanneen daawwachuuf akka yaadan Dilbata darbe dubbataniiru.
Phaaphaasiin Liyoo 14ffaa hoogganaa olaanaa Waldaa Kaatolikii addunyaa yoo ta'an, yeroo isaan dhukkubsatanitti kallattiin bakka isaanii bu'ee aangoo hooggansa waliigalaa fudhatu hin jiru.