Joorjiyaa Meeloonii fi Tiraamp: Wal dhabdee guddaa furuuf rakkisaa tahe

MM Xaaliyaanii gara kaameeraa ilaaluun yeroo seeqxu, Tiraamp ammoo duuba isheen dhaabbateera.

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Xaaliyaaniitti suuraan Muummittii Ministira isaanii Joorjiyaa Meeloonii miidiyaa hawwaasaa irratti dubbii ijoo taheera.

Suuraan kun yeroo isheen rifeensa ishee adda gootee kutuun of mimmiidhaksitu, qofaa ishee akka dubartii jaalallee isheerraa adda baateetti bashannana baatu, fi appilikeeshinii jaalallee barbaaddatan irratti yeroo pirofaayilii ishee qaqajelfattu agarsiisa.

Maal kana qofa akka nama dorgommii maraatoonii dorgomuuf jedhuutti yeroo isheen shaakala hojjettus suuraan maxxanfame jira.

Dubartii jaalala ho'aa keessatti jaalallee isheen wal dhabdee adda baate fakkeessuun miidiyaalee hawwaasaa irratti qoodan.

Suuraan kun hundi garuu kan AI hojjetamedha. Kun hundi suuraa sobaa tahus ajandaa kana kan fide ammoo erga Doonaald Tiraamp waliin wal dhabaniiti.

Wal dhabdeen isaanii erga ifatti barameen as akkuma dhuunfaattiyyuu wal arrabsuu fi deebii walii deebisuurra gahaniiru.

Bara 2025 yeroo Tiraamp aangoo qabatee sagantaa afeerraa qophaa'e irratti gaggeessitoota Awurooppaa keessaa kan taa'umsa fuulduraa irra taa'e Meeloonii qofa ture.

Meelooniin dhiyeenyuma kana nama Tiraampiin tasgabbeessite'' jedhamuun waamamtee ture. Amma wal dhabdeen isaanii ittuu hammaataa deeme.

Nama suufii cuqulisa uffatee gara duubaatti gargaluun dubartii suufii daalacha uffattetti dubbatu

Madda suuraa, Reuters

Eebla darbeyyuu Gamtaa Awurooppaan filamtee marii taarifa Tiraamp biyyoota Awurooppaa irratti dabarsuuf jedhe akka salphisuuf marii Waayit Haawus isheetu durse.

Akka dubartii ilaalcha fooyya'aa qabdu tokkoo fi siyaasa Xaaliyaanii keessattis dubartii aadaa faashistii booda dhalatte tokkootti akkas Tiraampitti dhiyaachuun ishee waan gaarii qofaan akka hin ilaalamne kaasu namoonni hordofaa turan.

Wal tajjii gurguddaa Tiraamp argamu irratti akka adda dureetti argamaa turte.

Tiraamp garuu nama amala dhaabbataa hin qabnee fi dhaabbii hin qabne tahuun isaa Meelooniin akka rakkattu taasiseera.

Amma fudhatamumma aisheen akka biyyaaleessaa fi idil addunyaatti qabdu jalaa miidheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wal dhabdeen isaanii kan jalqabe xumura ji'a Bitootessaa keessa yeroo ministeerri ittisaa Xaaliyaanii xiyyaaronni waraanaa US gara Baha Gidduugaleessatti balali'an buufata xiyyaaraa NATO Sisilii naannoo Sinyoolaa jiru akka hin fayyadamne dhorkedha.

Ameerikaan xiyyaaronni ishee osoo paarlaamaa Xaaliyaanii irraa eeyyama hin gaafatiin akka achi buufatan akka eeyyammuuf gaafattee ture.

Kun yeroo waraana Iraan sanadha. Murteen kun heera mootummaan deeggaramuu qaba ture. Uummanni Xaaliyaaniis waraanicha mormaniiru.

Torbanoota booda wal dhabdeen isaanii hammaachuu jalqabe. Tiraamp Phaaphaasii Kaatolikii addunyaa kan tahan Poop Liyoo XIV ''yakka irratti dadhabaadha'' jechuun qeeqe.

Biyya amantaa Kaatolikii hordofuun beekamu Xaaliyaanii kan bulchitu Meelooniin qeeqa Tiraamp kana ''fudhatama hin qabu'' jette.

