Vilaadmiir Puutin gaaffii Zeleniskiin qaamaan wal arginee mari'anna jedheef deebii kenne

Presidentii Raashiyaa Vilaadmiir Putin

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin xalayaa banaa Pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin qaamaan wal arginee haa mari'annu jedhee ergeef deebii kenne.

Puutin waanti anaafi Zeleniskiin wal arginuufii hin jiru jedhe.

Kamisa dheengaddaa Zeleniskiin ''Ameerikaa teenyee eeguun keenya dogoggora'' waan taheef anaaf ati qaamaan wal arguun waraana kanatti xumura haa goonu jedhe.

Akkasumas Zeleniskiin dubbii baacoo fakkaatuun erga Puutin tuqee mari'achuuf dhukaasa dhaabuu qabnas jedhe.

Puutiin dubbii Zeleniskii kana ''safuu kan hin beekne'' jedhee ibsee qaamaan wal argee mari'achuuf gaaffii Zeleniskiin dhiyeesse akka hin fudhanne ibse.

Dhukaasa dhaabanii mari'achuu osoo hin taane, dhukaasa dhaabuun dura marii nagaa gaggeessuu qabna jedhe.

''Ammaaf dhimmatti wal arginu tokko natti hin mul'atu" kan jedhe Puutin ''fuulaa fuulatti wal arguuf haala mijeessuudhamoo qaamaan wal arginee mari'achuuf akka haalli hin mijanne gochuudha? Anaaf isa lammaffaa natti fakkaata'' jedhe.

Zeleniskiin erga deebii Puutin kana dhagahee ''ammas waraana filate jechuudha'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Waraanichi akka xumuramu hin barbaadu. Deebii isaa kanaan hedduun addunyaa kanarraa eegaa turan gaddaniiru'' jedhe.

Dhukaasa dhaabuu kan barbaadaniif Yuukireen irra deebiin of gurmeessuufi malee fedhii nuyi gaafannes nuuf hin guutu jedhe.

''Yuukireen kana kan barbaadduuf akka humni waraanaa keenya fuulduratti hin deemneefi. Garuu waliigaltee barbaanna. Ji'a sadiif ykn ji'a jahaaf osoo hin taane yeroo dheeraaf'' jedhe.

''Mee ogeessonni wal arganii irratti hojjechuun furmaata qabatanii haa dhufan. Sana booda wal arguu dandeenya'' jedhe Puutin.

Raashiyaan kan waraana dhaabdu yoo kaayyoon ishee hundi galma gahe qofadha jedhe.

''Tarkaanfiin waraanaa guyyaa tokko numa dhaabbata. Kaayyoo keenya galma geenyaan ni dhaabbata jedheen yaada.''

Kaayyoon Raashiyaa Yuukireen lafa ishee amma loltoonni Raashiyaa gariin jalaa qabatan akka Dooneski, Luhaanisk, Kehersanii fi Zapoorzhiyaa keessaa akka bahanidha.

Akkasumas miseensa NATO akka hin taane kan jedhudha. Yuukireen ammoo lafa ishee kuttee kennuu hin barbaaddu. Inumaayyuu Raashiyaan yaaddoo caalu nutti taati jedhu.

Zeleniskiin xalayaa barreesse keessatti Puutin lafa guuruu isaafi haleellaa diroonii cimaa Yuukireen Raashiyaa irratti gaggeessaa jirtu akka qoosaa fakkeessuun kaasaniiru.

Puutin garuu xalayaan Zeleniskii inumaayyuu waan safuu cabse of keessaa qaba jedhe. Tiraamp gaggeessitoonni lameen wal arguun osoo mari'atanii gaariidha jedhee ture.

Jimaata kaleessaa Yuukireen dooniiwwan shan fe'umsa seeraan alaa qabatan qarqara galaana Azoov bakka loltoonni Raashiyaa qabatan keessatti haleeluu ibsite.

Ajajaan diroonii Yuukireen Robert Brovdi, dooniiwwan kunneen midhaan Yuukireen ''hatanii'' fe'atanii deemaa turan jedhe.

Boba'aa fi meeshaalee waraanaa ammoo dabarsaafii turan jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Azarbaajiyaan haleellichaan namoonni shan du'uu ibse.