Pirezidantiin Somaalilaand waraana gaazaatti gumaachuuf qophiidha jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Somaalilaand Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahii yoo ifatti gaafataman bulchiinsi isaanii hanga loltoota 2,000 ta'an humna idil-addunyaa Gaazaatti bobbaafamu gumaachuf qophii ta'u himan.
Haa ta'u malee, paartileen mormituu dubbii isaanii kana qeeqaniiru.
Maqaa masoo Irroo jedhamuun kan beekaman Abdirahmaan kana kan dubbatan Waashingitan, USA Yaa'ii Giddugala-Bahaa Ameerikaa jedhamuurratti bakka hirmaachuu dhaqanittidha.
Dhimma loltuu bobbaasuu qaamni ifatti Somaalilaand gaafate hin jiru jechuun miidiyaa Israa'elitti dubbatan.
''Waa'ee kanaa hin gaafatamne, garuu yoo gaafatamne, gumaachuu dandeenya,'' jechuun miidiyaa The Times of Israel jedhuuf dubbatan.
Miidiyaa Israa'el biraa Jerusalem Post jedhamuuf immoo yoo dubbatan hanga loltoota 2,000 dhiheessuu akka danda'an himan.
Yunaayitid Isteetis ta'e Israa'el Somaalilaand loltuu akka bobbaaftu ifatti gaafachuu isaaniif wanti agarsiisus ta'e wanti ifa ta'e hin jiru
Humni International Stabilization Force (ISF) jedhame Gaazaatti bobbaasuuf yaadame Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin miti.
Garuu UN Sadaasa 2025 waraana Israa'el fi Hamaas booda karoora Ameerikaan dhihaate kana raggaasiseera.
Kaayyoon isaa lammiilee nagaa fi tajaajila namoomaa tiksuu, daangaa Gaazaa tiksuu, poolisii Gaazaa leenjisuu akkasumas gareewwan hidhatan caasaa waraanaa akka hin ijaarre tiksuudha.
Kana dura Albaaniyaa, Indoneeshiyaa, Kazaakistaan, Kosoovoo, fi Morookoon sagantaa kanaaf loltuu bobbaasuuf fedhii ibsachuuniifi biyyoota biroo waliin mariin itti fufuu gabaafamee ture.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kanaaf, yaadni Abdullaahii ibsa Somaaliilaand humna waraanaa bobbaasti jedhu kan mirkaneessu osoo hin taane, hirmaachuuf fedhii qabaachuu akeeka.
Yaadni isaanii kun paartii mormituu Somaaliilaand, KAAH irraa qeeqni isa mudateera.
Dubbihimaan paartichaa, Somaaliilaand yeroo rakkooleen nageenyaa fi siyaasaa biyya keessaa furmaata hin argatin jiranitti, maaliif loltoota kumaatamaan lakkaa'aman gara biyya alaatti erguuf akka yaaddu gaafatu.
Addattis waa'ee hojjettoota Somaaliilaand waraana achitti geggeeffame hordofee Las Anod keessatti ammallee hidhamanii jiran eeran.
"Loltoonni 2,000 pirezidaantiin gara Gaazaa erguu akka barbaadu dubbate, inumaa hidhamtoota Las Anod jiran deebisuuf nu barbaachisu," jechuu dubbiihimaa kanaa miidiyaaleen Somaaliilaand gabaasaniiru.
Lolli bara 2023 Las Anod fi naannoosheetti geggeeffame, ji'oota hedduun booda magaalaan sun kanneen bulchiinsa Haargeeyisaa mormaniin to'annoo Somaaliilaand jalaa baate.
Waldhabdeen kun Somaaliilaand keessatti dhimma siyaasaa miira jabaa kakaasu tahee itti fufeera.
Kanaafis, yaadni loltoota gara biyya alaatti bobbaasuu jedhu, mormitoota biyya keessaa Abdullaahiifi kaan biratti falmisiisaa tahe.
BBC Somali qeeqa kanaafi waraana Gaazaatti bobbaasuu ilaalchisee qondaalotarraa yaada argachuu tattaaffiin taasise hin milkoofne.
Dubbiin kun yeroo hariiroon Somaaliilaand fi Israa'el cimetti dhagahame.
Israa'el Somaaliilandiif beekamtii biyyummaa Amajjii 26, 2025 kennuun biyya jalqabaa taateetti. Kunis Somaliland bara 1991 Somaaliyaa irraa walaba ta'uu labsitee booda, kan jalqabaati.
Somaaliyaan murtee Israa'el kana jabeessitee mormuun Somaliland qaama Somaaliyaa akka taate himte.
Gamtaan Afrikaa fi mootummooti Afrikaa fi Baha Giddugaleessaa hedduunis beekamtii biyyummaa Israa'el Somaaliilaandiif kennite mormaniiru.
Somaliland, waggoota soddoma oliif, humnoota nageenyaa fi dhaabbilee mootummaa mataa isaa qabaatteee ofiin of bulchaa turte.
Mootummoonni Mogadishuu walitti aananii dhufan garuu yaada kana fudhachuu didaniiru; Somaliland ammallee kutaa Somaaliyaa ta'uu isaa cimsanii dubbatu.
Israa'el Somaliilaand beekamtii erga kennitee booda, qondaaltonni Somaaliyaa fi mootummoonni biyyoota biroon yaadi Filisxeemota Somaliilaanditti qubachiisuu jedhuufi Israa'el buufata waraanaa iddoo kanatti dhaabuu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Somaliland Filisxeemota Gaazaa irraa buqqa'an simachuuf waliigaltee akka hin goonee fi buufata waraanaa Israa'el keessummeessuuf waliigaltee raawwachuus waakkatteetti.
Abdullaahis Filisxeemota Somalilanditti qubachiisuuf mariin kamiyyuu akka hin gaggeeffamne dubbatan.
Dubbiinsaanii miilanaa garuu adda: loltoonni Somaliland humna nageenyaa hayyama idiladdunyaa qabu kan Gaazaa keessatti bobba'u keessatti hirmaachuufi dhiisuu ilaallata.
Hojiin loltuu bobbaasuu kamiyyuu dhimma ifatti gaafatamuu qabuufi adeemsa dabalataa aangoo, dirqamaafi ajaja waraanaaf eeyyama gaafatu dha.
Mootummaa Somalilandiif hirmaannaan akkasii yeroo Somaaliilaand beekamtii addunyaa bal'aa argachuuf carraaqaa jirtutti, hariiroo nageenyaa Israa'el fi Ameerikaa waliin jiru cimsuu danda'a.
Garuu yaadi paartii KAAH irraa dhufe, tarkaanfiin akkanaa biyya keessatti qeeqa guddaa fiduu akka danda'u akeeka.
Keessumaa humni waraanaa Somaliland rakkoolee biyya keessaa ammallee hin furamiin jiran irratti xiyyeeffachuu osoo qabu gara dhimma biraatti oofamuu irratti dubbii kaasa.
















