Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchiinsa Doonaald Tiraamp jalatti Dinadgeen Ameerikaa akkam jira?
Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo kongaransii walakkeessaa adeemsifamuun duratti dinagdee akka guddisan, qaala'iinsa Jireenyaa akka hir'saniifi carraa hojii akka uuman himaa jiru.
Irra deddeebiin akki isaan jedhan 'Addunyaarratti Dinagdee haalan si'ataa ta'e uumneerra' kan jedhu.
Erga taarifa bara 2025 ifoomsaniin asitti qaraxni olka'aan meeshaalee alarraa gara Ameerikaa seenan irratti kaa'amee fi waraanni US Israa'eel kan Iraan irratti adeemsisan qaala'iinsa jireenyaa akka dabaleee fi dhiibbaan isaa lammiileerra akka gahe ragaaleen mul'isan jiru.
Karaa biraatiin ammoo dadammaqiinsi investimantii hubannoo Namtolchee dinagdee Aneerikaatiif gumaacheeera.
Haalota olitti ibsaman kunneen ida'amnisaanii dinagdee waliigalaa biyyattii irratti dhiibbaa akkamii fidan kan jedhurratti xinxaalli BBC Verify kunooti.
1. Dinagdee US guddachaa jiru
Akkaataa sadarkeessa hanga ammaatti jiruun dinagdeen Ameerikaa akka waliigalaatti yeroo ilaalamu guddataa jira.
Ragaan gudiina waliigalaa (GDP) waggaa keessatti harka 2.2 guddateera jedha. Kunimmoo erga bara 2024 asitti guddina waliigalaa irratti dinagdeen osoo Tiraamp waajjira marroo lammaffaaf hin seenin dura turerraa harka 3.2 guddateera.
Kuni ammoo biyyoota Garee 7 (G7) keessaa biyya guddina olaanaa galmeessiste ishee taasisa.
Dinagdeen Ameerikaa saffisa Fandiin maallaqa Addunyaa ittiin guddata jedhee tilmaameen oliin guddataa jira.
Yeroo Tiraamp meeshaalee biyyoota alaa irraa gara Ameerikaa seenan irratti qaraxa olaanaa kaa'uu ifoomsan dhaabbatichi dinagdee Ameerikaa fi fayyadamtoota irratti dhiibbaa uuma jedhee raagee ture. Garuu bu'aansaa akkas hin taane.
Tiraamp taarifa meeshaalee alarraa gara Ameerikaa seenan irratti kaa'an dhawaatuma hir'isaa fi kaasaa deemuun isaanii ammoo raagni suni akka hin dhugoomne waan godhedha.
Kana malees dhaabbileen teeknolojii kan hubannoo namtolchee gabbisaa jiran inveestimantii gurguddaa biyyattii keessatti babal'isuun dinagdee utubaa jiru.
Wiirtuuwwan daataa ijaaruudhaaf dhaabbileen biiznasii Ameerikaa ji'a Hagayyaa bara 2026 doolaara Biliyoona shan baasan. Kunimmoo yeroo Tiraamp marsaa lammaffaaf pirezedaantii ta'anii dhufan waliin yoo madaalamu dachaadha.
2. Qaala'iinsi jireenyaa olka'e
Filannoo bara 2024 irratti lammiileen Ameerikaa Jooyi Baayiden sababa weerara Koronaavaayirasiitti hidhateen jireenya waan nutti hadheesseef filannoodhaan adabna jedhanii yaadaa turan.
Ameerikaatti amma qaalaa'iinsi jireenyaa harka 3.7 irra jira.
Kuni bara 2022 yeroo Baayiden turaan harka 9 turerraa haalan gadi bu'uu agarsiisa. Haa ta'u malee kan ji'a Amajjii 2025 harka 3 turerraa oldabaleera.
Ogeessonni dinagdee osoo Tiraamp taarifa meeshaalee alaa galanii irratti kaa'uu dhiiseera ta'ee qaala'iinsi jireenyaa hanga ammaa jiru kanaa gaditti gadi bu'a ture jedhu.
Gama kaaniin ammoo lolli Iraan gatii anniisaaa idiladdunyaa olkaasuun, daddabarsaa fi rabsa boba'aa gufachiisuun qaala'iinsa biyya keessaa Ameerikaatiif gumaacheera.
Gatiin boba'aa Gaalooniin tokkoo kan konkolaachistoota qofa osoo hin taane qonna keessattis hojiirra oolu Fulbaana darbe seenaa keessatti gatii olaanaa jedhamu doolaara 6.52 gahe.
