Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoo'inni qaama dhala namaa maaliif hir'achaa dhufe?
Waggoota 150 dura hammeentaan hoo'ina qaama dhala namaa hanga ammaa kana kan caalu fakkaata. Saayintistoonni kuni maaliif ta'e kan jedhurratti ammayyuu qorannoo taasisaa jiru.
Bara 1860 keessa ogeessa fayyaa biyya Jarman Kaarli Wundarliich gaaffii murteessaa ta'e tokkoti isa qunname. Qaamni namaa garmalee hoo'uun dhukkubamoo mallattoo dhukkuba biraa isa jala jiruti? kan jedhu.
Bara Teermoomeetiriin hojiirra ooluu hin jalqabne sanatti Wurdaliich hojii cimaa tokko jalqabe. Waggoota 15'f namoota umrii fi koorniyaa adda addaa ta'an kuma 25 hoo'ina bobaa isaanii jalaa safaruun ragaalee miliyoona tokko ta'u walitti qabe.
Ragaalee walitti qabe kanarratti hundaa'uunis ga'eessa fayyaa qabeessa tokkoof hoo'inni qaamaa giddugaleessaan Digirii seelishiyesii 37 akka ta'e herreege. Safartuun kuni hoo'ina qaama namaa idilee ta'ee akka safartuutti tajaajile. Hoo'inni qaamaa digirii seelishiyesii 38 ol yoo ta'e namni suni hoo'ina qaamaa qaba jechuunis barreesse.
Ogeessi kuni guduunfaa kanarra gahuuf ragaa hedduu waan fayyadameef bu'aan qorannoosaa kuni yeroo dheeraadhaaf akka safartuu idiladdunuyaatti fudhatama argatee tureera jedhan Yunvarsiitii Meerilaandditti qorataa kan ta'an Filiip Makowiyaak.
Haa ta'u malee, qorannoowwan dhiheenya taasifaman ammoo waggoota 150 darbe kana keessatti hammeentaan hoo'ina qaama namaa hir'ina akka agarsiise akeeku.
Safartuun kana dura kaa'ame kuni dogogoraa? Moo addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru kanatu adeemsa baayolojikaalaa dhala namaa jijjiiraa jira?
Hoo'inni qaamaa hir'achuu
Yunvarsiitii Istaanfoorditti ogeessa dhukkuboota daddarboo kan ta'an Juulii Paarsooneet akka jedhanitti, Wundereliich dhimma garaagartee hoo'ina qaama namaa irratti 'Wantoota nuti amma dhugaadha jenneee fudhanne hedduu lafa kaa'e" jedhu.
Wunderliich yeroo Daayireektara yaalaa Hospitaala Liipziig turetti dhukkubsattoota yaalaaf dhufan hedduu hammeentaa hoo'ina qaama isaanii safaruudhaan hoo'inni qaama namaa adda adda ta'uu akka danda'u bare.
Akka qorannoosaatti hammeentaan hoo'ina qaama dubartootaa kan dhiirotaa nicaala. Kana malees hammuma umriin deemaa deemu hoo'inni qaamaa hir'achaa deema. Guyyaa keessattis garaagarummaa niqabaata.
Haa ta'u malee hoo'inni giddugaleessaa qaama namaa kan waggaa 150 turerraa gadi bu'eera. Fakkeenyaaf dargaggootni Ameerikaa keessa jiraatan kan jaarraa 19ffaa warra ammaa waliin yeroo walbira qabamu hoo'inni qaama isaanii giddugaleessaan digirii seelishiyesii 0.59'n gadi bu'eera.
Hoo'inni qaamaa hir'achuun kuni biyyoota dinagdeen badhaadhan keessa kanneen jiraatan qofatti hin daanga'u.
Yunvarsiitii Zuurikitti Antiroopoolojistii Baayolojikaalaa kan ta'an Adiriyaan Jaagii, hawaasni bosona Amaazoon keessa jiraatuu fi Simaanee jedhamuun beekamu bara 2000 jalqaba keessa hoo'inni giidugaleessaa qaama isaanii digirii seelishiyesii 37 ture jijjiirama dinagdee fi hawaasummaa waggoota 20 darbe kanaan hoo'inni isaanii giddugaleessaan digirii seelishiyessii 36.5tti gadi bu'eera jedhan.
Hoo'inni qaama namaa maalif hir'isaa deeme?
Hir'inni hoo'ina qaama namaa amma mul'ate kuni sababoota ka'umsa ta'aniif hedduu qabaachuu mala. Fakkeenyaaf akka Paarsoneet jedhanitti kuni kan ta'e haalli eegumsa fayyaa dhala namaa fooyya'uu irraayi.
Bara Wunderliich umriin dhalli namaa jiraatu giddugaleessaan 38 ture. amma garuu dachaarra darbeera.
"Dhalli namaa bara sanii jireenya fayyaa qabeessa nuti amma jiraannu kana hin jiraatan. Yeroo baayyee dhukkuboota akka daranyoo sombaa, dhukkuba ilkaanii, teessisaa, hoo'ina qaamaa fi infeekshinii lafeefii dhukkuboota adda addaatiif saaxilamoo turani" jedhu.
Hawaasa Bosona Amaazoon keessa jiraatanii fi Simaanee jedhaman yoo fudhannes waggoota 20 darban malli jireenya isaani jijjiirameera. Amma mana fincaanii fayyadamuu, kophee kaa'achuun infeekshinii miila duwwaa bakka xuraa'aa irra adeemuun dhufu hur'iseefii jira jedhu Jaagiin.
Hoo'insa mana keessa jiru too'achuun amma salphachaa dhufeera. Manneen Ameerikaa keessa jiran keessaa harka 88 kan ta'u maashinni qilleensa qabbaneessu hojjetameefii jira. Ingiliiz keessattis akkasuma.
Makowiyaak ammoo sababni hoo'inni qaama dhala namaa hir'ina agarsiiseef sababoota armaan olitti eeraman kanarraa adda ta'uu mala jedha.
Makowiyaak meeshaa Wundarliich hoo'ina qaama namaa ittiin safare carraa qaamaan arguu argateera. Meeshaan inni fayyadame kuni meeshaa ammayyaa hoo'inni ittiin safaramu amma hojiirra jiru waliin yeroo walbira qabamee ilaalamu digirii seelishiyesii lama kan caalu akka ta'e hubate.
Kana jechuun hammeentaan hoo'ina qaama namaa meeshaa Kanaan fudhatame hammeentaa hoo'ina qaama namaa isa sirrii irratti digirii seelishiyesii lama dabala akka jechuuti.
Makowiiyaak akka jedhutti, bara sanatti hoo'ina qaama dhala namaa safaruun hojii ulfaataa fi dadhabsiisaa ture. Fooddaa meerkurii dheerina kophee tokkoo qabu keessa teermoometiroonni jiran jalqaba qabxiiwwan bishaan danfaa fi cabbii fakkaatan irratti sirreeffamuu qabu.
Sanaan booda teermoomeetiroota sana keessatti hammeentaan hoo'insaa hanga galmaa'utti namni hoo'innisaa safaramu suni yeroo muraasa turuutu jirra jiraata. Daqiiqaa 15 hanga 20 callisanii ciisuu isaan gaafata ture.