YARSUMA: Tekinooloojii loon tiksuufi fayyaa isaanii eeguuf kalaqame

Itoophiyaan qabeenya looniitiin Ardii Afrikaa irraa jalqabarra jiraattus, faayidaa damee kanarraa argattuun garuu dhumarratti argamti.
Barattoonni Yunivarsiitii Jimmaa meeshaa Yarsuma jedhamu fayyaa loonii eeguun hormaata isaanii gabbisuuf oolu, afaanota torbaan dhangiâuun kalaqan.
Barattoonni Yunivarsiitii Jimmaa Instiitiyuutii Teeknoolojii Muummee Elektirikaaliifi Kompiitar Injinariingii waggaa 5ffaa pirojeektii eebbaa isaaniitiif meeshaa Yarsuma jedhamufi kan fayyaa loonii eeguun hormaata loonii gabbisuuf oolu kalaqan.
Yarsumaan marsaa duraatiin Afaan Oromoo dabalatee afaanota torbaan akka hojjatuutti kalaqame. Afaanonni kunneenis Afaan Oromoo, Amaaraa, Siwaahilii, Somaalee, Ingiliffa, Tigiriffaafi Walaayittaadha.
Hundumaa Atoomsaa garee barattoota Yarsumaa kalaqan jahan keessaa tokko yoo taâu, Itoophiyaan qabeenya looniitiin Aardii Afrikaa irraa jalqabarra, addunyaa irraa ammoo 10ffaa irra jiraattus, fayidaa damee kanarraa argattuun garuu dhumarratti akka argamtu BBCâtti himeera.
Akka Hundumaan qorannoolee naannicharratti taasifaman eeruun ibsutti, âsababoonni akka Itoophiyaan oomisha looniirraa haalaan hin fayyadamne taasisan ammoo kunuunsa gaariifi hordoffii fayyaa ammayyaa dhabuudha,â jedha.
Gama biraatiin, miseensa garee kanaa kan taâe Roobsan Mangistees yaaliin karaa aadaatiin looniif taasifamus qulqullina gogaa isaanii irratti rakkoo hamaa akka geessisu BBCâtti himeera.
Fakkeenyaaf, loon sibiila diimessanii gubuun qulqullina gogaa akka balleessu kaasa baratichi. âQulqullina gogaa loonii eeguu dhabuu irraa kan kaâe, Itoophiyaan waggaatti galii gogaa irraa argachuu maltu irraa dhibbantaa 50 ykn doolaara miliyoona 100tti tilmaamamu dhabdi; kun salphaa miti.â
Kanaaf, kalaqni kun rakkoolee gama kanaan mulâatanis furuuf qooda mataasaa akka bahu BBCâtti himan barattoonni kunneen.
Yarsumaan maali? Maal maal ofkeessaatti qabata?
Waan qeâeefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana buâaa
Xumura beeksisaa
Akka garee barattootaa kunneen BBCâtti akka himanitti, Yarsumaan jecha Afaan Oromoo yoo taâu, uummata Boraanaa biratti hiika tiksee jedhu qaba. Tikseen ammoo eenyuun olitti haala fayyaa loonii dhiyeenyaan kan hordofu, tiksuu fi toâatudha.
Roobsan naannoo Horroo Guduruutti ijoollummaa isaatti loon tiksuu kan yaadatu, âtikseen eenyuu ol loonitti dhiyeenyaan balaarraa, dhibeerra tiksa; Yarsumaanis bifa ammayyaatiin kan fayyaa loonii tiksudha,â jedha.
Akka barataan Iyyoosiâaas Xibabuu, miseensi garee kanaa kan biraa, Yarsumaan meeshaa hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) marsariitii (website), mosaajii moobaayilaafi deesktooppii, akkasumas meeshaa elektirooniksii salphaa loon irratti hidhamuufi GPS (siistama argama bakkaa himu) ofkeessaatti qabata jedha.
Kunneen hundumtuu akka wal hubatanitti tolfamuu kan himu Iyyoosiâaas, meeshichi safartoowwan akka hooâinsa qaamaa, dhahannaa onneefi halala guuruu, gorsa ogeessaa (expert system) fayyadamuun odeeffannoo walitti qaba.
Yarsumaan odeeffannoo walitti qabe kanneen buâuureffachuun buâaasaa beeksisa. Buâaan adda bahe sun loon dhibee wayii qabachuu kan mulâisu yoo taâe, achumarra dhaabachuun furmaata isaas beeksisa.
Yoo rakkoon ariifachiisaan loon tokkorra gahe ammoo dafee gara mosaajiitti yaadachiisa erguudhaan akka yaalchisnu taasisa.
âAkka biyya keenyaafi aardii Afrikaatti rakkoo cimaa gama horsiisaa looniitiin jiruuf furmaata taâuu kan dandaâu, siistama hin baratamne hojjennee milkaaâuu keenyatti daran gammanneerra,â jechuun Hundumaan BBCâtti himeera.
GPSân Yarsumaa irratti hojjetames buâaansaa tokko bakka loon sun jirtu ykn oolte beekuuf gargaara jedha Roobsan. Fayyaa loonii eeguun buâaa dinagdee biyyaa deeggaruu fi fayyaa waliigalaatiifis gumaachuudha jedha Roobsan.
Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan kompiitar saayinsiifi hundeessaan Daboo Injinariingii, Jaarmiyaa Baayâisaa akka BBCâtti himetti, miseensonni garee pirojeektii Yarsumaa kalaqanii sadii ijoollee duraan dhaabbata isaanii Daboo Injinariingiitti shaakala (Internship) bahan taâuu kaasa.
âBarattoonni gaafa internship dhaabbata keenya biratti bahan ykn yeroo gorsinu calluma jedhanii akka pirojeektii eebbaa hojjetaniif qofa osoo hin taane dhaabbata daldalaa (business) fuulduratti ittiin guddachuu dandaâan akka taâutti qajeelchina,â jedha Jaarmiyaan.
Tattaaffii fi kutannoo gareen kun qabus kan dinqisiifatu Jaarmiyaan, âhariiroo barataafi barsiisaa otoo hin taane akka hiriyaatti isaanitti dhiyaachuun waliin hojjechaa turre,â jedha.
Daboo Injinariingiinis akka dhaabbataatti barattoota hedduu gara kalaqaatti akka onnachiise kan kaasu, Jaarmiyaan, gareen kalaqxoota Yarsumaas otoo eebbifamanii hin bahiin dhaabbata mataa isaanii hundeessuun waan guddaa jajjabeeffamuu qabudha jedha.
Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaafi qorataa yaala beelladaa Dr. Mootummaa Dabaloo, kalaqni yarsumaa rakkoo cimaa fayyaa beelladaa akka biyyaa keenyaafi Afrikaatti jiru furuu dandaâa jedhu.

