Dhimma Epistiin, Iraani fi Teyilar Siwiift: Rakkoolee akka MM UK aangoo gadhiisu sababa ta'an

MM UK Kiir Istaarmar hojii biyyattii keessatti isa olaanaa ta'erraa ka'eera

Madda suuraa, EPA/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, MM UK Kiir Istaarmar hojii biyyattii keessatti isa olaanaa ta'erraa ka'eera
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

MM UK Kiir Istaarmar seenaa filannoo biyyattii keessatti sagalee guddaan erga injifatee waggaa lama osoo hin guutin paartii isaatiin dhiibamee aangoorraa bu'e.

Wayita jeequmsi siyaasaa biyyattii mudatetti aangoo kan qabate Istaarmar, bulchiinsa tasgabbaa'aa fi waadaa isaa mirkaneessu hojiirra oolchuuf waadaa seenee ture.

Garuu fudhatamummaansaa saffisaan gadi bu'e.

Filannoo Caamsaa darbe Ingilaand, Iskootlaandi fi Weelsi keessatti gaggeeffamerratti sagalee argateen deeggarsi inni qabu erga gadi bu'ee booda dhiibbaa irratti hammaateen aangoorraa ka'uuf dirqameera.

''Hooggansa Lebar Paartii nan gadhiisa,'' jedhe Istaarmar.

Osoo paarlaamaan biyyattii Fulbaana dhufu hojiitti hin deebi'in dura hooggansa bakka isa bu'uuf sagantaan yeroo akka mijatuu fi akka deeggarus ibseera.

Istaarmar aangoo gadhiisuu ibsuu dura, wayita hoogganaa Lebar Paartii ta'u paartichi ''rakkoo siyaasaa, diinagdee fi xiinsammuu'' keessa galuu ibse.

Istaarmar wayita filannoo injifatetti haasaa taasise keessatti rakkoo siyaasaa furuun biyyattii keessatti haaromsa gadi fagoo fiduuf waadaa seenee ture.

Haata'u malee qaala'iinsi jireenyaa dabaluun, hariiroon US waliinii rakkoo keessa galuu fi paartii isaa keessatti wal qoccolloon hammaachuun ministirri muummee kun akka yaadetti akka hin deemne taasiseera.

Dhimmoonni ijoon akka Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar aangoo gadhiisu dhiibbaa uuman kunooti.

Rakkoo diinagdee

Bulchiinsi Kiir Istaarmar jalqabumarraa qormatatti seene.

Aangoo qabatee ji'a sadi keessatti qaamolee akka MM ta'uuf isa deeggaran galateeffachuuf jecha kennaa fi arjoomaaf paawondii kuma 6 baase.

Kun daawwannaa Teyilar Siwiftiif tikeetii bite dabalata.

Kana gochuun seerri cabe jiraachuu baatus, wayita diinagdeen kufetti akkasumas mootummaan waadaa rifoormii diinagdee hojiirra oolchuu wayita dadhabetti kana raawwachuun uummata biratti akka waan gaariitti hin hubatamne.

Istaarmar imaammata biyyattii baayyee geeddaruudhaanis qeeqameera.

Waadaa investimentiif galame duubatti deebisuu, rifoormiiwwan faayidaa uummataa jijjiiruu fi taaksii dhaalaa geeddaruun gochaawwan inni ittiin qeeqamu keessaa ijoodha.

Godaantota seeraan ala Faransaay irraa gara UK seenan dhaabsisuu dadhabuunis qeeqameera.

MM UK Kiir Istaarmar godaantota seeraan ala Faransaay irraa gara UK seenan dhaabsisuu dadhabuunis qeeqameera

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, MM UK Kiir Istaarmar godaantota seeraan ala Faransaay irraa gara UK seenan dhaabsisuu dadhabuunis qeeqameera

Dhaabbileen deeggarsa uummataa xiinxalan fudhatamummaan Istaarmar akkaan hir'ataa dhufuu ibsan.

