Ijoolleen dhiiraa lama shamarree waggaa 16 gudeedan maaliif akka hin hidhamne murtaa'e?

Madda suuraa, CPS
Shamarreen namoota lamaan gudeedamte akka BBCtti himtetti namoonni ishee gudeedan hidhaarraa akka bilisa tahan murtaa'uun dabalata akka ''dhagaadhaan fuula keessa na dhahuuttin ilaala'' jette.
Shamarreen waggaa 16 gaazexeesituu BBC Laawuraa Kuunsibergitti akka himtetti, ''haala akkasii keessa na galchuun maaaliif barbaachise?'' jette.
Shamarreen maatii ishee waliin tahuun osoo maqaan ishee hin dhahamiin dubbatte murteen abbootiin seeraa dabarsan kun ''akka waan ijoolleen dhiiraa godhan kun sirrii hin taane, garuu ija seeraan sirrii tahee fakkaata, sababni isaas ijoollee waan tahaniif,'' jette.
Abbaan alangaa waliigalaa murtee kana irra deebiin akka ilaalu himeera.
Akeekkachiisa: Odeessi kun miira keessan jeequu mala
Shamarreen kun yeroo gudeedamte umuriin ishee waggaa 15 ture. Ingilaand, Haampishaayer, Riiver Avoon Foordinbiriij naannoo jedhamutti gudeedamte.
Himatamaan amma umuriin isaa waggaa 15 tahe bara 2024 ji'a Sadaasaa keessa shamarree kana waliin hariiroo jaalalaa jalqabanii wal arguuf wal beellaman.
Lameen isaanii snapachat irratti wal baran. Ijoolleen dhiiraa lama umuriin isaanii yeroo sana 14 tahe ishee eeganii gudeedan.
Akkuma isheen iddoo beellamaa geesseen laga Avon jedhamu cinatti ishee gudeedan.
Ijoolleen dhiiraa amma umuriin isaanii 15 tahe Amajji bara 2025 keessas shamarree gara biraa dirree keessatti gudeeduun himatamaniiru.
Mucaan dhiiraa biraa amma umuriin isaa 14 tahes gochaa kana keessaa harka qaba jedhamuun himatameera.
Ijoolleen dhiiraa kunneen lameen yeroo ishee gudeedan viidiyoo waraabuun miidiyaa hawwaasaa irrattis maxxansaniiru.
Dhaddacha irratti Manni Murtii Saawuzhampitan gochaan kun yakka hamaa keessatti ilaalama, inumaayyuu miidhamtuu miidiyaa hawwaasaa irratti qooduun caalaatti yakkicha hammeessa jedhe.
Abbaan murtii yeroo qorannoo kana umurii isaanii ilaalcha keessa galchuun amalli ergasii agarsiisanis gaarii tahuu hime.
Abbaan alangaa waliigalaa dhimmicha qorachaa jiru murtoo kana mana murtii ijibbaataatti iyyachuuf guyyaa 30 qaba.

Madda suuraa, CPS
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haati shamarree kanaa kallattumaan muummicha ministeeraatti iyyatte. ''Adaraa na gargaaraa. Osoo intala keessan, ilma keessan, miseensa maatii keessanii tahe murtoo kanatti gammadduu?
Nuyi murtoo kanatti hin gammanne, uummannis murtoo kanatti waan gammadu natti hin fakkaatu. Kanaaf isin nu gargaaruuf aangoo isaa qabdu, adaraa nu gargaaraa'' jechuun gaafatte.
Hiriyaan harmee shamarree gudeedamtee guyyaa dhaddachaa wlaiin deeme murtoo darbe dhagahuun nama dhukkubsa jedhe.
''Akka natti fakkaatutti miidhamtoonni murtoo kanaan miidhamanii warri yakke ammoo bilisa bahanii waan deeman'' jedhe.
Ijoollee dhiiraa ishee gudeedan keessaa kan umuriin isaa amma 15 tahe tokko hordoffii cimaa 180 taasifameefii waggaa sadiif gidduugala haaromsa dargaggootaa galuu qaba jedhamuun murteen kenname.
Mucaan waggaa 15 biraas himannaa gudeeddii sadii fi suuraa hin barbaachisne afur fudhateef murtee wal fakkaataan irratti darbeera.
Dubbii himaan mootummaa mufii uummata akan ni qooddanna, qaamoleen seeraa irra deebiin akka ilaalan dhaamna jedhe.