Jalqabarraa kaasanii barattoota kanneeniif gorsa kennaa turuu kan himan qoratichi, dhibeen dhalli namaa ittiin rakkatu kan dhibbantaa %80 taâu bineensotarraa kan gara namaatti daddarban (zoonotic disease) akka taâan himu.
Ittuma fufuudhaan, âweeraroonni dhukkuboota akka Iboolaa fi Koronaafaallee bineensotarraa kan dhufuniidha. Kanaafu fayyaan bineeldotaa hin eegamne taanaan fayyaan namaallee eegamuu hin dandaâu,â jedhu Dr. Mootummaan.
Faallaa dhugaa kanaa garuu fayyaan bineeldotaa xiyyeeffannoo akka hin arganne. Haalli kaanan dura ittiin beelladoota yaallus karaa ittiin rakkoo dhugaa adda baasuun (diagnosis) gochuun hin turre jedhu Dr. Mootummaan.
Kalaqni Yarsumaa ammoo kalaqichi buâaalee sirrii (accurate) taâan waan kennuuf rakkoolee hedduu gama fayyaa bineeldotaatiin mulâatu furuun fayyaa namootaafi dinagdee biyyaa akka deeggaru taasisa jechuun BBCâtti himan.

Kalaqni kun amma maalirra jira? Fuulduratti karoora maalii qaba?
Kalaqi kunis ammatti sadarkaa duraa (prototype) hojjechuu kan himaan kalaqtoonni kunneen, gara fuulduraatti ammoo fooyyeewwan garagaraa gochuudhaan kalaqicha gara beelladoota birootti babalâisuutti gara hojii uumuutti akka deeman BBCâf ibsaniiru.
Gara fuulduraatti hojii barbaaduu osoo hin taane, pirojeektiidhuma osoo barachaa jirruu gareedhaan âHirtii (Hearty) Injinariingii PLCâ jechuun hundeessan akka cimsan dubbatu. Kana gochuudhaan pirojeektii akka Afrikaatti dorgomaa hin qabne gochuudhaaf karoora qabaachu himu.
Adeemsa kalaqaa kana keessatti buâaa baayii hedduu keessa darbuu kan himan gareen barattootaa kunneen, baatii shaniif boqonnaa malee hojjechuu BBCâtti himaniiru.
Keessumaa gara dhumaarra otoo hirriba hin rafiin mana yaalii (laboratory) bulaa akka turan kan yaadatan gareen kalaqtootaa kunneen, dargaggoonni qormaataafi rakkina sodaatanii akka waa yaaluufi hojjechuu irraa hin teenye dhaamsa dabarsaniiru.
Kalaqni Oomishtuu-Jooy jedhamus bifuma walfakkaataa taâeen dhaabbata Daboo Injinariingii waliin akka hojjetaa ture kaasuun amma akka Afrikaatti badhaasaafi beekamtii argachuu hima Jaarmiyaan.