Tiraampis dubbicha salphisee hin ilaalle. ''Baay'ee itti mufadheera'' jedhe. ''Kaka'umsa waan qabdun sehe. Garuu dogogoreen jira. Nama sirrii miti. Isheenis nama duraan beeku sana miti. Xaaliyaaniin Xaaliyaanii duraan beeknu miti'' jechuun ammas qeeqe.

Waxabajji keessa yeroo Wal Gahii G-7 Faransaayitti gaggeeffame haalichi waan qabbanaa'e fakkaate. Wal gahicha irratti Meeloonii fi Tiraamp waliin suuraa ka'aniiru.

Soofarra taa'anii waliin mari'atanii ture. namoonni siyaasaa Xaaliyaanii marii haala jiru qulqulleessuuti jedhan.

Melooniin miidiyaatti yoo himtu miira gaariitu jira, wal dhabdeen homaatuu hin turre jette.

Joorjiyaa meeloonii Tiraamp waliin kora G-7 Faransaayitti yeroo mari'atan

Madda suuraa, Handout via REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Joorjiyaa meeloonii Tiraamp waliin kora G-7 Faransaayitti yeroo mari'atan

Osooma hin turiin ammoo wal dhaban. Guyyaa tokko booda Tiraamp miiidyaa Xaaliyaanii La7 jedhamutti yoo himu, koricha irratti Meelooniin akka suuraa ishee waliin ka'u na kadhatte jedhe.

''Na waliin suuraa ka'uu akka malee barbaaddee ture'' jedhe. Ani garuu waliin hin kaane nan gaddaafii'' jedhee dubbate. Dibbiin kun afaan Xaaliyaaniitti hiikamuun darbe.

Meelooniin osoo hin turiin viiidiyodhaan bahuun waan Tiraamp jedhu kun dhugaa miti jette.

''Pirezidaantiin Ameerikaa maaliif amala akkasii michoota UStti akka agarsiisu hin beeku. Fuula akkasii doonota biyyoota Lixaatti ammoo hin agarsiisu. Nama gaddisiisa'' jedhe.

''Waan yaadachuu qabu tokko garuu jira. Anas tahe Xaaliyaaniin waan isa kadhannu tokkollee hin qabnu'' jette.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Anas tahe Xaaliyaaniin gokumaa hin nama hin kadhannu' jette Meelooniin.

Ministeerri Dhimma Alaa Xaaliyaanii imala gara Waashingitanitti taasisuuf ture haqe. Pirezidaantiin biyyichaa Serjiyoo Matareellaa akka ishee cina jiru bilbilaan itti hime.

Miseensonni paarlaamaa Xaaliyaanii dubbii kanaaf dhiifama nu gaafachuu qaba. Kun ulfina biyyaatti bu'uudha jedhan.

Tiraamp ammas hin dhiisne. Miidiyaa hawwaasaa Truth irratti ''bilbiltee ammas ammas suuraa waliin kaana jettee na gaafatte. Irra deebiin michuu taana jette. Nuyi amma waraanaan Iraan mo'anneerra'' jedhe.

Wal dhabdeen isaanii dhimma buufata xiyyaaraa Xaaliyaanii fayyadamuu tahuu himamus Opireeshinii Epik Faarii jedhamuun Iraan irratti gaggeeffameef xiyyaaronni 500 ol buufata waraanaa US, Xaaliyaanii JIRU irraa akka ka'an barreessaan NATO Mark Raat himeera.

Ministirri Ittisaa Xaaliyaanii garuu dubbicha ''soba'' jedhe . Waan nama dogogorsullee jedhe.

Kan eeyyamne xiyyaarota waraanaa osoo hin taane kan loojistikii fi deeggarsa teeknikaa kennan qofa jedhe.

Xaaliyaaniin buufata isheerraa ka'uun kallattumaan Iraan irratti haleellaa akka gaggeesituuf Ameerikaaf hin eeyyamne.

Meelooniin filannoo rifarandamii heera mootummaa irratti gaggeeffame mo'amteetti. Bara dhufu ammoo filannoo biyyattiitu gaggeeffama. Maqaa ishee kaa akkamiin sadarkaa biyyaalessaa fi idil addunyaatti deebistee haaressiti kan jedhu ammas gaaffiidha.

Dabalataan kana booda Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduu isa akka riqichaatti dhaabbachaa turte kana booda waan dandeessu miti.

Ji'a dhufu Ankaaraatti korri NATO gaggeeffama. Achi irratti Tiraampii fi Meelooniin waan hirmaataniif miirri isaanii maal taha kan jedhu haalaan eegama.