Lixa Oromiyaatti hojjettoonni kampaanii warqee butamanii turan gadhiifaman

Kaartaa magaalaa Mandii agarsiisu
Maxxanfame

Pirojektiin Kampaanii Warqee Baasu Tulluu Keeppii jedhamu Lixa Oromiyaatti argamu hojjettoonnisaa torbanootaaf ugguramanii turan gadhiifamuusaanii BBCtti hime.

Hojjettoota ukkaamfaman afur keessa lammiilee biyyaa biraa jiraachu BBC odeeffannoo kan argate ta'ulleen dhaabatichi ''hojjattoota isaa haala walqixa ta'een waan ilaaluuf lamummaa isaanitii adda baasuuf fedhii hin qabu'' jedhuu bal'inaan ibsu irraa of qusateera.

Hojjettoonni kunneen kan butaman walakkeessa baatii Fulbaana yoo ta'u, qaamni gocha kana raawwate hanga yoonaatti ifa hin taane.

Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)n, gareen lixa Ormiyaa keessa socha'uuf 'Shanee' jechuun mootummaa akka shororkeessatti kan farraje garuu waa'ee ugguramuu hojjetoota warqee kanaa wanti beeku akka hin jirre kana dura ibsee jira.

Hojjettoonni dhaabbatichaas hojii warqee baasuurratti hirmaatanii kan turan ta'uu kan ibsame yoo ta'u, sababii gochaa kanaatiin dhaabbatichi hojiisaa dhaabuuf dirqamee ture.

BBC Amaariffaa maddeen adda addaa irraa mirkaneeffadheera akka jedheetti, hojjataan tokko bakkee warqeen baafamuu irraa butame.

Dhaabbatichi hojjattoonni erga gadhifamaniin booda ibsa baaseen, namoonni kunneen kan butaman hojii daandii geejjiba pirojaktichaaf ooluu adda baasaa osoo jiranuu ture.

Dhaabatichi waa'ee eenyummaafi lammummaan hojjeettoota kanaa nageenyaa isaaniifi maatii isaaniif jecha ibsuurraa kan of qusate yoo ta’u, erga gadhiifamaniin boodas miidhaa tokko malee maatii isaaniitti makamuun himameera.

Dhimma kana torban hedduu duraa egaalee kan hordofaa ture BBC’n, yeroo sanatti hogganaa dhaabbatichaa Harii Anagnoostaaris-Adamsaniin dhimmicha irratti gaafatamanii, haalli naannicha jiru “yaaddoo nageenya” qaba jechuun odeeffannoo dabalataa kennuu irraa of qusatanii ture.

Haata'u malee, ibsa dhaabbatichi Wiixata darbe baaseen garuu, Fulbaana darbe irraa eegalee butamanii kan turan hojjettoonniifi kontiraaktaronni afran, “miidhaan homaatuu osoo irra hin ga’iin fayyaa isaanii” gadhiifamuu ibsaniiru.

Ta’us garuu wa’ee lammummaa hojjettoota kanaa, wa’ee qaama isaan buteefi akkamiin akka gadhiifaman irratti ibsa hin kennine.

Dabalataanis hanga rakkoon kun furamutti, nageenya namoota butamanii turanii eeguuf abbootii taayitaa nannoofi fedeeralaa waliin hojjechaa akka jiru ibsuun, gochi kun hojiin isaanii ji’oota muraasaaf akka barfatu godheera jedhan.

Dhaabbatichi A.L.I Fulbaana 19/2014 irraa eegalee yeroo murtaa’eef hojii isaa dhaabee akka ture, hogganaan dhabbattichaa BBC’f ibsanii ture.

Hariin dhimmoonni rakkoo nageenyaa qaban maal akka ta’an utuu hin ibsiin, “yaaddoon nageenyaa jiran, haala quubsaa ta’een furamuun isaanii hanga mirkanaa’utti, yeroodhaaf hojiin addaan citeera,” jedhaniiru.

Haata'u malee, Ministeerri Albuudaa Itoophiyaa, hayyama dhaabbata Tulluu Keeppii kana haareessuu akka dide, miidiyaan Itoophiyaa tokko gabaaseera.

Gabaasi kun, dhaabatichi rakkoo nageenya na qunnameera jedhu eeruun, Ministeerri Albuudaa eeyyama isaa akka haaressuuf xalayaa ittiin gaafate eereera.

Rakkoo nageenyaa naannicha jiru eegsisuu irratti ga’een mootummaa naanichaafi fedeeralaa maalidha jechuun BBC’n gaaffii Obbo Haarii gaafatee, “qaamooleen isaan ilaallatu hundi yeroo hojii keenya hojjanutti nageenya keenya eegsisuu irratti homaa rakkoon hin jiru,” jedhaniiru.

Hojiin albuuda baasuu kun addaan cituun isaa, harka caalatti rakkoo dinaagdee uumuu isaa irratti hogganaan kun “hojiin kun addaan cituun isaa Tulluu Kaappii fi gandoota naanicha jiran keessa hojjettoota kallattiinis ta’e karaa biraan hojjetan irratti dhiibbaa uuma,” jechuun BBCtti himaniiru.

Dabalataanis maallaqani dhaabbatichi invaarsti godhe doolara miiliyoona 350 akka ta’eefi haalootni mijatanii hojiin idilee yommuu itti fufu karoorri ture akka itti fufuufi “ Omishaafi galii argachuun ammoo wagga lama booda eegala,” jedhaniiru.

Wa’ee taatee akka hojiin adda cituu btaasiseefi tarkaanfiwwaan kana sirreessuuf taasisan irratti gabaasi dhiyaatu guyyoota 30 keessatti waan xumuramuuf kana irratti hundaa’uunis piroojektichi hojiirra akka olfamuus BBCtti himaniiru.

Qamooleen hojjettoota kana butan eenyu akka ta’an baramuu baatus, hidhattoota Oromiyaa lixaa keessa socho’an WBO jedhaman, kan mootummaan shorokeessitoota jedhu ta’uu danda’u shakkiin jedhu jiraatus, garee kun gocha kana keessaa harka akka hin qabne BBCtti himeera.

Dubbii himaan garee kanaa karaa barreeffamaan deebii BBC’f kennaniiin “ dhimma kana irratti wanta beeknu hin qabnu. Haalota kanaan dura turaniin namootni to’annoo keenya jala oolan yommuu jiraatan, imbaasiwwaan isaan ilaallatuuf nageenyaan akka deebi’an goochuf, uummataaf ifa ni taasisna,” jedhaniiru.

Waaligalteen warqee baasuu dhabbatichaafi mootummaa gidduutti taasifame wagga shan dura akka tureefi waggootii 20f kan turu akka ta’e odeeffannoon marsiritii dhaabbatichaa irratti ba’e ni ibsa.

Dhabbatichi akka jedhutti, naannoo sana kuufamni warqeefi albuuda hedduu guddaa ta’e ni jira.