Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, MM Abiy kaabinee mootummaa isaa ijaaruun muudama gara garaa kenne

Manni-maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa torbaffaa kora idilee isaa jalqabaa gaggeesseen muudama ministeerotaa MM Abiy Ahmad dhiyeesseef raggaasiseera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kaabinee mootummaa MM Abiy keessaa sagala dubartoota, eenyu faa'a?

    Ministirri Muummee Abiy Ahmad kaabinee mootummaa isaa hundeesse miseensota 23 qabu keessaa sagal dubartoota. Kana jechuun yeroo parsantaan ilaalamu %39.1 ta'uu agarsiisa.

    Isaanis:

    1. Dooktar Fitsum Asaffaa, Ministira Maallaqaa

    2. Aadde Haannaa Ara’ayaasillaasee, Ministira Haqaa

    3. Aadde Yasminii Wasrabbii, Ministira Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa

    4. Dooktar Maqdas Dhaabaa, Ministira Fayyaa

    5.Aadde Ayinaalem Nugusee, Ministira Galiiwwan

    6. Aadde Salaamaawwit Kaasaa, Ministira Aadaafi Tiruzimii

    7. Aadde Alamtsahaay Phaawuloos, Ministira Albuudaa

    8. Aadde Shawwit Shaankaa, Ministira Dubartootaafi Hawaasummaa

    9.Aadde Fireehiwoot Taammiruu, Ministira Innooveeshiniifi Teeknoloojii

  2. MM itti-aanaa dabalatee aanga'oonni sagala bakkuma duraan turaniin itti fufan

    Muudama Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad har'a Onkoloolessa 8, 2026 kennaniin Ministira Muummee Itti-aanaa dabalatee aanga'oonni sagal bakkuma dura turaniin itti fufan.

    Tamasgeen Xurunee ministira muummee itti-aanaa ta'ee kan itti fufu yoo ta'u, Geediyoon Ximootiwoos (PhD) Ministira Dhimma Alaa ta'ee itti fufa.

    Dabalataan, Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa, Addisuu Araggaa Ministira Qonnaa, Haannaa Arayaasillaasee Ministira Haqaa ta'uun itti gaafatamummaan duraan irra turaniin itti fufu.

    Habtaamuu Ittafaa (Dr.) Ministira Bishaanii fi Inarjii, Dr. Maqidas Dhaabaa, Ministira Fayyaa, Ayinaalam Nugusee Ministira Galiiwwanii, akkasumas Salaamaawwit Kaasaa Ministira Aadaa fi Turiizimii ta'uun itti fufaniiru.

    Filannoo Waxabajji darbe gaggeeffameen booda MM Abiy caasaa bulchiinsa haaraa diriirsaa jira.

  3. Kaabinee mootummaa MM Abiy keessa warra jiran suuraan

    Manni-maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa torbaffaa kora idilee isaa jalqabaa gaggeesseen muudama ministeerotaa MM Abiy Ahmad dhiyeesseef raggaasiseera.

    Ministeerota 23 muudamni isaanii raggaasifameef keessaa harki caalan warra bakkumaa duran itti fufan yoo ta'an, kanneen haaraa muudamaniifi ministeera duraan turan irraa gara biraatti jijjiiramanis ni jiru.

    Suura isaanii daawwadhaa

  4. MM Abiy kaabinee mootummaa isaa ijaaruun muudama gara garaa kenne

    Manni-maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa torbaffaa kora idilee isaa jalqabaa gaggeesseen muudama ministeerotaa MM Abiy Ahmad dhiyeesseef raggaasiseera.

    Ministeerota 23 muudamni isaanii raggaasifameef keessaa harki caalan warra bakkumaa duran itti fufan yoo ta'an, kanneen haaraa muudamaniifi ministeera duraan turan irraa gara biraatti jijjiiramanis ni jiru.

