Uffata dhaalaa: Haalli uffata intala Kim Jon UN maal nutti hima?
Sadaasa 2022 Hogganaan Kooriyaa Kaabaa, Kiim Joon Un intala isaa akka malee bareeddee uffata qabatee mul'ate.
Misaa'ela Baalistikii daangaa qaxxaamuru yeroo Kooriyaan Kaabaa yaaltu abbaa ishee waliin dhaabbattee mula'tte.
Kofoo gurraachaa fi irra keessaan ammoo jaakkeettii adii uffatteee ture. Rifeensi ishee dheeraan duubatti hidhameera.
Intalli Kiim yeroo sana waggaa sagal qofa turte haala ajaa'ibaan uffattee piroopaagaandaa siyaasaa abbaa ishee waliin mula'tte.
Ju Ae jedhamti. Ergasii uffanni ishee fi haali rifeensa ishee itti sirreeffatu haalaan jijjiiramaa fi ittu bareedaa dhufe.
Dhaabbanni basaasaa Kooriyaa Kibbaa akka jedhetti, Kiim Joon Un intala isaa kana akka isa bakka buutuuf ishee filateera.
Ijoollummaa isheetiin akka beekkamtii argattu gochaa jira. Ju Ae amma umuriin ishee waggaa 13 taha jedhamee tilmaamama. Abbaa ishee waliin suuraa kaatee mul'atte.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti faashinii isheen uffachaa jirtu, uffata lezerii fi kanneen akak rifeensaa ofirraa qaban hojjetamanii fi akkasumas haalli rifeens aishee itti sirreeffattu bulchituu biyyichaa tahuuf kaadhimamteetti.

Madda suuraa, Reuters
Akkaataan uffata intala Kiim Joon Un kun kan qophaa'uufii karaa Dippaartimantii Piropaagaandaa biyyattiiti.
Duraan suufii fi uffata gabaabduu uffattee mul'atte. Inumaayyuu harmee ishee Ri Sool Juu fakkaatti ture.
''Ju Ae ammayyuu ijoolleedha. Kanaaf biyya gaggeesuuf umuriin ishee gahaa miti. Garuu uffata akka harmee isheetti itti uffisuun umurii isheen ol guddoo fi kan bilchaatte fakkeessanii dhiyeessuuf kan taasisaa jiru,'' jedhe Itti Aanaan daarikteeraa Inistitiyutii Sejoon, Cheeng Chaang, BBC Kooriyaatti yoo himu.
Yeroo kaan jaakkeettii leezerii uffatti. Kun ammoo yeroo idileefis tahu naannoo humna waraanaa deemanii daawwachuuf ni bareedas,'' jedhe.
Abbaan ishees jaakkeettii lezerii gurraacha uffachuu jaalata. Isheenis akkasumatti uffatti.

Madda suuraa, EPA
![Ju Ae (gidduu uffata halluu diim-adii] akka harmee ishee Ri Sol Ju fakkaachuuf kan uffatte.](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/2dc3/live/e07f8280-2d81-11f1-bfd2-6bbf6f94fb1b.jpg.webp)
Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aangoo qabachuuf faashinii dhaloota darbee ''irra deebiin agarsiisuu'' akka tooftaa tokkootti ilaalama.
Gara jalqabaatti Kim Jon Un akka akaakayyuu isaa Kim Il Saangitti uffachuun faashnii abbaa isaa kan itti fufsiisu fakkaachaa ture.
Kiim Il Saang hundeessaa Kooriyaa Kaabaati kan jedhamu biyyattii waggoota 45f bulcheera. Biyyicha keessatti akka waaqa tolfamaa tokkootti ilaalama jedhu xiinxaltoonni.
Dippaartimantiin piroopaagaandaa kabajaa Kiim Il Saang qabu ture gara Kiim Jon Unitti akka darbuuf shoora olaanaa bahataniiru'' jedhan.
