Tiraamp dhukaasa dhaabuun US fi Iraan 'haala yaaddessaa' keessa jira jedhu

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhukaasa dhaabuun Ameerikaa fi Iraan ji'a tokkoof ture "haala baay'ee hamaa" keessa jira jedhan.
Tiraamp Wixata kaleessaa Waajjira Ovaal keessatti gaazexeessitoota waliin gaaffii fi deebii kan taasisan yoo ta'u, waligaltichi ammallee jira garuu baay'ee laafaa waan ta'eef fashalaa'uu mala jedhan.
"Dhukaasa dhaabuun haala baayyee yaaddessaa keessa jira jedheen yaada. Akka yeroo hakiimni tokko seenee dhukkubsataan carraa lubbuun jiraachuu dhibbeentaa tokko qofa qaba jedhuuti," jedhu.
Tiraamp hooggantoonni Iraan marii kana keessatti yeroo hedduu ejjennoo isaanii jijjiiruun waan ''amanamaa hin taane'' agarsiisan jechuun himataniiru.
"Waanuma hin taane isaan nuuf ergan sanallee dubbisee hin xumurre" jedhan.
Kana malees, Tiraamp Iraan waliigaltee Ameerikaan kuusaa Yuuraaniyeemii gabbate akka baaftu hayyamu cabsite jechuun himataniiru.
Iraan ''gonkumaa meeshaa niwukilaraa hin qabaattus'' jechuun cimsanii dubbatan.
Dhaabbanni oduu Tasnim madda garee marii Iraan waliin dhihoo ta'e wabeeffachuun akka gabaasetti Iraan meeshaa niwukilaraa gabbifte dhabamsiisuuf gonkumaa walii hin galle.
Ibsi kun kan kenname erga Iraan yaada waraana kana dhaabuu fi ulaa Hormuz deebiftee banuuf ulaagaa guutamuu qaban Ameerikaatti ergiteen booda.
Tiraamp yaadota Iraan Ameerikatti ergite kana kuffisanii, ''guutumaan guututti fudhatama kan hin qabne'' fi ''waan balfamaaa (piece of garbage)'' jedhan.
Dubbii Tiraamp kana hordofuun Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraan Mohammad Galibaf toora miidiyaa hawaasaa X irratti humnoonni waraanaa Iraan ''weerara kamiifuu deebii fi barumsa kennuudhaaf qophii ta'uu isaanii'' ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmaa'eel Bagahi gama isaaniitiin yaadonni Teehiraan dhiheessite ''itti gaafatamummaa'' fi ''gara laafummaa guddaa qabu'' ta'uu dubbataniiru.
Haa ta'uu malee Waashingitan gaaffii qabatamaa hin taane dhiheessuun akka hin milkoofne taasissaa jirti jechuun himate.
Dubbi himaan kuni gaaffiin Iraan qabeenya ishee biyya alaa keessatti dhorkame gadhiisuu dabalatee "mirga seera qabeessa" Tehran ta'uu cimsanii dubbataniiru.
Nuti kan gaafannee waraanni guutuu naannichaa akka dhaabbatuu fi qabeenyi dhorkame biyya alaa akka gadhiifamudha. Wanti nuti gaafanne mirga seera qabeessa Iraan qofa'' jedhan
Itti dabaluunis Gaaffiin Iraan "waraana naannichaa xumuruu," uggura humna galaanaa Ameerikaa xumuruu, fi "qabeenya ummata Iraan kan waggootaaf haqa malee baankota biyya alaa keessatti qabamee ture gadhiisuu" kan dabalatu jedhan
Boodarra Galibaf yaada qabxii 14 qabu Iraan akka ulaagatti dhiyeessite kana keessatti mirga ummata Iraan fudhachuu malee "karaan biraa hin jiru" jedhan.
''Yeroo dheeraa fudhachuun dubbii lafarraa harkisuun, kaffaltoota gibiraa Ameerikaatti baasii guddaa dabaluu yoo ta'e malee omaa bu'aa tokko hin qabaatu'' jechuun eeran.
Akka dhaabbati oduu Iraan Tasnim jedhutti, yaadni Tehran dhiheessite kun naannoolee waldhabdee hunda keessatti hatattamaan dhukaasa dhaabuu kan dabalatudha.
Tarkaanfiin kun haleellaa Israa'el Libaanos keessatti Hizbullaah irratti raawwachaa jirtu, uggura humna galaanaa Ameerikaan buufata doonii Iraan irratti qabdu kaasuu fi haleellaan kana booda Iraan irratti akka hin raawwatamne wabii kan gaafatuudha.
Tiraamp karaa marsariitii isaanii 'Truth'' irratti barreessaniin qabxiilee 14 Iraani dhiyeessite cimsanii qeequun, "Deebii Iraan ergite tasumaa hin jaallanne, guutummaatti fudhatama hin qabu" jedhan.
Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun gama isaananin waraanni kun osoo hin xumuramin dura Yuuraaniyeemii Iraan gabbifte buqqifamuu qaba jedhan. Iddoowwan gabbisaa nikulera ammallee diigamuu akka qaban himan.











