Mallattoolee kaansarii daa'immanirratti mul'atan fi dagatamuu hin qabne

Intalli xiqqoo tokko foddaa bira teessee ala ilaalti. Karka ishee irratti lilmoo qorichatti jira
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Akka addunyaatti kaansariin sababoota du'a daa'immanii fi ga'eessotaa isaan ijoo keessaa tokko ta'uusaa ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hima.

Kanaafis maatiin mallattoolee dhibee kaansarii daa'imman irratti mul'achuu danda'an xiyyeeffannoon hordofuu akka qaban Yunaayitid Kingidam keessatti ogeessa dhukkuba kaansarii daa'immanii kan ta'an Pirofeesar Boob Filiips himu.

Keessattuu mallattoolee dafanii hin badnefi bubbulan akkasumas kan hammaachaafi guddachaa deeman qalbeeffachuun akka barbaachisus himu.

Haaluma kanaan daa'immanirratti mallattoolee akka dadhabbii hamaa, addaachuu gogaa, madaa sababnisaa hinbeekamne akkasumas dhiitoowwan guddachaa deemanfi osoo hinbadin turan yemmuu argan ogeeyyii mariisisuun barbaachisaadha.

Daa'imman guddinnarra kan jiran ta'uusaatiin kaansariinis ga'eessota caalaa daa'immanirratti saffisaan guddata.

'Du'uufin deemaa?'

Suura miila daa'imaa lama argisiisu. Millii lamaanuu dirmammuu qaba

Yunaayitid Kingidam keessa kan jiraattufi daa'ima waggaa 13 kan taate Ameeliyaa Kaarol, dhibee kaansarii dhiigaa arifachiisaa bara darbe ishee mudaterraa dandamachaa jirti.

Imalli dhibee kaansarii Ameeliyaa madaa diimaa tasa qaamasheerratti mul'ateen akka eegale haatishee Geemaan himti.

Guyyoota sadi boodammoo madaan kun kutaa miilashee lamaan jilbaa gadi jirurratti baay'inaan mul'ate. Madaawwan kunis xiqqoo kan dhiita'an yemmuu ta'an, yeroo tuqamanitti miira dhukkubbii qabu ture.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

"Qorannoo fayyaa idileef ogeessa yaala ijaa bira deemnee ture. Ogeeyyiinis hiddawwan dhiigaa ijashee tarsa'an muraasa argan. Garuu ogeeyyiin sababasaa baruu hindandeenye ture" jette.

Guyyoota 10 keessattis rakkoon fayyaa Ameeliyaa mudate kaansarii dhiigaa ta'uunsaa barame. Hospitaala keessa ciisuunis yaalii eegalte.

"Yeroo dhibeenshee baramutti 'Kaansariituu na qabee? Du'uufin deemaa? jettee na gaafatte.

Lakki hinduutu. Ogeeyyiin wanta danda'an mara gochaa jiru. Yaaliin sif taasifamus kaansarii kana balleessuuf waan danda'amu hunda ni godha jedheen" jechuun harmeenshee himti.

Yeroo ammaatti dandamannaarra kan jirtu Ameeliyaan, ji'a sadi sadiin qorannoon uka lafeefi dhiigaa idilee kan godhamuuf yemmuu ta'u, barumsasheettis deebitee jirti.

Yunaayitid Kingidam keessatti carraan dhibee kaansariirraa dandamachuu daa'immanii dhibbeentaa 80 ol akka ta'e kan himan Pirofeesar Filiips, yaaliin dafee taasifamu lubbuu oolchuurra darbee yaaliiwwan ciccimoo akka hambisus himu.

Funyaan ukkaamfamefi Imimmaan…

Gurbaan Jeek jedhamu hospitaala keessa sireerra ciisa.

Umriisaa waggaa 13'tti du'aan kan boqote Jeek, bara 2023 keessa dhibee kaansarii maashaalee lafee keessatti uumamufi kaansarii tiishuu laafaa jedhamuun beekamu dhukkubsatee ture.

Dhibeensaa osoo hinbaramin dura mallattooleen Jeek irratti mul'atan cufamuu funyaaniifi ijasaa keessa imimmaan baay'inaan mul'achuufaa turan.

Haa ta'u malee mallattooleen kun akka mallattoo alarjiiti fudhataman. Mana barumsaatii galee rafaa kan ture yemmuu ta'u, maatiinsaa sababni kanaa dadhabbii akka ta'etti yaadan.

"Funyaansaa dhiita'uu erga eegalee boodadha doktara bira geessuu qabna jennee kan murteessine" jedhu haatisaa Liinsii Iswiinskuu.

Qorannoo doktaraan taasifameenis kuufamni wayii funyaanfi qaawwa funyaaniisaa keessatti argame. Dhibeen isaas gosa kaansarii saarkoomaa tiishuu laafaa jedhamu akka ta'e barame.

Itti aansuunis marsaawwan sagaliif yaaliin keemotaaraappii akkasumas yaaliin carallaa taasifameef.

Haa ta'u malee Jeek, adeemsa yaalii keessatti gaggabdoon isa mudachaa ture. Kana malees sababa yaalii keemoteeraappiin dhukkubni cimaan itti dhagahamuu eegale.

Kanarraa kan ka'es Jeek, yaaliisaa adda kutuuf murteesse. Ebla 26, bara 2024 immoo guyyaa dhalootaasaa waggaa 14'ffaa kabajuuf torbeewwan lama qofti yemmuu isa hafanitti du'aan boqote.

"Jeek du'a hinsodaanne ture. Waa'ee du'aa wanta baay'ee waliin haasofne. Wanti inni sodaachaa ture, 'Namoonni hundi na yaadatuu? Moo namni hundi na irraanfataa laata? kan jedhu qofa ture" jedhu harmeensaa.

"Sababni ani waan kana gochaa jiruufis namoonni Jeek eenyu akka ta'e akka baraniifidha. Kanumaan walqabatee hojiin hubannoo guddisuu hojjetama. Leegaasiinsaas kanuma natti fakkaata" jechuunis Liinsii Iswiinskuu himaniiru.