Fakkii, agarsiisaa fi humna: Suuraalee Afrikaa filatamoo

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Suuraalee Afrikaa filatamoofi isaan ala jiran akkasiin isiniif qixeessineera:

Dhiironni kunneen kubbaa miilaa naannoo fakkii dubartii Goofaree mudaa hin qabne qabdu agarsiisu biratti taphatu, ollaa Daakaar keessatti.
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Kibxataatti yeroon kubbaa miilaa Senegaal magaalaa Daakaar keessatti wayita taphatamutti, dhiiroonni wayita lafa cirrachaa naannoo qarqara galaanaatti taphataniidha.
Nama ija kuduraa harkatti qabatee jiruudha
Ibsa waa'ee suuraa, Hojjettoonni qonnaa kaaba Masrii keessatti gaafa Dilbata oomisha sassaaban agarsiisu tokkodha. Dilbanni biyya Muslimoonni baay'inaan keessa jiraataniitti guyyaa boqonnaa miti.
 Keessummoonni bakka shubbisaa halkanii Peeppar kan Abujaatti argamutti osoo shubbisanii.
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni halkan magaalaa guddoo Naayijeeriyaa keessatti bashannanaaf gara waltajjii shubbisaatti ol ba'an...
Maamiltuun tokko kutaa ofee itti suuraa of kaastuu faayamte osoo suuraa ka'aa jirtu.
Ibsa waa'ee suuraa, Bakka Abujaatti argamu kun maamiltoonni akka bashannaniifi eddoo itti suuraa ofee itti ka'an garaa garaa qaba.
Ijoollee uffatta guraachaaf
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni garee magaalaa Paantsulaa agarsiisa daandiirraa guyyaa Sambataan dura osooi qophaa'anii...
Shubbistoonni, sirbitoonnii fi jiraattonni waggaa waggaan magaalaa Afrikaa Kibbaa Johaanasbarg keessatti sagantichaaf walitti qabamu.
Ibsa waa'ee suuraa, Shubbistoonni, sirbitoonnii fi jiraattonni waggaa waggaan magaalaa Afrikaa Kibbaa Johaanasbarg keessatti sagantichaaf walitti qabamu.
Dhiiraa fi duubartii suuraa ka'uuf afaa diimaarra dhaabbatan
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriyoonni gaa'elaa lammii Faransaay-Aljeeriyaa Kaarim Benzemaa fi Liinaa Kihuudri, Kamisa darbe yeroo jalqabaaf hafaa diimaarratti waliin mul'achuun
Taphataan kubbaa miilaa fi taatuun kun Feestivaala Fiilmii Kaan irratti hirmaachaa turan.
Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan kubbaa miilaa fi taattuun kun Feestivaala Fiilmii Kaans irratti hirmaachaa turan.
Dubartii uffata tapha teensii uffattee
Ibsa waa'ee suuraa, Maayaar Sheriif lammii Masrii kan taa'ee, tapha teenisii lammii Raashiyaa Ludmilaa Samsonova waliin guyyaa Wiixata wayita baniinsa Faransaay Paarisitti taphatte irratti kubbaa ijaan osoo ilaalaa jirtu.
Guyyaa Dilbataa dubartoonni daandii magaalaa guddoo Aljeeriyaa irratti naanna'an suuraa garee kubbaa miilaa biyya keessaa 'MC Alger' faarsu fuldura dhaabbatu.
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Dilbataa dubartoonni daandii magaalaa guddoo Aljeeriyaa irratti naanna'an suuraa garee kubbaa miilaa biyya keessaa 'MC Alger' faarsu fuldura dhaabbatu.
Dhiiroota uffata wal fakkaataa uffachuun waliin faarafan
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni garee 'Isicathamiya' Afrikaa Kibbaa Dilbata darbe magaalaa Darbanitti agarsiisa irratti onnee isaaniirraa yoo sirban. 'Isicathamiya' waan addaa, akkaataa gareen faarfattoota hawaasa Zuuluu godaantootaa irraa akka madde himama.
Gareen dhiirotaa tokko karaa kamiin akka deeman yeroo murteessan bosona roobaa keessa deemaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Gareen miseenstoora waardiyyaa dhiirotaa dhaabbatanii karaa kamiin akka deeman yeroo murteessan bosona cimaa keessa imaluun eegumsa taasisan.
Abbaan suuqii kan daldalli jalaa qabbannaa'ee tokko magaalaa guddoo Morookoo Raabaat keessatti maamiltoota eegaa jiruu.
Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan suuqii kan daldalli jalaa qabbannaa'ee tokko magaalaa guddoo Morookoo Raabaat keessatti maamiltoota eegaa jiruu.
Tuunaan guddaan kun qurxummii Jimaata darbe gabaa magaalaa guddoo Liibiyaa Tiripoolii keessatti gurguramaa ture keessaa tokkodha.
Ibsa waa'ee suuraa, Tuunaan guddaan kun qurxummii Jimaata darbe gabaa magaalaa guddoo Liibiyaa Tiripoolii keessatti gurguramaa ture keessaa tokkodha.
Cilalluun lafa Afrikaa gurguddoon wayita maangoo, raafuufi buqqee sooratan
Ibsa waa'ee suuraa, Cilalluun lafa Afrikaa gurguddoon Dilbata darbe agarsiisa qonnaa fi qabeenya loon idil-addunyaa Ivorii Koost keessatti gaggeeffamu irratti yeroo agarsiifaman maangoo, raafuu fi buqqee yoo sooratan.
Dubartoonni uffataa aadaa affutan qophii ofiseelaa irratti wayita faarfatan
Ibsa waa'ee suuraa, Naamibiyaan guyyaa yaadannoo duguuggaa sanyii jalqabaa Roobii darbe gaggeessitee jirti. Gama biraatiin ammoo biyyattiin beenyaa Jarmanii irraa argachuuf dhiibbaa gochuu itti fufteetti. Humna koloneeffataa duraanii kun jaarraa darbee irratti lammiilee Afrikaa kuma 80tti siqan sirnaan ajjeechaa raawwatameef komatamuu akka qabu amanee jira.
Dubartiin seeqaa daraaraa namoota harkaa fudhattu
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Jimaata darbee hiriyyoonni aktivistii lammii Yugaandaa Agather Atuhaire erga aanga'oota Taanzaaniyaan gadhiiftee booda simataniiru. Himata to'annaa isaanii keessatti reebamuu fi gudeedamu dhiyeessite irrattis yaada hin kennine.
Lammii Afrikaa Kibbaa Keelii Ismiiz kan intalashee waggaa jahaa gurgurachuun hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii lammii Afrikaa Kibbaa Keelii Ismiiz guyyaa Kamisa darbe intala ishee kan ganna jahaa gurguruu isheetiin hidhaan umurii guutuu yeroo itti murtaa'u bo'aa turte. Mucaanshee Joshliin Ismiiz Guraandhala 2024 kan bade hanga ammaattuu essa buuteenshee hin baramne.
 Saroonni adamsitootaa sadii
Ibsa waa'ee suuraa, Jimaata darbe, saroonni adamsitootaa sadii qarqara galaanaa Tuuniziyaa irratti yoo utaalan