"Meeshaan waraanaa biyya tokkoof gahu karaa Mitsuwaan TPLFfiif dhiyaate" to'atameera - Fiild Maarshaal Biraanuu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Walakkeessa ji'a Fulbaanaarraa kaasee lola taasifameen karaa " Ulaa Galaanaa Mitsuwaa meeshaan waraanaa biyya giddugaleessaaf ta'uu danda'u humnoota Tigraayiif dabarfame" booji'uu isaa Itaamaajir Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa himan.

Fiild Maarshaal Birahaanuun aanga'oonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) magaalaa kibba Ertiraa taate "Mendefer galaniiru" jedhan.

Itaamaajor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Itoophiyaa kana kan jedhan, haasaa kabaja waggaa 119ffaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Finfinneetti Dilbata har'aa Onkoloolessa 25, 2026 gaggeeffamaa jirurratti haasaa taasianiinidha.

Haasaan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa taasisan irra caalaan kan fuulleffate waa'ee lola A L I Fulbaana 13 jalqabamee booda humnoonni federaalaa fi humnoonni michoota isaa ta'an magaalota naannoo Tigraay to'ataniidha.

Lolli kun kan ka'e TPLF, Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa, akkasumas Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dabalatee dhaabbileen hidhatanii fi dhaabbileen siyaasaa torba Itoophiyaa morman tumsa ijaarrachuu isaanii labsatanii guyyoota muraasaan boodadha.

Tumsi 'Itoophiyaa Izbaawwii Hayilooch Tibibbir Le Hilliwunnaa' jedhamu kun "mootummaa ce'umsaa" hundeessuu akka socho'an beeksisaniis ture.

Fiild Maarshaa Birahaanuu haasaa isaanii har'aa kanaan, "baandaawwan ija jabeeyyii 'raayyaa ittisa biyyaa diigna, mootummaa ce'umsaa fidna' jedhan falaffalamaniiru [baayyataniiru] jedhan.

"Hidhattoonni kunneen "Hiiroo [utubaa] biyyattii diiguun, warra biyya diiguuf kajeelan" jechuun kan ibsan Itaamaajor Shuumiichi, "isaan uumama seenaa keessatti diina Itoophiyaa ta'aniin oofamanii fi dhiibaman, warra fottoquuf hojjetanii fi shororkeessaa ta'an, ergama ormaa warra baatanidha," jechuun ibsan.

Lola ji'a tokko dura jalqabame kana Masiriin, Sudaan, akkasumas Ertiraan akka harka keessaa qaban ibsuun, himannaa mootummaan federaalaa dhiyeesse irra deebiin kaasaniiru. Tumsa "Masirii irraa hanga Kaartuum, akkasumas hanga Asmaraatti qindaa'e" jechuun ibsan, "TPLFn erguun karaa Walloo Kaabaa, Waagii fi Affaariin waraana banuu" ibsan.

Haata'u malee, "waraana ofiin bane kanaan dhabamsiifameera," jedhan. Lola kanaanis meeshaan waraanaa hangi isaa guddaa ta'e karaa Ertiraa irraan galeera jedhan qabamuu isaas itti dabaluun dubbataniiru.

"Meeshaa waraanaa biyya giddugaleessaa tokkoof gahuu danda'u karaa Ulaa Galaanaa Mitsuwwaa isaaniif dabarfame raayyaan keenya to'ateera" jedhan. "Raayyaan keenya haqa Waaqaatiin gaggeeffamee garee 'Tsimdoo' torba, humnoota wal tumsan, humnoota alaa duubaan jiran sadii mo'ateera," jedhan.

"Xoofaa diigumsa raayyaa ittisaaf hawwan ofii dhuganii qabeenya Tigraay fe'anii Mendefer galaniiru," jechuun hoggantoonni TPLF gara Ertiraatti ce'aniiru jechuun ibsaniiru.

Humnoonni Tigraay, "tooftaaf of duubatti deebine" jechuu isaanii eeruun, "ogummaa waraanaa keessatti of duubatti deebiyuun humna hunda gatanii guyyoota kudhan keessatti Walloo Kaabaa fi Affaar irraa [ka'anii] Meendefer keessatti argamuu jechuu miti," jechuun himannaa isaanii jabeessaniiru.

Itti dabaluun, "[TPLF] amma gara miiltoo isaa Shaabiyaa deemeera. TPLF yoo isaaf danda'ame gufuun shanaffaa akka isa dhoofne sammuu irraa isa deebisu hin qabu. Haata'u malee, carraa shanaffaa akka qabaatu hin goonus," jedhaniiru.

Himannaa aanga'oonni TPLF gara Ertiraatti ce'aniiru jedhu TPLF fi mootummaan Ertiraa tibba kana kufaa godhanii ture. Itti aanaan dura ta'aa TPLF Amaanu'eel Asaffaa 'hoggansi [TPLF] Tigraay keessa hojjechaa jira" jechuun madda oduu Faransaayitti dubbateera.

Haaluma wal fakkaatuun Ministirri Beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabremasqal "soba" jechuun himannaa kana kufaa gochuu maddi oduu kun gabaaseera. Mootummaan Ertiraa himannaa hidhattoota Itoophiyaa keessa socho'an deeggara jedhamuun irratti dhiyaatus waakkateera.

Itoophiyaan "maqaa ofirraa ittisuu jedhuun" waraana biyya walabaa miseensa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii taate irratti banuuf sababa qopheeffachuu yaalaa jirti jechuun Ertiraan xalayaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Mana Maree Nageenyaa (UNSC)f barreessiteen beeksifteetti.

Masirii fi Sudaansi haaluma wal fakkaatuun himannaa kana fudhatama hin qabu jedhaniiru.

Itaamaajor Shuumiin Waliigalaa Fiild Maarshaal Birhaanuun haasaa isaanii har'aa kanaan dhimma Laga Abbayyaa fi Galaana Diimaas kaasaniiru. Laga Abbayyaa "badhaasa uumamaa Itoophiyaa" jechuun kan ibsan yoo ta'u, Galaana Diimaa ammoo "akka nuti Itoophiyaanonni itti fayyadamnuuf uumaan kan diriirsedha" jechuun ibsaniiru.

"Bishaan lachuu qaxanichaaf kan gahanidha," kan jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuun, "haata'u malee kakaatuu qofaan dhuunfadha jedhurratti qabsaa'aa jirra" jechuun dubbatan. "Mootummaan Itoophiyaa fi Raayyaan ittisa Biyyaa faayidaa Itoophiyaa bishaan lamaanirraa argamu kabachiisuun ala filannii hin qaban," jechuun dubbatan.

Mootummaan Itoophiyaa A L I bara 2016 irraa kaasee fedhii karaa Galaana Diimaa ulaa galaanaa argachuuf qabu ibsaa tureera. Dhimma ulaa galaanaa ajandaawwan mootummaa keessaa adda duree ta'ee baha ajiruun Asab ka'uu hordofee mootummaan Ertiraa Finfinneen humnaan qaama bishaan kanaa qabachuuf jechuun himannaa dhiyeesseera.

Lolli miillanaa ka'uu isaa fi loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuu isaanii hordofee biyyoonni lamaan waraanatti seenuu danda'u sodaan jedhu uumameera.