US Iraaniin haleeluu kan dhaabde kuusaa meesha waraanaashee waan haphateef jedhame
Ameerikaa fi Iraan gara waraanaatti erga seenanii gara ji'a shanii booda Tehran halkan darbe haleellaan misaayelaa tokkollee osoo irratti hin raawwatiin bulte.
Gaazexaan Niiw Yoork Taayims garuu akka gabaasetti, US kuufamni meeshaa waraanaa ishee hir’achaa waan dhufeef boombii kana dhaabde.
Torban lama walitti aansuun Ameerikaan halkan halkan haleellaa erga raawwatte booda, biyyoonni kunneen gara mariitti akka deebi’an abdiin jiru deebi’ee dagaageera.
Haa ta’u malee, haleellaan xiyyaaraa yeroof dhaabbachuun isaa kuusaan meeshaa waraanaa tokko tokko gadi bu’aa jiraachuu agarsiisuu akka danda’u miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.
Dhimmoota tattaaffii dippilomaasii waliigaltee Waashingitan fi Tehran gidduuu gufachiisan keessaa tokko dhukaasa dhukaasa Ulaa Hormuuz keessatti raawwatuudha.
Garuu waraanni kun daangaa darbee biyyoota naannicha keessatti michuu Ameerikaa ta’anitti babal’ateera.
Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, Tiraamp Jimaata darbe duula waraanni Ameerikaa Iraan irratti geggeessaa ture ''yeroodhaaf akka dhaabbate'' dubbataniiru.
Gaazexaan Niwu Yoork Taayims qondaaltota dhimmicha beekan lama wabeeffachuun akka gabaasetti, dhiyeessiin meeshaa waraanaa hir’achaa dhufuun duulli kun hammaaatee akka itti hin fufne sababa ta'eera.
Waraanichi Baha Giddugaleessaa keessatti akka malee babal'ataa sodaan jedhus sbaaba biraadha.
Itti aanaan pirezidaantii J.D. Vaansii fi jeneraal olaanaa Ameerikaa Daan Kaayiin walgahii Jimaata darbe Waayit Haawusitti taasisaniin balaa waraanni kun biyyoota birootti babal’achuu danda’u irratti mari’achuu isaaniis CNN gabaaseera.
Akka CNN gabaasetti, Kaayin loltoonni ajaja isaanii sirnaan akka raawwatan Tiraampiin mirkaneessaniiru, garuu balaan jiraachuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.
Tiraamp Jimaata darbe duula guutuu gaggeessuuf akka hin murtoofne dubbateera.