Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN , US Baha Giddugaleessaarratti baayyee xiyyeeffattee Raashiyaa cimsitee dhiibaa hin jirtu - Zeleniskii

Volodmiir Zeleniskiin US irratti mufannaa guddaa qabaachuu ibsuun, harkifannaan farra balistikii misaa’elii barbaachisoo ta’an qaqqabsiisuu mul’achaa jiru lubbuu Yukireen galaafachaa jira jechuun marii nagaa irratti Raashiyaa gahaa gochaa akka hin jirres komateera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Koongoon doorsisa ajajaa waraanaa Yugaandaa irratti ibsa gaafatte

    Mootummaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo doorsisa ajajaa waraanaa Yugaandaa Jeneraal Muhoozii Kaayineerugaabaa narratti taasise irratti ibsa dabalataan barbaada jette.

    Jeneraalli Muhoozii Kaayinerugaabaa, ilma Pirezidaantii Yugaandaa Yoweerii Museevenii, waan tibbana miidiyaa hawaasaa irratti barreesseen kan mufattee DR Koongoon dipilomaataa olaanaa Yugaandaa Kinshaasaa waamtee ibsa gaafatte.

    Barreeffamoota inni X irratti maxxansu irratti Jeneraal Kaayinerugaban gareewwan finciltootaa naannoo Walikalee baha DR Koongoo naannoo albuudaan badhaadhe akka qabataniif akka deeggaran dhaadatan.

    Haata'u malee, loltoonni Yugaandaa DR Koongoo keessatti argamuun dhimma nageenyaa qofaan kan walqabatu ta'uu cimsanii dubbataniiru.

    Ministeerri Dhimma Alaa DR Koongoo ambaasaaddara Yugaandaa waamuun dubbii jeneraalichaa irratti ibsa akka kennuuf kan gaafate yoo ta'u, dubbiin kun ''balaa guddaadha'' jechuun ibse.

    Dabalataanis hariiroo dipilomaasii biyyoota lamaanii miidhuu akka danda’u eere.

    Mootummaan Yugaandaa hanga ammaatti dhimma kanaaf deebii hin kennine.

    Yaadni kun kan dhufe yeroo itti biyyoonni lamaan waraana keessatti tumsa cimaa qaban ta’us, waraanni isaanii bara 2021 irraa eegalee baha DR Kongo keessatti garee hidhattootaa ADF jedhamu irratti duula waliin gaggeessaa jiru.

    Jeneraal Kaayinerugaabaan ergaa isaa keessatti garee hidhattootaa FDLR jedhamu miseensota hawaasa Baahimaa irratti haleellaa raawwachuu himate. Akkasumas, Walikalee to’achuuf hidhattoonni socho’uu danda’u jechuun akeekkachiise.

    Jeneraalichi torbanuma kanas ''ergaa ani X irratti, barreessu ajaja raawwatamuu qabu” jedhee barreesse. Haata'uu malee, akkaawuntii isaa, X kan hordoftoota miiliyoona 1.4tti dhiyaatu qabu, amma uggurameera.

    Jeneraalichi yaadni inni miidiyaa hawaasaa irratti barreesseen walitti bu’iinsa dipilomaasii uumeera.

    Bara 2022 Keeniyaa weeraruu fi magaalaa Naayiroobii qabachuu akka danda’u dubbachuun isaa, abbaan isaa Museveniin akka dhiifama gaafatu taasise.

  2. Erliing Halaand Maan Siitii gadhiisuuf, eessa dhaqa ?

    Taphataan sarara fuula duraa lammii Noorway Erliing Halaand dhuma bara kanaa Maanchester Siitii gadhiisuu mala jedhamaa jira.

    Jifataa umuriin isaa waggaa 26 goolii adamsuun beekamu kanaaf Baarseloonaan kilaboota filannoo isaa ta'an keessaa tokkodha.

