UAE'n haleellaa humnoonni TPLF raawwatan balaaleffachuun walabummaa Itoophiyaa mirkaneessuu akka deeggartu ibsite

Madda suuraa, Prime Minister Office
Yunaayitid Arabi Emireetis (UAE) TPLF fi michoonni isaa haleellaa humnoota mootummaa federaalaarratti raawwatan jedhe balaaleffachuun walabummaa Itoophiyaa mirkaneessuuf akka deeggartu beeksifteetti.
Emireetis kana kan jette ibsa Jimaata Fulbaana 25, 2026 fuula Embaasii biyyattii Finfinnee jirurratti baasteenidha.
TPLF buufataaleen Tigraay sadii naannoo Tigraay keessatti argaman to'achuu fi walitti bu'iinsi gara naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'achuu isaas cimsitee akka balaalleffattu ibsuma kanaan beeksifteetti.
Mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti Roobii Fulbaana 23, 2026 kan jalqabame yoo ta'u, gama daangaa Amaaraa fi Affaariin waraanni gaggeeffamaa jiraachuun gabaafameera.
Ministirri dhimma alaa UAE Sheek Shaakbuut Biin Naahiyaan Al - Nahiyaan, taateewwan kunneen tokkummaa Itoophiyaa, walabummaa, akkasumas nagaafi tasgabbii irratti yaaddoo kan fidan ta'uu ibseera.
Ministirichi UAEn mootummaa Itoophiyaa fi hummata biyyattii cinaa guutummaan guutuutti akka dhaabbattu ibsuun, yaalii sirna heera mootummaa Itoophiyaa humnaan ykn qabsoo hidhannoon jijjiiruuf taasifamu kamiyyu akka hin deeggarre ibseera.
UAEn walabummaa Itoophiyaa, tokkumaa daangaa, nageenyaa,fi tasgabbii isheetiif deeggarsa addaan hin cinne akka kennitu Sheek Shaakbuut ibseera.
Yunaayitid Kingidam, Faransaay, akkasumas Ameerikaan haleellaa humnoonni Tigraay naannolee ollaa ta'aniifi kibba Tigraay keessatti raawwatan jedhaniifi buufataleen xiyyaaaraa naannoo Tigraay keessa jiran to'achuu isaanii balaaleffataniiru.
Itoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Masiingaa Fulbaana 23, 2026 waraana kaaba Itoophiyaatti baname ilaalchisee aanga'oonni TPLF "haleellaa bal'aa banuu isaanii" qeeqeera.
Faransaay fi Yunaayitid Kingidam waraana kaaba Itoophiyaatti deebiyee ka'e ilaalchisuun ibsa Kamisa Fulbaana 24, 2026 adda addaan baasaniin gocha TPLF abaaraniiru.
Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Arab Emireetis rakkoon jiran karaa marii fi nagaan akka furamaniif dursi kennamuu akka qabu hubachiiseera.
Ministirichi itti dabaluun, walitti bu'iinsi kun hatattamaan akka dhaabatuu fi muddamne hammeetes akka tasgabbaa'uuf hubachiiseera.
Dabalataanis namoota nagaaf eegumsa gochuu, walitti bu'iinsi dabalataa fi haleellaan akka hin uumamne ittisuu, akkasumas waliigaltee nagaa Piritooriyaa kabajuun barbaachisaa ta'uu isaa yaadachiiseera.
UAE Itoophiyaatti nagaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf carraaqqiiwwan taasifaman hunda akka deeggartus Sheek Shaakbuut mirkaneesseera.
Keessumaa nageenyii fi tasgabbiin Itoophiyaa akka eegamuu, akkasumas naannoo Gaanfa Afrikaatti nageenaaf yaaddoo waanti ta'u dabalataa akka hin uumamneef carraaqqiin taasifaman akka cimanii itti fufanis dubbateera.
Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf muddamnii fi gaarerfannaan waraanaa kaaba Itoophiyaatti dhalate "baayyisee akka isa yaaddesse" ibsuun, walitti bu'iinsi kun "hatattamaan akka dhaabbatuuf akeekkachiisee ture.
Aanga'aan Ol aanaa TPLF fi pirezidantiin itti aanaa naannoo Tigraay Obbo Amaanu'eel Asaffaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti deebii kenneen ibsawwan kennaman kanneenitti "gadduu" ibseera.
Obbo Amaanu'eel, ambaasaaddara Ameerikaa, akkasumas komishinara Gamtaa Afrikaa, yeroo haleellaawwan qilleensarraa namoota nagaarratti miidhaa geessisan raawwatamanitti callisanii turanii qeeqa amma isaan dhiyeessan "haqa kan hin qabnedha" jedheera.
Tumsi Misoomaa Biyyoota Afrikaa Bahaa (IGAD) kaaba Itoophiyaatti muddamni hammaachuu "baayyisee akka isa yaaddesse" kan ibse yoo ta'u, Gamtaan Awurooppaas haalli kaaba Itoophiyaatti saffisaan hammaachaa jiruufi dhiibbaa inni ummatarraan ga'aa jiru cimsee akka isa yaaddessu beeksiseera.
"Muddama kana hatattamaan tasgabbeessuun barbaachisaadha" kan jedhe Gamtaan Awurooppaa, qaamoleen lachuu walitti bu'iinsa bifa waaraa ta'een dhaabuudhaaf waliigaltee irra ga'ameef irra deebiin murannoo qabaachuu isaanii agarsiisuu akka qaban gaafateera. Kanaafis, "yeroon isaa hin darbine" jedheera.















