TPLF janaraala isaa harka kennatan ''gantummaan'' himate
Dhaabi TPLF ajajaa olaanaa isaa keessaa tokko kan ta'aniifi Wiixata Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka kan kennatan M/Janaraal Yohaannis W/Goorgisiin ''gantummaan'' himate.
Dhaabi TPLF ibsa baaseen ajajaan kuni lola tibbana tureen ''gamaaggamaafi waan hordofsiisu hubachuun'' walgahiirraa hafuu kan eere TPLF, ''diina waliin hariiroo tolfataniiru'' jechuun himateera.
Jeneraal Yohaannis maqaa Joon Medid jedhamuun kan beekaman yoo ta'u miseensa Ajaja Giddugaleessaa TPLF fi ajajaa waraanaa Kibba Tigraay turan.
Akka maddeen BBC jedhanitti, Jeneraal Yohaannis, eegdota isaaniifi ajajoota waraanaa sadarkaa Koloneel irra jiran torba dabalatee loltoota biroo waliin Godina Giddugaleessa Tigraay, Aanaa Raamaa, naannoo Qushee Simret jedhamutti humnoota mootummaa Itoophiyaa fi michoota isaaniin marfamuun harka kennachuuf dirqaman.
Haa ta'u malee, Mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti dhimma kanaa irratti ibsi keenne hin jiru.
Ajajaan Humnoota Nageenyaa Tigraay Meejar Janaraal Gabraigzaaber Bayyanaa (Waddi Anxiruu jedhamuunis beekamu) garuu Janaraal Yohaannis harka kennachuu isaanii BBC'f mirkaneessaniiru.
''Bilbilaan itti dubbadheera. Hiriyyaafi ajajaakoo waan tureef isatti hin qabamne. Lubbuun ooluun isaa gaarii ta'uufi wanti guddaan wal arguu isaanii'' akka ta'e himan.
Oduun harka kennachuu Jeneraal Yohaannis yoo mirkanaa'e, kun waraana Tigraay keessatti tarkaanfii guddaa ta'uu akka danda'u xinxaltootni kan ibsaa jiran.