Hogganaa Olaanaan Iraan, Ameerikaa fi Israa’el “deebii cimaa argachuun isaanii hin oolu” jechuun haleellaa Israa’el torban tokko dura Iraan irratti raawwatte ilaalchisuun dubbatan.
Ayaatollaa Alii Komaanii yaada kana kan kennan wayita yaadanoo waggaa 45ffaa bara 1979 Imbaasiin Ameerikaa Tehraan keessatti qabameetiin dura Sambata har'a haasaa barattoota waliin taasisanidha.
Balaan kun kan dhufe yeroo Iraan haleellaa Israa’el ji’a darbe raawwatteef deebii kennuufi dhiisuu osoo xiinxaltuutti mudachuun, Iraan loltoota afur jalaa ajjeeste himtettidha.
Haleellaa Israa'el kun haleellaa misaa’ela Iraan jalqaba Onkoloolessa keessa Israa’el irratti raawwatte haaloo ba’uuf ture.
Haleellaan Iraan ammoo kan raawwatame ajjeechaa hoggantoota Hezboollaa fi Hamas, gareewwan hidhattoota Iraan deeggaramuun Israa'eliin lolaniifi ajajaa olaanaa Iraan irratti raawwatameef haaloo bahuuf raawwatamuu himte Iraan.
Ayyaatoolaan, Israa'elii fi US dabalatee diinonni Iraan, ''waan Iraan, ummata ishee fi humna warraaqsaarratti raawwataa jiraniif deebii cimaa argachuun isaanii hin oolu'' jedhan.
Gareen Iraan "axis of resistance" jedhamaniifi gamtaa gareewwan Tehiraan deeggaraman kan akka Gaazaa keessatti hidhattoota Hamaas, Libaanos keessatti HHezboollaa, Yaman keessatti Huutii, akkasumas Iraaq fi Siiriyaa keessatti gareewwan hidhannoo cimaa qaban of keessatti kan qabatedha.
Irra caalaan gareewwan kanneenis biyyoota lixaatiin akka dhaaba shororkeessummaatti farajjamaniiru.
Iraan garuu kana amanuu baattus, Israa’el haleellaa Onkoloolessa 26 raawwateen ittisa qilleensaafi dandeettii misaa’elaa Iraan irratti miidhaa guddaa akka geessiste himama.
Israa’el haleellaa Hamaas kan bara darbe Onkoloolessa 7 raawwatamuun namoota gara 1,200 galaafateeef Iraan deeggartuu murteessituu akka taateetti ilaalti. Namoonni 250 ol butamanii gara Gaazaatti geeffamaniiru.
Erga yeroo sanaatii booda Israa’el Gaazaa keessatti duula guddaa kan eegalte yoo ta’u, kanaanis namoonni 43,300 ol ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa naannichaa kan Hamaasiin hoganamu.
Israa’el baatii Adoolessaa keessa Libaanos keessatti haleellaa, akkasumas Israa'el Libaanos keessattis haleellaa Hezboollaa irratti raawwachuu Fulbaana keessaa kan jalqabde. Kun ammoo lola daangaa qaxxaamureefi dhukaasa rookkeettii deeggarsa Hezboollaan Filisxeemootaaf qabu agarsiisuun raawwataa tureen waggaa tokko booda kan eegalmedha.