Gatiin foonii fi bunaas erga Tiraamp aangootti deebi'anii dhufanii dabaleera. Faallaa kanaa garuu gatiin Killee hir'ateera.
Dhiheessitoonni garuu gatiin boba'aa olka'uun sababa waraana Iraaniin mudate kuni wantoota nyaataaf oolan omishuu irratti gatii waan olkaasuuf deemee deemee gatii nyaataa kana caalaa dabaluu danda'a jedhu
3. Galiin namoota dhuunfaa booddeetti deebi'e
Bulchiinsa Doonaald Tiraamp jalatti galiin giddugaleessaa lammiileee guddataa jira.
Erga sirreeffamni qaala'iinsa jireeenyaa taasifameen booda galiin giddugaleessaa bara 2025 harka 2.6 guddachuun gara doolaara 87,460 seenaa keessatti isa olaanaa ta'ee gaheera.
Haa ta'u malee inistituutiin gibiraa fi imaammata Poolisii dhiibbaa galii lammiilee irratti dhufee kana dureessonni harka 1 ta'an sababa Tiraamp gibira hir'isaniin waan argachuu malanirraa giddugaleessaan galiin isaanii doolaara 12,560 dabaleera.
Akka inistituutiin kuni jedhutti dhiibbaan taaarifa Tiraamp kaa'anii kuni akkaataa galii maatiitiin dhiibbaan isaa gargari.
4. Carraa Hojii uumuun gadi bu'aa deeme
Tiraamp akki dura jedhan taarifni omishaalee alaa galan irra kaa'amu Ameerikaa keessatti carraa hojii bashbash akka ta'u godha kan jedhu ture. sababni isaas dhaabbileeen omishaa yeroo taarifni itti baayyatu Ameerikaatti warshaa isanii hundeessuuf dirqamsiisuun carra hojii manaatti fida kan jedhuuni.
Erga Waayit Haawusitti deebi'anii ji'a ji'aan carraalee hojii kuma 34 haaraan gara dinagdeetti seenuu danda'aniiru.
Kuni garuu baatii dhumaa Jooyi Baayiden waajjira turan waliin walbira qabaamee yoo ilaalamu carraan hojii 122,000 gadi bu'eera.
Lakkoofsi lammiilee Ameerikaa damee maanufaakchariingii keessatti carraa hojii argatanii Fulbaana 2026 miliyoona 12.6 yoo ta'u, yeroo Tiraamp marsaa lammaffaaf aangootti dhufan waliin yoo madaalamu gadi bu'eera.
Haa ta'u malee dimshaashan yoo ilaalamu hoji dhabdummaan harka 4.2tti gadi bu'eera.
Kanaaf kan gumaachan keessaa ammoo Tiraamp lammiileen biyyoota biroo biyya isaniitti deebisuu fi godaansa irratti tarkaanfii isaan fudhatani.
5. Liqaan olka'aa deeme
Hammeentaa Liqaa mootummaa Ameerikaa erga Doonaald Tiraamp marsaa lammaffaaf aangoo qabatanii asitti dabaleera.
Fulbaana bara 2026 garaagarummaan taaksii walitti qabamuufi baasii mootummaa gidduu doolaara Tiriiliyoona lama gaheera. Kunimmoo GDP waliigalaa biyyattii keessaa harka 6 akka jechuuti.
Garaagarteen galii fi baasii kuni bara 2030tti ammoo gara dhibbeentaa 8 akka guddachuu malus tilmaamameera.
Waliigalaan yoo ilaalamu garuu hammeentaan liqeeffachuu mootummaa dabalaa deemuun kuni dinagdee waliigalaa guddisuuf gumaachaa jira.
Fandiin Maallaqaa Idiladdunyaaa,IMF hammeentaan liqii Ameerikaa dabaluu fi garaagarummana baasiifi galii walgataa deemuun kuni fuuladuratti rakkoo faayinaansii hamaa uumuu mala jechuun akeekkachiise.
Hammeentaan liqii mootummaa Ameerikaa kuni olka'aa deemuun liqii lammiileen liqeeffatan irratti dhalli akka olguddaata adeemuufis gumaachaa jira.
Dhalli liqaa waggaa 30 kan yeroo Tiraamp waajjira seenan harka 6.9 ture irraa amma harka 7.4tti guddateera.
Kunimmoo gabaa mana jireenyaa Ameerikaa irratti dhiibbaa uumuun namoota haaraa mana bitachuu barbaadanitti ba'aa ta'a.