Itoophiyaan waa'ee lammiilee Sa'udiitti duuni itti murtaa'eerratti 'mariirra' jirti

Wadaroo fannifame

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Sa'udi Arabiyaa keessatti lammiilee Itoophiyaa ''adeemsa seeraa [jala] jiraniifi murteen irratti darbe'' ilaalchisuun aangawoota biyyattii dhimmichi isaan ''ilaallatu waliin itti dhiheenyaan mari'achaa'' akka jiru beeksise.

Sa'udi Arabiyaan ji'oota jahan darban Amajjii hanga Waxabajjii jiru keessatti lammiilee Itoophiyaa torba du'aan adabuu gartuun mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal ibsa torban sadii dura baaseen beeksiseera.

Mana hidhaa Hamis Mushaayit jedhamutti qofa yoo xiqqaate lammiileen Itoophiyaa 63 ta'an murteen du'aa itti muramee akka eeggataa jiran dhaabbileen idil-addunyaa mirga namoomaaf falman Aminastiifi Humaan Raayitis Waach ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa ALI Adoolessa 06, 2018 baaseen ''mootummaan Itoophiyaa nageenya lammiilee ala jiran, eegumsaafi deeggarsa qonsilaaf bakka guddaa akka kennu'' ibseera.

Kana waliin walqabatee lammiilee Itoophiyaa ''adeemsa seeraa jala jiraniifi murteen seeraa itti murame'' ilaalchisuun Sa'udii waliin ''sadarkaa mootummaa olaanaan mari'achuu akka itti fufe'' ibseera.

Dabalataanis, embasii Riyaad keessa jiruufi qontsilaa Jiddaa jiruun ''lammiilee Itoophiyaa haalli rakkisaa isaan quunname [tarkaanfiin] namummaa giddugala'' godhate akka fudhatamu carraaqqii itti fufuu ibseera.

Dabalataanis, lammiileen Itoophiyaa furmaata akka argatan aangawoota Sa'udi waliin ''marii ijaaraa'' adeemsisaa akka jiru ibseera.

Akka ministeerichi ibsetti, yaalii taasiseen Sa'udii keessattii lammiileen murteen itti darbe 1,971 dhiifama mootii akka argatan dandeessiseera.

Lammiilee Itoophiyaa kana gara biyya isaaniitti deebisuu eegaluus ibsa isaan beeksiseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa lammiileen Itoophiyaa dhiifama akka argatan ji'a tokko duras ibsee ture.

Torban ministeerichi kana ibsetti mootummaan Sa'udi Arabiyaa lammiilee Itoophiyaa afur irratti murtee du'aa murteessuu ibseera.

Lammiileen Itoophiyaa lammiilee murteen du'aa irratti darbe bira turan murteen du'aa yeroo raawwatamu dhiphina keessa seenuu isaanii kana dura BBC'f dubbataniiru.

Lammiileen Itoophiyaa adeemsi murtee du'aatti isaan geesse ''karaa seeraa isa sirrii hin hordofne'' jechuun himatu.

Humaan Raayis Waachinis ibsa Ebla keessa baase irratti dhimma kana eereera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaas ''faayidaa [lammiilee ala jiran], mirgaafi nageenya isaanii eegsisuuf filmaatawwan dippilomaasiifi qonsilaa guututti fayyadamuu akka itti fufu'' beeksiseera.