Sababa waraana Yukireeni fi Iraan diinagdeen UK daran miidhameera, kun ammoo bulchiinsa Istaarmar fudhatamummaa dhabsiise.

UKn boba'aa alaa galchuurratti waan hundooftuuf waraanni Baha Giddugaleessaa biyyoota diinagdee cimaa qaban keessaa biyyattii daran miidheera jedha gabaasi IMF Ebla baase.

Dhimma Epistiin

MM UK Kiir Istaarmar fi UStti Ambaasaaddara UK Loord Piitar Mandelsan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Ameerikaatti Ambaasaaddarri UK Loord Piitar Mandelsan faayila Epistiin waliin walqabachuun saaxilamee rakkoon aangoo Kiir Istaamar qoru ni dabale

Erga Ameerikaatti Ambaasaaddarri UK Loord Piitar Mandelsan maqaansaa faayila Epistiin waliin walqabachuun saaxilamee rakkoon aangoo Kiir Istaamar qoru ni dabale.

Bara Toonii Bileer gameessa siyaasaa tarsiimoo jabaa bocu jedhamuun kan faarfamaa ture Loord Mandelsan, kanaan duras dubbii walxaxaadhaan bulchiinsota Lebar lama keessaa ba'ee beeka.

MM Istaarmar osoo dippiloomaatiin kun Epistiin waliin hariiroo qabaachuu beekuu filate.

Inumaa erga Epistiin ijoollee oladeemoo gocha saalquunnamtiif fayyadamuun yakkamaa ta'ee booda nama kana filatee ergamaa addaa godhate.

Istaarmar wayita dhiibbaan irratti cimu Fulbaana darbe Loord Mandelsan ari'us, murteensaa kun maqaa isaa badee fi fudhatamummaa isaa hir'ate bakkatti deebisuu hin dandeenye.

Walitti dhufeeyi Tiraamp waliin hammaachuu

MM UK Kiir Istaarmar (bitaa) fi Pirezidantii US Doonaald Tiraamp (mirga)

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Aanga'oonni US fi UK jalqaba akka gaariitti wal simatanis, hariiroonsaanii yeroo gabaabaa keessatti babbaduu eegale
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

MM UK Kiir Istaarmar osoo beekuu sababi inni Loord Mandelsan ambaasaaddar US godheef Pirezidant Doonaald Tiraamp waliin hariiroo fooyyessa abdii jedhuun ture.

Aanga'oonni UK fi US jalqaba haaluma gaariidhaan wal simatan. Garuu wayita Istaarmar akka Tiraamp gaafatetti waraana Iraan keessa seenuu didu hariiroon isaan babbaduu eegale.

MM kun boodarra ejjennoosaa fooyyessuun, US wiirtuu Biriteen irraa buufata misaa'elootaa Iraan akka haleeltu eeyyameef.

Haata'u malee kunis Tiraampiin hin gammachiifne. Pirezidantiin US duree UK kana arrabsuu ittuma fufe.

Buufata humna qilleensaa Ameerikaaf eeyyamuun mataansaa deeggartoota durii Paartii Lebar kanneen waraana kana keessatti hirmaachuu hin deeggarre baayyee mufachiise.

Kanneen isa qeeqan tarkaanfiin kun hariiroo biyyoota lamaanii eeguuf jecha dhimma biyyaa dabarsanii kennuu ta'uu kaasan.

Kun dadhabina bulchiinsa Istaarmar isa ijoo ta'uu ibsan.

Jalqaba akka Istaarmar aangoo gadhiisu kan dubbate Pirezidant Tiraamp ture.

Tiraamp Dilbata ''Kiir Istaarmar aangoo gadhiisa,'' jechuun Truth Social irratti barreesse.

Dhimma godaantotaa fi imaammata anniisaa irratti ''kufaatii guddaa'' biyyattiitti fideera jechuun Istaarmariin qeeqe Tiraamp.