Ilmi Netaaniyaahuu yaaddoo nageenyaaf Ameerikaa irraa gara Israa'el deebifame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Yahir Netaaniyaahuu, ilmi Ministeera Muummee Israa'el Benjamin Netaaniyaahuu, Ameerikaa irraa gara Israa'elitti hatattamaan deebi'eera.

Dhaabbanni dhimmaa nageenyaa Israa'el Shin Bet, Yahir irratti namni miidhaa geessisuuf yaalu danda'a jedhamee sodaan guddaan jiraachuu mirkaneesseera.

Shin Bet akka jedhetti, haala jiru erga qoratee fi madaalee booda, Yahir Netaaniyaahuu fi gareen isa eegu hatattamaan gara Israa'elitti akka deebi'an murtaa'era.

Yahir yeroo sana Filorida, Ameerikaa keessa ture. Haa ta'u malee, odeeffannoo waa'ee sodaa nageenyaa argameen booda, gara biyya isaatti deebifamera.

Shin Bet garuu sodaan kun maal irraa akka dhufe ykn eenyutu duuba isaa jira isa jedhu bal'inaan hin ibsine.

Guyyoota muraasa dura, Benjamin Netaaniyaahuun Iraan ijoollee isaa ajjeesuuf adamsaa akka jirtu dubbatee ture.

Yeroo sana garuu, haaliin ajjeechaa taasifamuu malee ilma isaa kam akka ta'e hin ibsine. Amma immoo ibsi Shin Bet baase kun, ilma inni dubbachaa ture Yahir Netaaniyaahuu ta'uu agarsiisa.

Iraan himannaa kana irratti hanga ammaatti deebii hin kennine.

Iraan duraanis, karoora Donald Tiraamp ajjeessuu ilma isaa ykn namoota biroo ajjeesuuf qopheessite jedhamee dhihaatu kamiyyuu kan mormitu ta'uu ibsitee turte.

Kanaaf, yeroo ammaa wanti mirkanaa'e, Shin Bet Yahir Netaaniyaahuu irratti sodaan guddaan jiraachuu isaa mirkaneessuu fi nageenya isaatiif gara Israa'elitti deebisuu isaati.

Himannaan Netaaniyaahuu torban darbe kan Iraan ijoollessaa ajjeesuuf adamsaa jirtu jedhu erga waraanni Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti gaggeessuu jalqabee asitti, walitti bu'iinsi naannawa sanaa hammachuun, Hogganaan Ol'aanaa Iraan Ayatollah Ali Khameni fi maatiin isaanii akkasumas qondaaltota olaanoo Iraan biroo ajjeefamani wal adamsaa turuu isaanii mul'isa.

Netaaniyaahuun, filannoo waliigalaa Israa'el Onkololeessa 27 gaggeeffamuuf ji'oota lama qofa yeroo hafette, paartiin isaa sagalee ummataa keessatti duubatti hafaa wayita jirutti, himannaa kana gaaffii fi deebii bilbilaan miidiyaa israa'el Chaanaalii 14 waliin godhe keessatti dhiheesse.

Netaaniyaahuun gabaasa dhaabbilee nageenyaa Israa'el keessaa tokko dorgomaa siyaasaa isaa tokkoof eegumsa kennuu diduu isaa ilaalchisee gaafatameen akkana jedhe.

Waan nama ajaa'ibu eegumsi barbaachisaan taasifamaa hin jiru, Ijoollee koo keessaa tokkoyyuu ajjjeesudhaaf yaalii godhaniiru, jechuun eegumsi nageenyaa jabaa akka hin taanee qondaalota nageenyaa biyyatti akeekkachiisanii ture.