    Oduu jijjiirraa biraan Liiverpuul taphataa sarara gidduu Baayer Muniik Jamaal Musiyaalaa fudhachuuf abbala ajira. Taphataan lammii Jarman umuriin isaa waggaa 23 ta'e kun gara Liiverpuul deema jedhamee kan eegamu dhuma bara kanaa miidhaa isaarraa yoo dandamateefidha.

    Maanchester Yunaayitid ammoo taphataa sarara ittisaa Ispoorting Maaks Arooyaa fudhachuuf yaadaa jira. Taphataan lammii Uraaguwaay kun jijjiirraa Amajjii keessa kilabichatti makamuuf hawwii qaba.

    Arsenaal fi Paariisent Jarmeen (PSG)n fedhii irraa qabaatanillee Atileetikoo Maadiriid Juliyaan Alvaareziin tursiifachuuf ammallee laphee dhiibee dubbachaa jira. Taphataan lammii Arjentiinaa umuriin isaa 26 ta'e kun kanaan dura Baarseloonaa malee eessayyu hin deemu jechaa tureera.

    Chelsiin taphataa sarara ittisaa gidduu lammii Jarman Antooniyoo Rudiigar irra deebiyee mallatteessifachuu fedhaa jira. Taphataan umuriin isaa waggaa 33 Riyaal Maadiriidiif taphatu yoo milkaa'e jijjiirraa Amajjii kana keessa kan gara Chelsii deema jedhame.

    Liids Yunaayitid, Bireentifoord fi Kiristaal Palaas taphataa sarara fuula duraa waggaa 18 lammii Ingilaand Birmaark Owusuu fudhachuuf hordofaa jiru.

  3. US Baha Giddugaleessaarratti baayyee xiyyeeffattee Raashiyaa cimsitee dhiibaa hin jirtu - Zeleniskii

    Volodmiir Zeleniskiin US irratti mufannaa guddaa qabaachuu ibsuun, harkifannaan farra balistikii misaa’elii barbaachisoo ta’an qaqqabsiisuu mul’achaa jiru lubbuu Yukireen galaafachaa jira jechuun marii nagaa irratti Raashiyaa gahaa gochaa akka hin jirres komateera.

    Waajira isaa Kiiv jiru keessatti gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen, pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin Doonaald Tiraam suura isaa Vilaadmiir Puutiniin hammatee "michuu/hiriyyaa koo" jechuun maxxanse "waan ta'ee hin beeknedha" jedhe.

    "Inni dhimma pirezidantii US kanaati, garuu waan adda ta'edha," jedhe Zeleniskiin.

    "Inni weeraraadha, akkasumas ajjeesaadha... Hiriyyaa/michuu ta'uu hin danda'u. Ta'uudhuma hin danda'u malee," jechuun akka bara WWII (Waraana Addunyaa II) Adool Hitiler waliin michoomuu/hiriyyoomuutti ilaalamta jechuun ibse.

    Erga bara 2025 keessa Oval Office keessatti Tiraamp waliin afaan keessa wal ba'anii as, Zeleniskiin waa'ee hariiroo Yunaayitid Isteetis waliin qabu ilaalchishee of eeggata.

    Ergamtoonni Tiraamp lama dhimma Raashiyaa fi Yukireen gidduutti nagaa buusuun lubbuun baayyee akka hin badne dhaabuuf walitti fiduuf yaalaa jiru. Haata'u malee, yeroo baayyee Kiiviif caalaa Mooskoof waan loogan ykn baabsan fakkaataa jiru.

    Mariin nagaa dhumaa jalqaba ji'a kanaarra Abu Daabiitti gaggeeffamee kan ture yoo ta'u, bu'aa qabatamaa hin argamsiisiin hafe. "Hanga caalaa baraa dhufne, rakkoo caalaatu mul'ata" jechuun marii kana ibse Zeleniskiin.

    Akka pirezidant Zeleniskiin jedhutti, mariin Mudde keessa deebiyee jalqabama.

    Odeeffannoo kana waliin deeman biroof: