Itoophiyaatti hanqina boba'aa mudateen hojjetoonni mootummaa boqonnaa akka bahan taasifamuufi

Konkolaachistoonni magaalaa Finfinneetti boba;'aa argachuudhaaf sa'aatii dheeraa turuurra darbee guyyootaaf eeguuf dirqamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaachistoonni magaalaa Finfinneetti boba;'aa argachuudhaaf sa'aatii dheeraa turuurra darbee guyyootaaf eeguuf dirqamaa jiru
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hanqina boba'aa Itoophiyaatti mudate hordofee hojjetonni waajiraalee mootummaa tokko tokko boqonnaa waggaa akka bahan taasifamaa jiraachuu BBC'tti himan.

Hojjetoonni maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadan rakkoo hanqina boba'aa mudaterraa ka'uun hojjetoonni mootummaa boqonnaa waggaa akka bahan taasifamaa jiru jedhan.

Raayyaa Ittisaa Itoophiyatti Injiinariing Industirii Giruup A L I Bitootessa 15, 2018 miseensota raayyaafi hojjetoonni sivilii dhaabbatichaa hundi "guyyoota lama keessatti" boqonnaa akka bahan ajajuu isaa BBC'n beeksisa baherraa hubachuu danda'eera.

Injiinaring Industiriin kun "yeroo hin murtoofneef guyyaa Sambataarra" hojiin akka hin jiraanne beeksisa bahe kanarratti hojjetootasaa beeksiseera.

Beeksisa BBC'n argeefi sirrii ta'uusaa hojjetoota dhaabbatichaarraa mirkaneesse Industirrii Giruup kana jalatti Bishooftuu Motor Veehikil Injiinaring "sababa qaala'insa gatii boba'aarraa kan ka'een" miseensonna raayyaa fi hojjetoonni sivilii hundi boqonnaa waggaa akka bahan ajaja.

Hojjetoonni industirii kanaa guyyaa beeksisni kun itti maxxanfameefi bulee isaa A L I Bitootessa 16, 2018 boqonnaa qaban "kan bara 2016 fi 2017" akka bahan hubachiiseera.

Hojjetoonni industirichaa BBCn dubbise "hojjetoota barbaachisoo ta'an muraasaan ala" hunduu boqonnaa bahuu isaanii mirkaneeffataniiru.

Injiinaring Industiriin kun itti dabaluun, "haalli hojii ilaalamee hojjetoonni boqonnaa waggaa bara 2018 qaban akka bahan "cimsee" hubachiiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraana Ameerikaaafi Israa'el Iraan irratti banan hordofee karaa boba'aan addunyaa darbu Ulaan Hormuuz cufamuu isaarraa kan ka'een hanqinni boba'aa mudate magaalota gurguddoo Itoophitaatti rakkoo geejjibaa uumeera.

Itoophiyaatti hanqina boba'aa mudate hordofee konkolaataawwan naafxaa fayyadaman rakkachuu isaanii shufeeronni BBCn dubbise ni himu.

Torban darbe keessa gara Kibba Itoophiyaatti kan imalanii turan gaazexeessitootni BBC, magaalota Naannoo Kibba Itoophiyaa keessatti argamanitti sababa hanqina boba'aatiin buufataalee boba'aatti hiriira dhedheeraan jiraachuu tajjabaniiru.

Magaalota akka Arbaaminci, Sooddoo, Diillaa fi Hawaasaatti konkolaattonni fe'iisaa, kan geejjiba ummataa fi taaksii magaalotaa hiriira dhedheeraa hanga fageenya kiiloomeetiraan safaramuu dheeratu hiriiraa jiru.

Magaala Hawaasaa keessatti buufataalee boba'aa daandirratti argaman hedduutti konkolaatonni hiriiranii eegu. Buufata muraasa boba'a dabareen waraabsisan jiraatanis hiriirri konkolaataa hedduun garuu buufata boba'a hin qabne irratti guyyotaf dhaabbatu.

Magaala Hawaasaatti konkolaachisaan deddeebisa uummataa osoo boba'a argachuuf hiriira irra jiruu dubbisne, guyyaa sadi halkanii fi guyyaa hiriira irra jiraachuu BBCtti hime.

"Guyyaa sadii halkanii fi guyyaa ofuma kiyyaafan hiriiree eegaa jira. Bakkan amma hiriiree jiru kanattuu boba'aan dhufuu fi dhiisuun mirkana miti. Hiriirri gamaa fi gamanatti argitu kuni 'dhufuu danda'a' abdii jedhuuni malee amma waraabamaa hin jiru".

Rakkoon kun Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii keessatti mudateera.

Fiqaaduu Baaltaa ammoo konkolaataa fe'iisaan Arbaamiinc irraa muuzii fe'ee Hawaasaa dhufe. Magaala Hawaasaatti hiriira qabatee guyyaa sadii turuu dubbata.

"Ani muuziin fe'ee dhufe Hawaasaatti buuseera. Hiriyoonnikoo waliin feene kan gara Finfinnee fi Dasee deeman amma muuzii fe'anii magaalota biraa dhaabachaa jiru. Muuziin harkati baduunsaa ifa. Ani fee'iisakoo buuseen guyyootaf hiriiraa jira" jedha.

Torbanitti yeroo sadii magaala Arbaaminc irraa gara Hawaasaatti muuzii fe'aa akka ture kan himu Fiqaaduun, amma boba'a barbaachaaf erga hiriiree torbee tokkotti deemaa jiraachuu hima. Kunimmoo jiruu isaarratti dhiibbaa guddaa akka uumus yaaddoodhaan dubbata.

Sababa waraana baha Giddugaleessaatti mudateen Itoophiyaa keessatti hanqinni boba'aa mudachuu akka danda'uu fi lammiileen boba'a biyya keessa seene qusannaadhaan akka fayyadaman angaa'onni biyyattii gorsaa turan.

Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad dhimma kanarratti ergaa darbarsaniin rakkoo Bahaa Giddugaleessaatti uumamerraa kan ka'e biyyootni boba'a bitanii fayyadaman akka garaatti argachuu dadhabaa jiraachuu eeran.

"Rakkoon furamee hamma sirna dhiheessii boba'aa idileetti deebinutti boba'a qusannaa fi wantoota bu'uuraaf dursa kennuun fayyadamuu qabna" jedhan.

Kanaafis ,qooda fiudhattoonni dame kana keessaa gahee qaban miira ittigaafatamummaatiin dirqama isaanii akka bahan dhaamuun isaanii ni yaadatama.

Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaas hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' haa fayyadaman jechuun hubachiisa baasee ture.

Ministirri Maallaqaa Ahmed Shide, jeequmsi dhiyeessii boba'aa waraana Ameerikaa- Israa'elfi Iraan gidduutti gaggeeffamu hanga yoomitti akka turu waan hin beekamneef, hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' akka fayyadaman dhaaman.

Daballiin gatii boba'aa waraana kanaan dhufe ''rifaasisaadha'' jechuun kan ibsan Ministirri Maallaqaa, mootummaan ''tarkaanfiiwwan boba'aa qusachuu dandeessisan yeroo dhiyootti'' akka labsu beeksisaniiru.