    Tarreeffamni ministeerotaa kunooti:

    1) Obbo Tamasgeen Xurunaa Ministira Muummee Itti Aanaa Itoophiyaa

    2) Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa

    3) Obbo Addisuu Araggaa Ministira Qonnaa

    4) Dooktar Fitsum Asaffaa Ministira Maallaqaa

    5) Obbo Mahaammad Idiris Ministira Raayyaa Ittis Biyyaa

    6) Piroofesar Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa

    7) Aadde Haannaa Ara’ayaasillaasee Ministira Haqaa

    8) Aadde Yasminii Wasrabbii Ministira Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa

    9) Dooktar Fissahaa Yittaaggasuu Ministira Indaastirii

    10) Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa Ministira Bishaaniifi Inarjii

    11) Dooktar Maqdas Dhaabaa Ministira Fayyaa

    12) Obbo Awwaluu Abdii Ministira Hojiifi Ogummaa

    13) Aadde Ayinaalem Nugusee Ministira Galiiwwan

    14) Obbo Barakat Fissahaatsiyoon Ministira Istiraateejii Biyyaalessaa

    15) Aadde Salaamaawwit Kaasaa Ministira Aadaafi Tiruzimii

    16) Aadde Alamtsahaay Phaawuloos Ministira Albuudaa

    17) Obbo Saadaat Nashaa Ministira Ministira Loojistiksii

    18) Aadde Shawwit Shaankaa Ministira Dubartootaafi Hawaasummaa

    19) Obbo Muusaa Adam Ministira Nageenyaa

    20) Aadde Fireehiwoot Taammiruu Ministira Innooveeshiniifi Teeknoloojii

    21)Injinar Mahaammad Abdurahaaman Ministira Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa

    22)Dooktar Injinar Sulxaan Walii Ministira Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii

    23)Dooktar Akililuu Taaddasaa Ministira Dargaggootaafi Ispoortii

  5. Arteettaan kontiraata haaraa Arsenaal waliin waggaa afur isa tursiisu mallatteesse

    Milkaa'ina Arsenaaliif "kun jalqabbiidha" jedhe Manaajeriin kilabichaa Mikeel Arteettaa kontiraata haaraa mallatteessuu hordofee dubbii dubbateen.

    Kontiraata hanga 2030 Arsenaal waliin isa tursiisu kan mallatteesse Arteettaan shaampiyoonaa Piriimer Liigiif baroonni itti aanan kan injifannoo itti galmeessan akka ta'u akeekeera.

    Jalqaba ji'a kanaa kontiraata haaraa kanaan Arteettaan miindaa fi faayidaa fooyya'aa akk argatu BBC Sport gabaasee ture.

    Leenjisaan lammii Ispeen kun bara 2019 Arsenaal hogganuu kan eegale yoo ta'u, kontiraata amma dheereffameef kanaan waggoota 10 ol kilabicha waliin akka dabarsu isa taaisa.

    Kontiraata haaraa kanaan Arteettaan waggaatti Paawondii miliyoona 10 bifa miindaan, akkasumas bonasii (dabalata) ammoo Paawondii miliyoona 5 argata.

    "Kilabichi addadha, amalli isaafi miira sitti tolu inni siif uumu. Imalli nuti waliin qabnu itti waan fufuuf anaaf akka carroomuutti natti dhaga'ama," jedhe Arteettaan.

    "Hidhata cimaa fi yaadannoo umurii guutuu hin dagatmne uumneerra. Kan baayyee nama gammachiisu ammoo waan waliin milkeessuuf jirruuf kun ishee jalqabaati."

    Leenjisaa umuriin isaa waggaa 44 ta'e Arteettaan Arsenaal waliin Piriimer Liigii fi FA Cup mo'atee Shaampiyoons Liigii Awurooppaa ammaa Caamsaa darbe PSG waliin wancaaf qaqqabeera.

    Hogganaan olaanaa Arsenaal Richaard Garliik, Mikeel Artaattaan Arsenaal kilaba cimaafi dorgomaa jabaa taasisaa jira jedhe.

    "Amma manaajera yeroo dheeraaf nu waliin turuufi garee jabaa ijaaraa jiru qabna".

    Arteettaan kontiraata haaraa Arsenaal waliin turuuf mallatteessuun namatti haaraa hin taane. Sababiin isaa ammoo duraaniyyu kilabicha waliin turee waan hojjetu akka qabu kaasee dubbataa tureera.

    Kanaaf, Arsenaal waancaa Piriimer Liigii waggaa 20 booda akka mo'atu gochuun isaa jalqabbii akka ta'etti himamaa jira.

    Kanaaf, xiinxaltoonni kubbaa miilaa Arteettaan Arsenaal keessatti legaasii isaa (milkaa'ina dhaalamu) hojjechuutti akka jiru kaasu.

