KALLATTIIN, Iraan buufatawwan waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran haleelte

Iraan haleellaa halkan edaa Ameerikaan irratti raawwatte haaloo ba'uuf buufatawwan waraanaa biyyattii biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran haleelte

Guduunfaa

  • Erga helikooptarri Ameerikaa Hormuuz irratti rukutamee booda US fi Iraan walitti dhukaasan
  • Pirezidant Tiraamp helikooptarri Ameerikaa Hormuuzitti rukutamuuf Iraan himachuun akka haaloo ba'u dhaadachuu booda dhukaasi baname
  • Iraan misaa'elootaa fi dirooniiwwan hedduu dhukaasuun haaloo ba'uu ibsite
  • Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) Bahreen, Jordaan fi Kuweet dabalatee buufataalee humna waraanaa US 21 haleeluu ibse
  • Torbee kana Iraan fi Israa'el wal haleeluutti deebi'anii turanis haleellaa dhaabaniiru. Iraan garuu yoo Israa'el Libaanos haleeluu itti fufte haleellaatti akka deebitu akeekkachiisteetti
  • Israa'el haleellaa Libaanos itti fufuun lammiileen biyyattii magaalota gadhiisanii baqataa jiru
  • Tiraamp Israa'el haleellaa kana akka dhaabdu michuusaa MM Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akeekkachiiseera
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok argachuu dandeessu
  • Tamsaasa kallattii kaleessaa asii argattu: Iraan haleellaa dhaabdus Israa'el Libaanos haleellaan jiraattonni magaalaa keessaa baqataa jiru

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dhukaasa jumlaa Joohaanisbargitti raawwateen namoonni 12 lubbuu dhaban

    Keellaa poolisiin iddoo yakkaatti kaa'u

    Madda suuraa, Getty Images

    Afrikaa Kibbaa, Johaanisbargitti dhukaasa jumlaa raawwateen namoonni 12 lubbuu dhabuu poolisiin hime.

    Kibxata kaleessaa qubsuma al-idilee Kiliivlaand jedhamuutti haleellaa raawwate kanaan namoonni sagal biroo madaa'aniiru. Poolisii shakkamaa barbaadaa jira.

    ''Shakkamtoonni 10 tahan konkolaataa Tooyootaarraa buufata boba'aa Kiliivlaanditti bu'ani,'' jedhe poolisiin.

    ''Jarri kuni iddoo jedhame kana balbala lamaan seenanii hawaasaafi jiraattota irratti dhukaasa banuun booda iddoo sanaa dhabamaniiru,''

    South Africa has one of the highest murder rates in the world, with around 60 people killed per day on average.

    Poolisiin akka jedhetti jiraattonni ''dhukaasni banamuu eeruu kennan'' jedha

    Namoota madaa'aniif hojjettoonni tajaajila fayyaa hatattamaa bobba'aniiru.

    Akka poolisiin jedhutti dhiirota saddeetiifi dubartoonni sadii iddooma dhukaasni banametti lubbuu dhaban.

    Haleellaa kana duuba sababiin jiru hin ammaaf hin baramne.

  2. Paayileetiin eeyyama sirrii malee waggaa 17 xiyyaara oofe himatame

    Xiyyaara Kanaadaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Qondaalonni akka jedhanitti Paayileetiin umrii waggaa 59 kun bara 2009 irraa eegalee waraqaa eeyyamaa seera qabeessa malee xiyyaara balaliisaa waan tureef himatameera.

    Daandiin qilleensaa Kanaadaa- Air Canada jedhamu bara darbe akkuma dhimmi kun irratti barameen paayileetii kana hojiirraa ari'uu ibse.

    Akka daandiin qilleensaa kun jedhetti paayileetonni ji'a ja'aan leenjii ga'umsa isaanii mirkaneessu waan fudhataniif sababa nama kanaa imaltootarra balaan ga'e hin turre.

    Jiraataa Ontaariyoo kan ta'e Geoffrey Wall bara 1998 irraa eegalee Air Canada waliin hojjeteera.

    Naannawa Peel jedhamutti Qondaala Poolisii Itti Aanaa kan ta'e Nick Milinovich paayileetiin Wall jedhamu kun waggoota 27 daandii qilleensaa [Air Canada] waliin hojjeteera jedhe.

    Paayileetii ta'ee xiyyaara akka balaliisuuf beekamtii kan argate garuu bara 2009.

    Yeroo sanarraa eegalee paayileetiin kun wayita carraan guddina sadarkaa dhufu dikumantii isaa geeddaruun dhiheessaa guddina argachaa ture jedhe poolisiin.

    Paayileetiin kun waggoota 17 darban keessatti xiyyaarota Booying gosa adda addaa balaliiseera. Walumaagalatti balalii biyya keessaa fi alaa 900 raawwateera.

  3. Helikooptarri Ulaa Hormuuz irratti kufuun booda US fi Iraan wal haleelan

    Heelikooptara Iraan haleelte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan haleellaa walitti fufaa Iraan irratti raawwattu xumuruu kan himte yoo tahu, Iraan dirooniifi misaayela dhukaasuun deebii kennaa turte.

    Waraanni Ameerikaa, sirna ittisaa qilleensarraa, iddoowwan to’annoo lafarra jiran akkasumas raadaariiwwan Iraan irratti qiyyaafatee heelikooptara Ameerikaa Wiixata lafaan dhoofteef deebii kennuu hime.

    Mootummaa Warraaqsaa Iraan ammoo buufataalee waraanaa Ameerikaa Baahireenfi Joordaan 21 irratti qiyyaafachuun halellaa raawwachuu kan hime yoo tahu Kuweetis haleellaa qolachaa turuu ibsiteetti.

    Ameerikaan heelikooptara Apache kuuffifameef deebii kennaa jirtu ‘’deebii madaalawaa’ jettus Iraan haleellaa US ‘hamaa’ jetteetti.

    Biyyooti lameen kan walitti dhukaasan hojjettoonni heelikooptara kuftee erga baraaramaniin booda dha. Dirooniin galaanarraa namoota kunneen baraaruuf faayidaarra ooluu waraanni Ameerikaa yeroo jalqabaaf ifatti hime.

    Akka qondaalonni Ameerikaa jedhanitti Iraan diroonii fayyadamuun heelikooptarii kana haleelte. Tahus haleellaan kuni itti yaadamee tahuusaaf ifaa miti jechuun CBS qondaala mootummaa Ameerikaa eeruun gabaaseera.

    Maddi Oduu Iraan Meehiir jedhamu Iraan haleellaa heelikooptarii kanaaf gaafatamummaa hin fudhanne jechuun gabaaseera.

    Komaandiin gidduugalaa Ameerikaa Centcom deebii haleellaa heelikooptara kuffifameef jeetiiwwan US ‘’sirna ittisaa qilleensaa, buufataalee to’annoo lafoofi raadaarii odeeffannoo dhihoo Hormuuz jiru haleeluun deebii kennaniiru,’’ jedhan.

    Mootummaan Warraaqsaa Iraan Ameerikaan utubaa telekoominikeeshiniifi tankii bishaan lama haleelte jedhe.

  4. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Iraan fi US walitti dhukaasan.

    Kunis erga Hormuuz irratti helikooptarri Ameerikaa rukutameeti.

    Odeeffannoo waraana Iraan karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii duraan ture asii argattu.