Netaaniyaahuun waraanni isaa Hezbollaah irratti 'tarkaanfii cimaa' akka fudhatu ajaje

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamin Netaaniyaahuu waraanni isaanii bakka Hezbollaan Libaanos keessa qubatattetti xiyyeeffate irratti ''haleellaa cimaa'' akka raawwatu ajajan, kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban sadiin erga dheeratee guyyoota lama booda dhagaahame.

Haleellaan Israa'el haaraan kun ajaja kenname hordofuun kan raawwatame yoo ta'u, Sambata darbe kibba Libaanos keessatti haleellaa raawwateen yoo xiqqaate namoonni jaha ajjeefamaniiru.

Qaamolee lamaan gidduu walitti dhukaasni daangaa ce'e gaggeeffamuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu raawwatame dadhabaa fi salphaatti kan cabu ta'uu agarsiiseera.

Lolli Hezbollaa fi Israa'el jidduutti gaggeeffamaa ture salphachaa waan dhufeef, marii jila biyyoota lamaanii gidduutti Kamisa darbe Waashingitanitti taasifamaa ture irratti labsiin dhukaasa dhaabuu dheerateera.

Dilbata darbe Israa'el haleellaa konkolaataa fe'umsaa fi mootar saayikilii Nabatiyeeh magaalaa Yohmor al-Shaqif keessatti raawwateen lubbuunnamoota afurii galaafachuu Ministeerri Fayyaa Libaanos waabeffachuun AFPn beeksiseera.

Ministeerichi haleellaa biraa magaalaa Bint Jbeil magaalaa Safad Al Batich keessatti raawwatameen lubbuun namoota lamaa darbuu fi 17 madaa'uu beeksiseera.

Raayyaan Ittisaa Israa'el Sambata darbe miseensota Hezbollah sadii dhabamsiisuu hime. Namootni lama "konkolaataa meeshaa waraanaa fe'e oofaa turanii fi nama dhuunfaa biraa mootar saayikilii yaabbatu "ajjeesuu" beeksiseera.

Raayyaan ittisa biyyaa akka jedhetti, naannoo Liitaanii, Israa'el kibba Libaanos keessatti hojii waraanaa isheef doorsisa waraana irratti dhufu ofirraa ittisuuf'' jecha naannoo nageenyaa hundeessiteetti, hidhattoonni lama dabalataan ajjeefamaniiru.

Gama biraatiin Hezbollaan haleellaa Yohmor al-Shaqif irratti raawwatameef haaloo ba'uuf konkolaataa waraanaa Israa'el Kibba Libaanos keessatti argamu irratti xiyyeeffate jechuun AFPn gabaaseera.

Netaaniyaahuun garee kana irratti tarkaanfiin akka fudhatamu erga ajajeen booda, Dhaabbanni Oduu Biyyaalessaa mootummaa Libaanos (NNA) haleellaa walduraa duubaa lama magaalaa Bint Jbeil, magaalaa Tahrir fi magaalota dabalataa lama Nabatieh irratti raawwatame gabaaseera.

Waraanni Israa'el ''bu'uuraalee shororkeessummaa Hezbollaa kanneen kaayyoo waraanaaf oolu kibba Libaanos keessatti rukuteera'' jedheera.

''Akka qajeelfama hoggansa siyaasaa irraa argateen haleellaan lammiilee nagaa fi loltoota Israa'el irratti raawwatamu ittisuuf tarkaanfii murteessaa ni fudhata,'' jedha.

Israa'el weerara kibba Libaanos itti fuftee manneen hedduu diigdee jirti.

Gareen mirga pireesiif falmu tokko ibsa Dilbata darbe baaseen, haleellaa Israa'el Roobii darbe raawwateen gaazexessaan tokko ajjeefamuu hordofee, haleellaan Libaanos keessatti gaazexeessitoota irratti raawwatame ''fudhatama hin qabu'' jedheera.

Raayyaan Ittisa Israa'el gama isaatiin gaazexeessitoota irratti xiyyeeffachuu isaanii haaleera.