Seerota haaraa Waancaa Addunyaa: Rukuttaa koornaa, karra eegaan yeroo gubuufi afaan haguuganii dubbachuu

Madda suuraa, Getty Images
Boordiin Waldaa Kubba Miilaa Idil-Addunyaa (IFAB) Waancaa Addunyaa baranaa dursee seerota gurguddoo baaseera.
Waancaa Addunyaa Ameerikaa, Meksiikoo fi Kanaadaan waliin tahuun qopheessan irratti seeronni kunneen guutummaan hojiirra oolu.
Garuu seeronni jijjiiraman isaan kam fa'i?
Gahee VAR
Viiidyoon Gargaaraa Murteessaa VAR isa kana duraa caalaa amma dhimmoota hedduu galee ilaaluu danda'a.
Rukuttaa koornaa dogogoraan kenname yoo jiraate sirrii tahuu mirkaneessuuf ilaaluu danda'a. Kana dura waan akkanaa hin turre.
Kaardii diimaa erga kaardii akeekachiisaa lama argachuun kennamu ilaalchisee murtoo inni lammaffaa dogogora yoo tahe VAR irra deebiin ilaaluun haqsiisuu danda'a.
Kana jechuun kana dura kaardii akeekkachiisaa [ keelloo] yeroo kennamu VAR gidduu hin galu ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaardiin akeekkachiisaa lama yeroo kennamee taphataan tokko kaardii diimaan dirree keessaa bahus VAR gidduu hin seenu. Kan ilaalamu yoo kallattumaan kaardii diimaa kenname qofa.
Amma seerichi waan jijjiirameef VAR kaardii keelloo ykn akeekkachiisaa kennamu gidduu seenuun ni ilaala.
Balleessaa taphataan biraa hojjeteef dogogoraan taphataan tokko kaardii akeekkachiisaa yoo argate VAR gidduu seena.
Taphattoonnis tahe leenjistoonni afaan haguuguun hin dubbatan
Taphataan tokko taphataa garee fallaa keessaa tokko waliin wal dhabee afaan isaa tiishartii isaan ykn ciqilee isaan ykn ammoo harkuma isaan haguugee yoo dubbate adabbiitu isa eeggata.
Waan kun akka waan ogeessonni viiidiyoo irraa waan inni dubbate dubbisuu ykn hubachuu hin dandeenyeef jedhamee waan yaadameef seerri haaraan kun bahe. Tarii arrabsoo sanyummaa tahuu mala kan jedhuun akka seerri kun bahes himameera.
Seerri kun akka bahuuf sababa kan tahe ammoo wal dhabdee Viinishiyes Juunerii fi taphataa Benefikaa Jiyaanluukaa Pirestiyaanii gidduutti dhalatedha.
Pirestiyaaniin afaan isaa tiishartii isaan haguuguun na arranseera jedhee Viinishiyes himanaan taphaticha irratti adabbiin darbeera.
Taphataan ykn leenjisaan akkas godhee argame kaardii diimaan adabama.
Seera sekondii 10 fi sekondii shanii
Seera sekendii 10: Kana dura gareen gooli galchuun dursaa jiru ykn qixa bahuu akka gaariitti ilaalu yeroo gubuun beekama.
Jijjiirraa taphattootaa irratti suuta deemanii bahuun yeroo gubuu, sarara isaanitti dhiyoo jiru dhiisuun karaa fagoo bahuf yaaluun fa'aa akka tooftaa yeroo gubuutti ilaalama.
Akka seera haaraa baheetti taphataan jijjiiramee dirree keessaa bahu sarara isatti dhiyoo jiru irraan bahuu qaba.
Akka bahu lakkoofsi isaa agarsiifamee sekendii 10 keessatti dirree keessaa bahuu qaba jedha seerri amma bahe.
Yoo akkas gochuu dide taphatichi bahee inni haaraa galu ammoo yoo xiqqaate daqiiqaa tokko ala dhaabbachuun gala jedha. Yeroo kana gareen isaa taphattoota hir'uun taphatu jechuudha.
Seera sekendii shanii: Tooftaan biraa yeroo gubuuf fayyadamaa turan Kubba dafanii jalqabuu dhabuu, kubba sarara baate darbachuu dhiisuu fa'aati.
Kana hanbisuufi tapha ariifachiisuuf jecha seerri haaraan bahe.
Murteessaan yoo taphataan tokko tahe jedhee yeroo gubuuf jecha yaalaa jira jedhee yaade sekendii shan lakkaa'uu jalqaba. Hagasitti kubba taphatti hin galchine taanaan garee fallaaf kennama.
Yoo karra eegaan kubba qabatee dafee jalqabsiisuu dide rukuttaan koornaa garee fallaaf kennama.
Taphataan miidhamee dirree keessaa bahe
Taphataan osoo taphatuu miidhamee yaalamee yoo xiqqaate daqiiqaa tokkoof dirree keessaa bahee dhaabbachuu qaba.
Yoo miidhamichi baay'ee ulfaataa tahee fi karra eegaan miidhame qofa addatti ilaalamuu danda'a.
Taphattoonni finciluun dirree keessaa bahuu
Taphataan kamiyyuu fincilee dirree keessaa baanaan kallattumaan kaardii diimaan kennamaafii.
Yoo gareen sun waliigalee akka Senegaal Waancaa Afrikaa irratti Morookoo waliin osoo taphatanii dhiisanii bahan sana yoo godhame taphichi haqamee gareen faallaa akka mo'ateetti kennamaafi.
Karra eegaan yeroo gubuu
Miidhama fakkeessuun karra eegaan yeroo gubuu ilaalchisee seerri haaraan baheera.
Yeroo karra eegaan waan miidhamu fakkeessee kufu ykn yaalamus tahe dhugumaan miidhamee yaalamu taphattoonni kaan gara leenjisaa isanaii deemuun gorsa argachuu hin danda'an.
Warra seera cabsan ilaalchisee garuu tarkaanfiin naamusaa fudhatamu ibsame hin jiru.















