Arsenaal Kuruuppiifi Roojars mallatteessisuuf adamsuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal aarri diimaan Dilbata dheengaddaa daandii magaalaa Landanitti gammachuun aarsaa ture osoo hin badin qophii Pirimeerliigii dhufuuf taphattoota adamsuu eegale.
Kilabni waancaa nyaate deebi'ee kufuu akka danda'u Arteettaan Liivarpuul irraa barachuu qaba. Liivarpuul bara darbe waancaa nyaatuus barana garuu daddaaqamaaa bahe. Kanaaf Arteettaan carraan akkasii akka isa hin mudanneef gareesaa caalmatti ijaarutu isa barbaachisa.
Sambata darbe PSGdhaan mo'amee erga galee booda Arteettaan marsaa ittaanu waancaa "kan keenya godhachuuf murteewwan barbaachisaan fudhannu jira" jechuun dubbate.
Oduu jijjiirraa dabalatee qabxiiwwan ijoo Arsenaal torbanoota itti aanan eeggatan BBCn akkanaan xiinxaleera.
Waliigaltee haaraa Arteettadhaaf
Waliigalteen Arteettaan kilabicha wajjin qabu dhuma bara taphaa ittaanuu xumurama. Kilabichi xiyyeeffannoonsa guddaan ganna kanaa waliigaltee Arteettaa haaressuudha.
Kilabichi hanga dorgommii bara kanaa xumuramutti waa'een waliigaltee haaressuu yeroof akka hin kaane godhamuu BBC Sport gabaasee ture.
Arteettaan bara kana Pirimeerliigii erga milkeessee booda amma boqonnaa bahee deebi'utti waa'een waliigaltee haaressuu waan ka'u miti.
Arteettaan gaafa boqonnaa irraa deebi'u Arsenaal waliin turuuf waliigaltee waggaa sadii akka mallatteessu BBCn maddeenirraa odeeffateera.
Mindaansaa waggaa paawundii miliyeena 10 yoo ta'u, dorgommii Shaampiyoons Liigitiin xumuraaf gahuusaaf ammoo paawundii miliyeena 5 dabalataan ni argata.
Waliigaltee haaraa mallatteessuuf deemuun garuu leenjistoota Ingilaand keessaa mindaa guddaa akka nyaatu isa taasisa.

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal taphattoota haaraa mallatteessisuu, kaan ammoo gurguuf jira
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Artettaan dorgommii bara dhufuuf sarara gidduu, sarara duraafi dudduuba irratti taphattoota haaraa barbaada.
Haa ta'u garuu kilabichi yaada Arteettaa kana guutummaatti fudhata jechuun rakkisaadha. Bara darbe kilabichi paawundii miliyeena 250 baasuun taphattoota Artettaan nan barbaada jedhe biteefira.
Bara kana kana ammoo Pirimeerliigii milkeessuu isaaniif maallaqa dabalataa kaffaluuf qaba. Baasii kanneen wal-bira qabuun gaaffii haaraa Arteettaan dhiyeessu hundumaa ni guutaf jechuun rakkisaa ta'a.
Ta'us garuu karorsuu hin dhiisne; sarara duraatiif taphattoota sadirra ija kaa'ateera. Aston Viilaa irraa Moorgaan Roojars, Boornimaaz irraa Elii Juuniyar Kiruuppifi jifataa Atileetikoo kan ta'e Juliyaan Alvaareezi.
Kirruuppifi Rooojars tokkoo tokkoonsaanii paawundii miliyeena 80 gatiin kan murameef yoo ta'u, Alvaareez bituuf ammoo paawundii miliyeena 120 isa gaafata.
Taphattota kanneen bituuf ammoo taphattoota sarara duraa amma qabu, Gabreel Yesuus, Gabreel Maartineeliifi Tiroosaad gurguruu qaba.
Ergisaan Maarsee irraa erga tureen booda kan deebi'e Etaan Waneeriis egereensaa hin baramne.
Taphattoota akka Kiriistaan Noorgaardfi Been Waayit fa'aas kennuuf qalbiidhaa qaba. Faabiyoo Veeraafi Riis Neelsan bahuu danda'u. Yaaqoob Kiwoor Poortotti gurgureera.
Moorgaan Roojars bituuf mariin jalqabus Maartiin Odigaard fi Ebereechee Ezee bakkasanatti gahuumsan waan taphataa jiraanif Moorgaan fiduun ammatti xiyyeeffannoo guddaa ta'uu dhiisus mala.
Roojars bitaarran kan taphatu ta'us, taphataa bakkaa bakkatti socho'ee taphatu ta'uunsaa Arsenaalif qabeenya guddaadha.
Taphataa ganna 23 kana Arsenaal qofaa osoo hin taane, Maan Yunaayitidis ija irra kaa'ateera.
Maddeen garaa garaa akka jedhanitti, Roojars bara taphaa ittaanutti Arsenaalitti makamuuf qophiidha.
Kiruuppiin taphataa biraa Arsenaal akkaan barbaadudha. Taphataan ganna 19 kun bara dorgommii Pirimeerliigiii darberratti galchii 13 lakkoofsisuu danda'eera.
Sarara fuulduraa irratti Arsenaal jifataa cimaa barbaada- kanaaf ammoo Alvaarezin mallatteessisuuf fedhii guddaa agarsiisera.
Gama biraan ammoo Barseloonaan Alvaarez fudhachuuf abbalaa jira.
Lewiis Iskeelii gahuumsan cimaa dhufuun taphataa sarara gidduu akka hin binne gochuu mala
Taphataan Arsenaal qe'umatti guddise Lewiis Iskeelii bara gahuumsa gaarirra jiraachuunsaa, kilabichi taphataa sarara gidduu kan biraa akka hin mallatteessine gochuu mala.
Gama biraan ammoo taphataa sarara gidduu Weest Haam kan ta'e Maatiyaas Fernandees fudhachuufis mariyataa jira.
Maatiyaasifi Lewiis Iskeelii taphattoota sarara gidduu garaa garaa ta'anis, Lewiis Iskeelii gahuumsa cimaa agarsiisaa dhufuun Arsenaal yaadasaa akka jijjiiru gochuu danda'a.
Sarara duubaaf ammoo Niwukaasiil irraa Tiinoo Livrameentoo fudhachuu barbaada. Garuu ajandaasaa guddaan ganna kanaa waliigaltee Juuriyaan Tiimbar dheeressuudha.
Gam biraan utubaa sarara gidduu kan ta'e Diklan Raayis kontiraatasaa dheeressuuf jedha.
Arsenaal hojiisaa ijoon ganna kanaa, Arteettaa waliin waliigaltee haaraa mallatteessuu; Timbarifi Raayis ammoo waliigalteesaanii dheeressuudha.
Gama kaaniin ammoo taphattoota sarara duraa kanneen akka Gabreel Yesus, Gabreel Maartineelifi Tiroosaad fa'aa gabaa baasunis hojiisaa ijoo kannan kanaati.












