Garee Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii xumuraa bara 2006 taphateefi kan baranaa keessaa kam filattu?

Arseen Weengarifi Mikeel Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa duraanii Arsenaal Arseen Weengariifi kan ammaa Mikeel Arteettaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Arsenaal abbaa waancaa Piriimerliigii ta'ee baay'ee osoo hin turin waancaa Shaampiyoons Liigii dabalchuuf Caamsaa 30 Paaris Seent Jermeen waliin Budaapeestitti falmachuuf jira.

Mikeel Arteettaa waancaa Shaampiyoons Liigii yoo milkeesse, waan leenisaan duraanii Arsenaal Arsen Weengar milkessuu hanqate milkeessa jechuudha- bara tokkotti waancaa Piriimeerliigii fi Shaampiyoons Liigii injifachuu.

Arseenaal yeroo dhumaaf xumura waancaa Shaampiyoons Liigiif kan qaqqabe waggoota 20 dura yeroo Barseeloonaa waliin morkatee 2-1n injifatame ture.

Yeroo sana Arsenaal taphataan tokko kaardii diimaan jalaa bahee taphataa 10 taphateeti kan Baarsadhaan mo'ame.

Gareen Arseen Weengaar bara 2006tti qabatee xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigitiif dhiyaate taphattoota akka Tiyeerii Heenrii, Ashlii Kool fi Seesk Faabrigaas fa'aa dabalatee taphattoota qaqqaalii warra ta'aniidha.

Inumaayyuu dorgommii Piriimeerliigii bara 2003-2004 irratti garee hin mo'amne warra turaniidha.

Gareen Arteettaa hoo akkamitti ilaalama? BBC Sport garee Arsenaal bara 2006 fi 2026, kan baranaa madaalera.

Karra eegaa

2006

Bara 2006 karra eegaan Arsenaal taphataa intarnaashinaalaa lammii Jarman Jeens Leehmaan ture. Arsenaaliif taphoota 200 irratti karra eegaa ta'ee hiriirera. Dorgommii Piriimerliigii bara 2006 irratti taphoota 38 hundarratti hirmaatera.

Tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii bara 2006 Paarisitti gaggeeffamerratti garuu daqiiqaa 18ffaa irratti jifataa Barseloonaa kan ture Saamu'eel Etoo kuffisuu isaatiin kaardii diiman dirree bahuunsaa gatii isa kaffalchiise.

Arsen Weengar karra eegaa lammii Ispeen Maanu'eel Almuuniyaa galchus Arsenaal injifatamee waancaa Shaampiyoons Liigii dhabe.

2026

Deeviid Raayaa bara dorgommii 2025-26tti karra eegaa taphoota 19 irratti galchiin itti hin lakkaa'amne ta'uun badhaasa golden glove injifateera.

Arsenaal waancaa Piriimeerliigii akka injifatu gochuu keessattis gaheensaa guddaadha. Taphoota murteessoo ta'an irratti galchii ittisuun Arsenaal mo'amuurraa baraaraa ture.

Ittisa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

2006

Taphataa sarara ittisaa Arsenaal kan tureefi Tootenhaam irraa bara 2001 Arsenaalif kan mallatteesse Sool Kaambeel waancaa liigichaa lamaafi FA Cup sadi Arsenaal waliin injifateera.

Bara 2006 ammoo xumura waancaa Shaampiyoons Liigii irratti galchii tokko lakkoofsisee ture.

Isa biratti ammoo taphataa lammii Ayivoorikoost kan ta'e Kooloo Turee hiriiraa ture.

Baroota dorgommii Arsenaal beekamaa turetti lamaansaanii sarara ittisaa Arsen Weengariif utubanii turan.

Sarara ittisaa harka mirgaan ammoo Imaanu'eel Ebuuwee akkaan beekamaa ture. Bara 2005 hanga 2011tti Imaanu'eel Iboowee taphoota 214 irratti hirmaachuun taphateera.

Kool ammoo seenaa Piriimeerliigii keessatti taphattoota ittisaa sarara bitaa baay'ee beekamoo ta'an keessaa tokko akka ta'etu amanama.

2026

Bara Arteettaa ammoo utubaa ittisa Arsenaal kan ta'e Wiiliyaam Saliibaa Waldaa Taphattoota Piroofeeshinaalaatiin bara 2023 fi 2025 taphataa filatamaa ta'ee filameera.

Isa cinaatti ammoo lammiin Biraaziil Gabreel Magaaleez taphataa sarara ittisaa Arsenaal utubaa baheedha.

Bara dorgommii Arsenaal waancaa itti nyaate kana Gabreel galchii sadi yoo lakkoofsisu afur ammoo mijeessee kenneera.

Bara 2000 kaasee, taphhoota sarara ittisaa Maan Yunaatid kan turan Riyoo Ferdinaand fi Nimaaniyaa Viidiichin, alatti Piriimeerliigii keessatti taphattoota cimdii akka Wiiliyaam Saliibaafi Gabreel Magaaleez hin jiran.

