Erga Iraan fi Israa'el walirratti dhukaasanii booda Tiraamp ''qalbiitti deebi'uu qabna'' jechuun Neetaaniyaahuu akeekkachiise
Iraan fi Israa'el erga dhukaasi dhaabbatee ji'a lama booda haleellaa walirratti kan banan Dilbata (Waxabajjii 7) halkan irraa eegaluun yoo ta'u, hanga Wiixataatti erga wal haleelanii booda dhaabaniiru.
Biyyoonni lameen wal haleeluutti deebi'uu booda BBC'f bilbilaan yaada kan kenne Tiraamp, ''qalbii keenyatti (ofitti) deebi'uu qabna,'' jechuun akka bilbilaan MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuutti hime ibse.
Kaaba Ameerikaatti gulaaltuu BBC kan taate Saaraa Ismiiz, Tiraamp dhukaasi akka dhaabbatuuf akkamiin Neetaaniyaahuurraatti dhiibbaa akka uume gaafatte.
''Kanan jedhe 'qalbii keenyatti haa deebinu'. Waliigaltee akkaan cimaa ta'e mallatteessuutti dhihaanneerra, Waliigaltee gaarii,'' jechuun deebise.
