Waliigalteen Abirahaam Tiraamp biyyoonni akka mallatteessan barbaadan maali?

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ''biyyoonni hundi atattamaan Waliigaltee Abirahaam'' akka mallatteessan waamicha dhiheessan.
Kunis, Iraan waliin waliigalteen akka raawwatu haala mijeessuufi.
Waliigalteen Abirahaam waliigalteewwan garagaraa Israa'el fi biyyoota Arabaa baay'ee gidduu hariiroo dippilomasii fooyyessuufi yeroo marsaa jalqabaa pirezidantummaa Tiraamp bara 2020 mallattaa'edha.
Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti barreessaniin biyyoonii hunduu waliigaltee kana akka mallatteessan gaafatan.
''Iraan ana waliin waliigaltee ishee yoo raawwatte akka Pirezidantii Yunaayitid Isteet of Ameerikaatti qaama Qindoomina Addunyaa keessatti isaan qabaachuun kabaja,'' jedhan.
Tiraamp kana kan barreessan erga dureewwan Sa'udi Arabiyaa, UAE, Kataar, Paakistaan, Turkii, Jordaan, Baahireen fi Masrii waliin bilbilaan mari'atan boodadha.
Biyyoota kanneen keessaa muraasni waliigaltee kana mallatteessaniiru.
Ammatti biyyoota kanneen keessaa biyyi ifatti as baatee yaada kana mormite Paakistaan qofadha.
Ministirri Ittisaa Paakistaan Kawaajaa Asif biyyi isaanii ''ilaalchota bu'uuraa'' biyya isaanii waliin walitti bu'u hin mallatteessitu jedhan.
Dabaluunis, Israa'el ''hin amanamtu'' jechuun himan.
Dhimmi beekamtii biyyaa Filisxeem fi Israa'el fi Filisxeem akka biyyaatti akka hundaa'an jedhu biyyoota lammiileen isaanii gara caalu Musliima ta'an gama tokkoon US fi Israa'el gama kaaniin gidduu dhibdee uumedha.
Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwatte hariiroo dippilomasii kana ittuu wal xaxaa godheera.
Israa'el Gaazaa keessatti duula waraanaa erga eegaltee namoonni 72,300 ol ajjeefamaniiru, akka ministeera fayyaa Gaazaatti.
Waraanni Gaazaa keessa kan eegale erga Hamaas Kibba Israa'elitti ce'ee namoonni 1,200 ta'an ajjeefamanii 251 kan ta'animmoo ugguramanii fudhataman boodadha.
Waliigalteen Abirahaam maalidha?

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2020 Ameerikaan jaarsummaan gidduu seentee biyyoonni giddugala bahaa afur Israa'el waliin hariiroo dippilomasii akka raawwatan goteetti.
Kunneenis Baahireen, Morookoo, Sudaan fi Yunaayitid Arab Emireetisidha (UAE).
Israa'el yeroo dheeraaf biyyoota naannicharraa qollifannaan ishee qunnameera.
Karoora kuni jalqaba UAE fi Baahireen kan mallatteessan yoo ta'u turizimii, daldala, fi michummaa nageenyaa cimseera.
Boodarra Morokoofi Sudaan bara 2020 fi 2021 mallatteessan. Bara 2025 keessammoo Kaazaakistaan mallatteessite.
Bara 2020 Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu karoora kana ''carraa jaarraa kanaa'' jechuun ibsanii marii Filisxeemota waliin raawwachuuf akka bu'uuraatti akka fayyadu dubbataniiru.
Pirezidantiin Filisxeem Maahimud Abbaad immoo karoora kana mormuun ''kaballaa jaarraa kanaa'' jechuun ibsan.
''Tiraamp fi Netaaniyaahuutin Jerusaalem gabaaf hin dhihaattu, mirgi keenyi hundi gabaaf hin dhihaatu nan jedha,'' jechuun dubbatan.
Waliigalteen kuni hooggansa Iraaniinis balaaleeffatameera.
Dhimmoota dhibdee kaasan
Dhimmi gaaffii beekamtii biyyummaa Filisxeem dhimma ijoo Israa'el fi biyyoota Arabaa wal dhabsiisedha.
Waliigalteen Abirahaam ejennoo bara dheeraa biyyoonni Arabaa Israa'el waliin hariiroo kan tolfannu yoo Filisxeem walabummaa tolfatte qofa jedhurraa kan goredha.
Dhimma walabummaa Filisxeem irratti Pirezidantiin UAE Sheek Mohaammad bin Zayeed Al Nahiyaan Israa'el waliin kan waliigalan haalduree Israa'el lafa bal'aa West Baank akka hin to'anne jedhuuni jedhaniiru.
Yeroo ammaa Yihudoonni 700,000 ta'an bakkee qubsumaa West Baank akkasumas Baha Jerusaalem keessa jiraatu.
Akkaataa seera idil-addunyaan qubsumni kunneen seera idil-addunyaa jalatti seeraan aladha, Israa'el kana ni mormiti.
Waliigalteen kuni maal buuse?

Madda suuraa, Reuters
Bara 2020 aangawoonni Israa'el akka tilmaamanitti daldalli UAE waliin qaban waggoota muraasa keessatti wagga waggaan dolaara biliyoona 4 ni gaha.
Akka ragaa Biiroo Istaatistiksii Giddugaleessaa Israa'elitti daldalli Israa'el fi biyyoota Waliigaltee Abirahaam mallatteessan bara 2023 keessa dolaara biliyoona 4 caaleera.
UAE'f waliigalteen kuni hariiroo daldalaafi waraanaa ishee akka cimsattu ishee gargaareera.
UAE fi Baahireen biyyoota addunyaa seektara tekinolojii ammayyaa qaban keessaa tokko kan taate Israa'el waliin ifatti daldalu.
Morookoon hariiroo dippilomasii ishee kan foyyeessite yoo ta'u bu'aa dinagdee muraasas argatteetti.
Hirmaannaan Sudaan garuu gara caalu danqameera.
Haleellaan Hamaas Israa'el irratti raawwateefi Israa'el Gaazaatti ceetee haleellaa banuun hariiroo dippilomasii Giddugala Bahaa keessatti jijjiirama guddaa fide.
Hariiroo diinagdee kan laaffise yoo ta'u Israa'el fi biyyoota naannichaa gidduu hariiroo jiru hammesseera.