  6. Haleellaa hidhattoonni Huutii buufataalee xiyyaaraa Sa'uudii Arabiyaa irratti raawwataniin namoonni sadi du'an

    Aangawoonni akka jedhanitti namoonni sadi haleellaa Huutiin guyyoota lamaaf buufataalee xiyyaaraa Sa'uudii irratti raawwateen kan du'an yoo ta'u, kunis waraanni daangaa Sa'uudii fi Yamanii gidduutti adeemaa jiru sadarkaa yaaddessaarra ga'uu mul'isa.

    Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Sa'uudii ibsa Roobii kenneen haleellaa Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Abha irratti raawwatameen namoonni lama yoo du'an, 28 madaa'aniiru.

    Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa King Kaaliid kan magaalaa guddoo Sa'uudii Arabiyaa, Riyaaditti argamurratti haleellaa raawwateen ammoo namni tokko du'uu eere ibsi kun.

    Haleellaan lubbuu namootaa galaafate kan Huutiin akka raawwate amane kun, mootummaa Yaman kan beekamtii idiladdunyaa qabuu fi Sa'uudiin deeggaramuu fi hidhattoota Huutii kan Iraaniin deeggaraman gidduutti lolli daran hammaachuu mul'isa.

    Ibsi mootummaa Sa'uudii haleellaawwan kunneen kan raawwataman Onkoloolessa 6 fi 7 ta'uu eera.

    Dubbi himaan damee waraanaa Huutii Yahyaa Saaree humnoonni isaa buufataalee xiyyaaraa Sa'uudii lamaan misaayeloota balistikii fi dirooniin haleeluu ibseera.

    Dubbi himaan Huutii kun Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Aden kan to'annoo mootummaa Yaman jala jiru haleeluus ibseera.

    To'annoo Huutiin ala kan ta'ee fi Yamaniin addunyaatti karaan ittiin baatee galtu tokkittiin buufata xiyyaaraa kana yoo ta'u, wayita waraanni ka'u yeroo mara xiyyeeffannaa haleellaa hidhattootaati.

  7. Raayis kontiraata haaraa Arsenaal waliin mallatteessuuf

    Dekilaan Raayis kontiraata haaraa yeroo dheeraaf Arsenaal keessa isa tursiisu mallatteessuuf akka jedhu maddeen BBC Sport'tti himan.

    Taphataan sarara gidduu lammii Inglaand kun erga Adoolessa bara 2023 West Haam irraa Paawondii miliyoona 105niin dhufee Arsenaaliif taphataa baayyee murteessaa ta'eera.

    Kontiraata inni amma qabu dhuma bara dhufuu xumurama garuu maddeen akka BBC Sport'tti himanitti kontiraata haaraa mallatteessuu ilaalchisee mariin Bitootessa keessa jalqabame amma waliigalteetti dhiyaateera.

    Taphataan umuriin isaa waggaa 27 ta'e kun taphoota 165 irratti Arsenaaliif hiriiree taphachuun kilabichis dheebuu waancaa Piriimer Liigii waggaa 22 akka ba'atuuf gargaareera.

    Raayis kontiraata haaraa kana yoo mallatteesse miindaan isaa amma torbanitti argatu Paawondii 240,000 argatu gara Paawondii 350,000 guddachuun kan taphataan garee isaa Bukaayoo Saakaa torbanitti argatu waliin walqixxaata.

    Leenjisaan garee biyyaalessaa Ingilaand Tomaas Tuheel Raayisiin "yeroo ammaa taphataa sarara gidduu Awurooppaa keessa jiran keessa kan hunda caaludha" jechuun jajateera.

    Raayis tapha PIriimer Liigii torban lamaan booda Sambata deebiyuun morkii Arsenaal Liids waliin qaburratti ni taphata.

    Oduun Raayis kontiraata haaraa mallatteessuuf jedhu kun manaajeriin Arsenaal Mikeel Arteettaa shaampiyoonaa Piriimer Liigii waliin kan isa tursiisu kontiraata waggaa afur mallatteessuuf waliigaluun boodadha.

  8. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Waraana Sa'uudii Arabiyaa fi Huutii gidduutti hammaate akkasumas dhimmoota biyya keessaa fi addunyaa irratti odeeffannoo jiran hordofnee isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii armaan duraan odeeffannoo dabarsaa turre asii argattu.

    Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!