Iraan dhaabbileen waraanaa Ameerikaarra hanga himameen ol miidhaa geessisuu BBCn mirkaneesse

Waraanni Iraan erga jalqabee as iddoowwan/buufataaleen waraanaa US 20 ta'an haleellaawwan Iraaniin miidhamuu suuraalee fi viidiyoowwan saatalaayitii BBC Verify xiinxale agarsiisan. Haleellaawwan kun hamma US ifatti amanteen olidha.
Iraan, dhuma ji'a Amajjii eegalee iddoowwan waraanaa ijoo US, biyyoota Baha Giddugaleessaa saddet keessatti argamanirratti haleellaa raawwatteerti.
Haleellaawwan kun buufataalee ittisa qilleensarraa, xayyaarota jeettiiwwan boba'a irraa guuttatan fi raadaariiwwan US irratti miidhaa doolaara miliyoonotaan lakkaa'amu qaqqabsiisaniiru.
Ji'oota sadeen darban keessa haleellaa US fi Israa'el, Iraan fi Libaanos irratti raawwatan haaloo bahuuf Iraan buufataalee waraanaa US fi kan waloo biyyoota biroo haleelaa turteerti. Pentaagon gama isaatiin duula maqaan 'Opireeshin Eepik Fiyurii' (Operation Epic Fury) jedhamu kennameef erga eegalee as Iraan keessatti iddoowwn akeekaa 13,000 ol rukkutuusaa himeera.
Hogganaan Waliigalaa Iraan, Mojtaabaa Kaamenii gama isaaniitiin ibsa Kibxata darbe kennaniin biyyi isaanii buufataalee US haleeluun milkaa'uu himan. Dabaluunis Bahi Giddugaleessaas buufataalee waraanaa US'f "iddoo nagahaa" ta'uun hafeera jedhan.
Ameerikaan irra deddeebiin waraanni Iraan dhumeera jettus xinxaltoonni garuu miidhaan haleellaa haloo Iraanin buufataalee waraanaa US irratti qaqqabe kan angawoonni US kanaan dura amanan caalaatti akeekasaa kan eeggatefi bal'aa ta'uusaa himaniiru.
Argannoo BBC Verify qorannoon argaterratti yaadasaanii akka kennan kan gaafataman angawaan ittisaa US tokko 'sababa nageenya opireeshiniitiin' jechuun yaada kennuu didaniiru.
Kana malees US dhaabbata suuraawwan saatalaayitii bal'inaan qopheessufi Pilaanet jedhamu, suuraalee saatalaayitii Iraan fi iddoo bal'aa Baha Giddugaleessaa akka hinqopheessine gaafachuun xiinxala waraanicha gama suuraa saatalaayitiin taasifamu daangessuuf sochii taasisaa turteerti.
Dhaabbanni Pilaanetis 'gareeleen faallaa suuraaleesaatti fayyadamuun humnootii waraanaa biyyoota michuu fi siviilota irratti miidhaa akka hin geesisneef' tarkaanficha fudhachuun akka barbaachisu beeksiseera.
BBC Verify, suuraalee saatalaayitii dhaabbilee idil addunyaa biroon qophaa'an fi suuraalee dhaabbata Pilaanetin kanaan dura qophaa'anitti fayyadamuun miidhaa haleellaawwan Iraaniin qaqqaban qorateera.
Buufataaleen waraanaa US haleellaa Iraaniin miidhaan irra gahe biyyoota akka Saawudi Arabiyaa, Gamtaa Imireetota Arabaa -UAE, Qatar, Kuweet, Iraaq, Jordaan, Baahireen fi Omaan keessatti argamu.
Xiinxaltonni tokko tokkos lakkoofsi buufataalee US haleellaan irratti raawwatamee 28 ta'uu akka danda'u himaniiru.
Buufataalee waraanaa US haleelamuunsaanii mirkanaa'e
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Meeshaalee waraanaa US qaalii ta'anfi haleellaa Iraanin miidhaman keessaa meeshaaleen ittisa misaa'ela baalistikii ammayyaa sadeen ni argamu. Meeshaaleen kun buufataalee humna qilleensaa UAE keessatti argaman Al Ruwais fi Al Sader akkasumas Jordan keessatti kan argamu buufata humna qilleensaa Muwaffaq Salti keessatti kan argamanidha.
US meeshaa ittisaa qilleensarraa 'Terminal High Altitude Area Defense' (THAAD) jedhamu kana lakkoofsaan saddet fayyadamaa jiraachuu kan beekamu yemmuu ta'u, meeshaa tokkicha omishuuf baasii naannoo doolaara biliyoona tokkoo gaafata. Kana malees meeshaa ittisaa tokkichatti fayyadamuuf loltoonni 100 ta'an kan barbaachisan yemmuu ta'u, dhuka'aansaa tokkichi qofti doolaara miliyoona 12.7 baasa.
Ajajaa Humnootii Ittisaa Ayerlaand kan turan Itti aanaa Admiiraal Maark Mellett BBC Verify'tti akka himanitti, meeshaaleen ittisaa kun qaama neetworkii ittisaa 'daran walxaxaa' yeroo gabaabaatti yookiin salphumatti bakka bu'uufamuu hindandeenyedha.
Haleellaawwan Iraan xayyaarota jeettiiwwan qilleensarratti bob'aa irraa guuttatanfi hojii basaasaaf oolanfi buufata humna qilleensaa Piriins Sulxaan, Saawudii Arabiyaatti argamu buufatatanii turanis akkaan miidhaniiru.
Xiinxala suuraalee saatalaayitiirratti taasifameenis xayyaarawwan miidhamanfi boollawwan aarri keessaa bahu ifatti mul'ataniiru.
