Lola Yaman keessaa baqachuun namoonni 1,400 Jibuutii seenan - Aangawaa

Madda suuraa, Getty Images
Lola Yaman keessatti hammaateen namoonni yaadda'aan Galaana Diimaa ce'un gara Jibuutii seenuu aangawaan olaanaa biyyattii dubbatan.
Ministirri Dinagdeefi Faayinaansii Jibuutii Iliyaas Musaa Dawaalee sa'aatii 24 darbe qofa namoonni 1,400 ta'an Yamanirraa Jibuutiitti baqachuu X gubbaa barreessaniiru.
Yaman keessatti keessumaa tibbana humnoota mootummaafi hidhattoota Huutii mootummaa Iraaniin deeggaraman gidduutti lolli cimeera.
Hidhattoonni Huutii guyyoota muraasa darban bakkeewwan Yaman qarqara Galaana Diimaa jiran to'achaa jiranitti waraanichi bakkeewwan mootummaan to'atetti babal'ataa jira.
Akka aangawaan Jibuutii jedhanitti namoonni baqatan kuni Ulaa Baab El Mandab qaxxaamuruuni kan Jibuutii seenan.
Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM)'tti qindeessan gargaarsa namoomaa kan ta'an Saafiyaa Ibraahim AFP'tti akka himanitti, namoota magaalaa Jibuutii Obook dhaqqaban keessaa dubartoonniifi daa'immanis jiru.
Akka hojjetaa dhaabbata godaantotaa kanaatti lolli humnoota waraanaa Yamaniifi hidhattoota Huutii gidduu waan itti fufeef guyyoota itti aanan namoonni dabalataa gara Jibuutii baqachuu malu.
Akka ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti, walitti bu'iinsa hammaataa jiruun baatii Adoolessa keessa eegalee namoonni 76,000 ta'an Yaman keessatti buqqa'aniru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Keessumaa torban darbe lolli akka haaraatti erga eegale booda lakkoofsi namoota buqqa'anii dachaa afur dabaleera.
Hidhattoonni torban darbe humnoota waraanaa Yaman Sa'udiin deeggaraman irratti haleellaa haaraa bananii bakkeewwan Ulaa Baabel El Mandab irratti qiyyaafataniiru.
Guyyoota dhihoos qarqara Galaana Diimaa irratti haleellaa cimsuun magaalaa buufata doonii Mokaa jedhamtu to'ataniiru.
Lola baatiiwwan darban keessa humnoota waraanaa Yaman fi hidhattoota Huutii gidduu adeemeen gama lamaaniinuu loltoonni dhibbaan lakkaa'aman du'uu gabaafameera.
Hidhattoonni Huutii bakkeewwan qarqara Galaana Diimaa jiran akkasumas odolawwan jiran to'achuun gaafa Jimaataa immoo odolaa Ulaa Baab El Mendeb kan dooniwwan ijoo addunyaa Galaana Diimaafi bo'oo Siwuz Kanaal seenuf fayyadaman bira jirtu to'achuun bakkichatti irree isaanii cimsaa jiru.
Iraan erga Ulaa Hormuz cufte booda keessumaa Sa'udi Arabiyaan boba'aa ishee gabaa addunyaaf dhiheessuuf ulaa Baabel El Mandeb fayyadamti turte.
Haa ta'u malee, dhibdee yeroo booda Sa'udi Arabiyaa waliin dhalateen Sa'udiin dooniiwwan ishee karaa Galaana Diimaa akka hin dabarsine hidhattoonni Huutii dhorkaniiru.


