''Jiraattonni Kooriyaa Kaabaa yeroo jalqaba Kiim Jon Un argan ni dinqisiifatan. Sababni isaa ammoo haala uffannaa isaa fi kaan ilaaluun Kim Il Saang yeroo dargaggummaa fakkaata ture'' jedhe Cheeng.
Yeroo Kiim Jon Un gara aangootti dhufe muuxannoo dhabuu fi dargaggeessa tahuun isaa kan haguugameefii isuma inni Kim Il Saang fakkaatuuni.
''Kim Il Saang akka du'aa ka'eetti jiraattonni ilaalan jiru ture'' jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Ju Ae fi haati ishee uffata biyyoota Loxaatti hojjetame uffachuun isaanii hawwaasa kaan irraa karaatti adda of baasanidha jedhu xiinxaltoonni.
Intalli Kiim Jon Un kun jaakkeettii leezerii irraa hojjetame yeroo baay'ee uffachuun ishee Dippaartimantiin Piropaagaandaa biyyattii akka isheen sadarkaan ishee jiraattota kaanii ol tahe agarsiisuuf kan kaayyeffatedha jedhe Cheng.
''Uffata lezerii irraa hojjetame uffachuun mallattoo jireenya olaanaa qabaachuu ykn namoota kaanii ol tahuuti,'' akka Kooriyaa Kaabaatti.
Uffata lezerii irraa hojjetame mimmiidhagaa akkasii Kooriyaa Kaabaa keessatti kan baratame miti. Uffata rifeensawaa ykn 'fur', lezerii fi biraandii bebbekamaan biyyichatti namoota kaan biratti osoo hin taane namoota jireenya ol aanaa qaban biratti qofa beekama.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Intalli Kiim haala kanaan haa uffattu malee hawwaasni kaan osoo qabaateyyuu bitachuun hin eeyyamamuufi.
Bara 202o Kooriyaan Kaabaa Labsii 'Reactionary Ideology and Culture Rejection Act' jedhu baaste. Kun haala uffata, aadaa fi faashinii biyyoota Lixaa morma.
Haa tahu malee, bara 2023 intalli Kim Jon Un misaa'ela fageenya dheeraa deemu yeroo daawwatan uffata faashinii Faransaay tahe doolaara 1,900 bitamu uffachuun abbaa ishee waliin mul'achuu miiidyaan biyyattii gabaase.
Bara itti aanus intalumti Kim kun uffata faashinii tahe irree ishee xinnoo mul'isu uffattee argamte. Viidiyoo sana irratti uummata kaaniif ammoo haala akkasiin uffachuun hin eeyyamamu, fayya sirna sooshaalizimii tahuudha jedhu ture.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, News1
Maatiin Kiim Joon Un seera kanaan hin bitaman. Isaan Kooriyaa Kaabaa keessatti akka waaqaatti ilaalamu.
Kooriyaa Kaabaa keessatti akka aadaa biyyoota Lixaatti waan ilaalamuuf Kiim Jon Un garuu osoo uffatee deemuu mul'ateera.
''Kooriyaa Kaabaatti hammamumallee aadaan biyyoota Lixaa dhorkamee seerris bahu hogganaan biyyichaa garuu waan inni gochuu hin dandeenye hin jiru,'' jedhe Piroofeser Lee Woo-Yaang, Yuunvarsiitii Qorannoo Kooriyaa Kaabaa irraa.
Naannoo magaalota daangaa Chaayinaatti dhiyoo jiraniittis urgooftoowwanii fi kootii biyyoota Lixaa baratamaa dhufeera jedhu.
Jiraattonni Kooriyaa Kaabaa faashnii biyyoota alaa hordofuu hin danda'an. Kan isaan akka fakkeenya faashiniitti hordofuu danda'an Kiim Jon Un qofa. Isumayyuu rifeensa akka kan isaatti sirreeffachuun hin eeyyamamu.
Amma intalli isaas akkuma abbaa ishee faashiniidhaan mul'ataa jirti.