Gareen xiinxaltootaa MAIAR jedhamu adda akka baafatetti xayyaarri miidhaan irra gahe tokko xiyyaara basaasaa yookiin sakattaa E-3 Sentry jedhamudha. Miidiyaaleen US xayyaara kana bakka buusuuf maallaqni hanga doolaara miliyoona 700 akka barbaachisu gabaasaniiru.
Haleellaawwan Iraan buufata humna qilleensaa Kuweet keessatti argamu Ali Al Salem akkasumas buufata 'Camp Arifjan' jedhamu irrattis miidhaa geesisaniiru.
Haaluma kanaan haleellaa irra deddeebii buufata humna qilleensaa Ali Al Salem irratti raawwatameen kuusaaleen boba'aa, manneen gurguddaa xayyaaronni keessa tursiifman akkasumas iddoowwan bulti loltootaa barbadaa'uu xiinxaltoonni garee xiinxaltootaa MAIAR suuraalee saatalaayitiirraa adda baafataniiru.
Dhabbanni xiinxala ittisaa Janes immoo buufata 'Camp Arifjan'tti' meeshaa quunnamtii saatalaayitiirratti miidhaan cimaa qaqqabuusaa adda baafateera.
Miidhaa buufataalee waraanaa US irratti qaqqabe maallaqaan lafa kaa'uun ulfaataa ta'us tilmaamni Pentaagon ji'a Caamsaa keessa baase, baasiin duula 'Operation Epic Fury' doolaara biliyoona 29 jedheera.
Maallaqa kana keessaa harki caalmaanis meeshaalee waraanaa walitti bu'iinsichaan miidhaman suuphuuf akka oolu eegama. Warri paartii siyaasaa Dimokiraatotaa gama isaaniitiin tilmaamni kun kan gadi qabamee tilmaamame jechaa jiru.
Gabaasni Pentaagon akka jedhutti xayyaarota waraanaa F-15 fi F-35, dirooniiwwan waraanaa MQ-9 jedhaman 24 akkasumas xayyaara haleellaa A-10 jedhamu dabalatee ji'a Amajjii asitti waliigalatti yoo xiqqaate xayyaaronni 42 barbadaa'aniiru yookiin miidhamaniiru.

Gama biraatiin US meeshaalee waraanaa qaalii fayyadamuusheen faallaatti Iraan buufataalee waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessaa haleeluuf dirooniiwwan gatii xiqqaafi salphaatti bakka buufamuu danda'an fayyadamteerti.
Xiinxaltoonni BBC Verify haasofsiise akka jedhanitti maloonni Iraan fayyadamtu adeemsa keessa jijjiramaa deemaniiru.
Biyyattiin magaalotafi buufataalee waraanaa Baha Giddugaleessaarratti misaa'elota baay'inaan dhukaasurraa gara haleellaawwan akeeka kallattii qaban raawwachuutti deemterti.
"Haleellaawwan jalqabaa baay'inarratti kan xiyyeeffatanfi baay'inatti fayyadamuun dandeettii humna ittisa qilleensaafi misaa'elaa ol ta'uu ture" jedhu dhaabbata qorannoo teessoosaa US godhatefi 'Stimson Centre' jedhamutti kan hojjetan Dr Keeli Grieco.
"Guyyoota booda garuu Iraan gara haleellaawwan lakkoofsaan xiqqaa garuummoo akeeka cimaa qabanitti ceete. Kunis misaa'elawwan fi dirooniiwwan hafan akeekawwan ijoo ittiin rukkutuuf qusachuufi" jedhan.
Xiinxalaan MAIAR keessaa tokko gama isaaniitin waraanni US naannoo jalqaba waraanichaatti xayyaarota waraanaa biyyattii iddoowwan misaa'elonni fi dirooniiwwan Iraan qaqqabaniin ala gochuu dhiisuunsaa tilmaama dogongoraa ture jedhan.
Akka fakkeenyattis buufata humna qilleensaa Piriins Sulxaan kan Saawudi Arabiyaa keessatti argamutti xayyaaronni US osoo hin haleelamin dura buufatichi Iraanin haleelamee akka ture himan.
Hogganaan Waliigalaa Iraaan Mojtaabaa Kaameniin, "kana booda biyyoonni fi lafti naannichaa buufataalee waraanaa Ameerikaaf gaachana hin ta'an. Ameerikaanis naannichatti iddoo nagahaan buufata waraanaa itti hundeeffattu hinqabdu, iddoo duraan qabdurraas guyya guyyaan fagaachaa deemti" jedhan.
Yaadni Hooganaa Waliigalaa Iraan kun waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan rakkoo keessa galuusaan guyyoota dura kan kennamedha. Gama biraatiin Kamisa darbe Gareen Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC), haleellaa US, Kibba Iraanitti raawwatte hordofuun buufata waraanaa US naannichatti argamurratti haleellaa raawwachuu himeera.
Dr. Grieco gama isaaniitiin waliigalteen dhukaasa dhaabuu IS fi Iraan cabee lolli itti fufa taanaan buufataaleen waraanaa US naannichatti argaman saaxilamoo ta'u akka hin oolle himaniiru.
"Walitti bu'iinsi ammaa kuufama ittisa qilleensaa US fi biyyoota michuu saffisa olaanaan nyaatera" jedhan.
"Karaan saffisaan meeshaaleen ittisa qilleensaa bakka itti buufaman hinjiru, kana jechuun Iraan haleellaa akka haaraatti banti taanaan hammi dhuka'a ittisaa faayidaarra oolu kan yeroo walitti bu'iinsichi eegalu turerraa baay'ee kan xiqqaatedha" jechuunis himaniiru.