Ittisi Arsenaal Been Waayit miidhamuusaarraa kan ka'e tapha xumura waancaa Shaampiyoons Liigii irratti Juuriyaan Tiimbar miidhamarraa deebi'ee taphataa PSG Khvicha Kvaratskhelia dhaabuu ni danda'a kan jedhu hawwii deeggartoota Arsenaal.

Gama biraan ammoo Arteettaan sarara ittisaarratti Rikaardoo Kalaafiyoorii, Peeroo Inkaappeefi Maayils Lewis Skeelii jijjiiree taphachiisuu danda'a.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'It's been written' - Arsenal players look ahead to Champions League final

Sarara gidduu

2006

Arsenaal xapha xumuraa Shaampiyoons Liigii bara 2006 taphatee tureef taphattoota sarara gidduu shan qabatee dhiyaate.

Dorgommii sanarratti "keenyaa hin jigne" jedhamuun kan beekamu taphataan lammii Biraaziil Gilbeertoo Siilvaa murteessaa ture.

Isatti aansuun taphattoonni sarara gidduu taphattoota sarara fuulduraaf carraa uumuun beekamu Seesk Faabrigaas hiriiree ture.

Faabrigaaz galchii 111 kan ta'uuf kubbaa bareechee kenneera. Arsenaalif Cheelsidhaaf yeroo taphatetti taphoota 350 irratti galchii 50 lakkoofsisee ture.

Sarara irraan ammoo taphataan lammii Belaaruus Aleeksaandar Hileeb fi taphataan Faransaayi Roobart Pirees taphattoota gidduu Arseen Weengeer itti amanu ture.

Aleeksaandar Hileeb bara 2005-2008 gidduutti taphoota 89 irratti Arsenaaliif taphatee galchii 10 mijeessee kenneera.

Roobart Pirees ammoo Waancaa Addunyaa bara 1998 fi Waancaa Awurooppaa bara 2000 Faransaayi waliin injifateera. Arsenaal waliin ammoo waggaa jaha keessatti waancaa Piriimeerliigii lamaafi FA Cup sadi injifateera.

Fuulduree isaanitiin ammoo jifataa, Teerii Henrii, kubbaa sooraa kan ture Fireedii Ljungbargidha.

Lammiin Siwidiin Fireedii Ljungbarg taphataa cimaa Arsenaal yeroo hundaa 11ffaa ta'uun galmaa'era.

2026

Tapahattoonni sarara gidduu Arsenaal bara kanaa qabee deemaa kan ture Diklaan Raayisi.

Raayis bara kana taphataa sarara gidduu Maan Yunaayitid Buruunoo Fernaandeezitti aanuun lammaffaa ta'ee filame.

Raayis waliin sarara gidduu Arsenaal qabanii deemaa kan turam Maartiin Odigaard, Maartiin Zubimeendiifi Lewiis Iskeelidha.

Odigaard miidhamaan waktii garaa garaa dhaabbataan taphataa hin turre.

Jifattoota

2006

Teerii Henrii bara Arseen Weengar jifataa murteessaa ture. Lammiin Faransaayi kun taphattoota ciccimoofi simboo Piriimeerliigii ta'anii darban keessaa tokko jedhamee jajajam.

Taphoota 377 irratti Arsenaaliif hirmaatee galchii rikardii kilabichaa ta'e 228 lakkoofsiseera.

Galchii heddu lakkoofsisuunis si'a afur Kophee Warqii afur injifachuu danda'eera.

Piriimereliigii keessatti kubbaa galchiif ta'u 20 mijeessee kennuun Keeviin Debruun waliin rikardiin inni qabu bara kana taphataa Yunaayitid Buruunoo Fernaandeezin jalaa cabe.

Buruunon bara kan galchii 21 mijeessee kennuun rikardii Piriimeerliigii qabatee jira.

2026

Arteettaan bara kana hiriira 4-2-3-1 filate- Bukaayoo Saakaa, Tiroosaadifi Bereechee Ezee jifataa dudduuban hiriirsa.

Saakaan taphataa Akadamii Arsenaal keessaa guddate yoo ta'u, bara 2020-21 fi 2021-22 taphataa cimaa ta'uun filamee ture.

Ezeen fageenyarraa kubbaa haleeluun garee fallatti yaaddoo guddaa uuama- galchiis lakkoofsisaa ture.

Bara kana Arsenaaliif gubbaa galchiif ta'u bareechee kennuun Tiroosaad dursaa jira- taphoota 31 irratti galchii jaha mijeessee kenneera.

Viiktoor Gaayikoreesh taphoota hundarratti Arsenaaliif galchii 21 lakkoofsiseera- Shaampiyoons Liigii irratti galchii shan lakkoofsisuu dabalatee.

Kaayi Haveertz bara dorgommii kana irra jireessa miidhamarra kan ture yoo ta'u, miidhamarraa erga deebi'ee Arsenaaliif galchii lakkoofsisuufi mijeessee kennuutti deebi'eera- keessumaa taphoota Piriimerliigii darbana lama irratti hirmaannaa murteessaa taasiseera.

Dorgommii tapha xumuraa waancaa Shaampiyoons Liigii irratti garee jalqabaa irratti hiriiruu mala.