Aangawoonni mootummaa federaalaa gara Tigraay imalan maal jedhan?

Torbeewwan lamaaf adda citee kan ture ballalliin xiyyaaraa gara Maqalee yeroo deebi'ee jalqabu angaa'onni mootummaa Federaalaa fi Gaggeesitoonni humnoota nagaa Tigraayi gara naannoo Tigraayitti imalan.
Pirezedaantiin duraanii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi Obbo Getaachoo Raddaa, Hogganaan Tika Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseenii fi Komishinarri anniisaa nukilaraa Itoophiyaa Doktar Abrahaam Balaay angaa'ota federaalaa garas imalan keessaayi.
Gorsaa dhimmoota baha Afrikaa Ministira Muummee kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa angaa'ota TPLF waliin waldhibdee keessa seenuun aangoo isaanii gadhiisnii gara Finfinnee erga dhufanii yeroo waggaa tokkoo fi walakkaan booda Onkoloolessa 11, 2026 Maqalee seenan.
Angaa'onni mootummaa Federaalaa kunneen jiraattota maqaalaa Maqalee fi Adigiraat Mariisisuu ergaa karaa miidiyaa hawaasaa barreessaniin ibsan.
Obbo Getaachoon viidiyoo gabaabaa fi barreeffama afaan Tigreetiin barreessaniin ji'oota 18 booda gara Maqaleetti deebi'uu isaanii ibsan.
"Turtii ji'oota 18 booda har'a gaafa Onkololeessa jalqabaa gara Maqalee deebineerra. Dirqamneeti kan baane" jechuun haala yeros tures ibsan.
Obbo Getaachoon Adigiraat deemuu isaanii erga ibsaniin booda "itti aanee Adwaa, Aksum, Shiree, Maayicewuu fi Allaamaaxaa... baadiyyaa fi Magaalota Tigraayi ni geenya," jedhan.
Gara Tigraayi deemuu isaanitiin dura gaaffii fi deebii miidiyaa biyya keessaa waliin taasisan irratti, naannoon Tigraayi ji'oota ja'aaf komaandipoostii mootummaa federaalaa jalatti akka bultuu fi saniin booda filannoon naannoo akka adeemsifamu ibsanii ture.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akka isaan jedhanitti, ergamni ijoon Komaandipoostii kanaa hojii bulchiinsa naannichaa mijataa gochuu, nagaa kabachiisuu akkasumas deebisanii dhaabuu fi hojii dandamannaa hojjechuudha.
Mootummaan federaalaa fi milltoowwan isaa magaalota yeroo too'atutti deeggarsa namoomaa kan dhiheessu yoo ta'u, hojiin nageenyaa raayyaa ittisa biyyaa fi humna Nagaa Tigraayiin eegamas jedhan.
Dr. Abrahaam Balaay gamasaanitiin ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti barreessaniin "uummata keenya nagaa dheebote daawwannee jirra. Uummata waliin taanee karaa fulla'aan nageenyasaa ni mirkaneessinaaf," jechuun turtii isaanii Maqalee fi Adigiraat ibsan.
Gaafa Onkoloolessa 11,2026 Maqaleerraa hanga Adigiraat uummata mariisisaa akka deeman ibsuun, "magaalonni keenyaa fi iddoowwan daangaa jiran haala keessa jiran taajjabeera,… sadarkaa itti uummanni keenya nagaa dheebote hangam akka ta'e hubachuuf carraa argadheera" jedhan.
"Ummanni kiyya nagaa dheeboteera. Abdiis horateera. Hawwii isaa kana qabatamaadhaan akka bakkaan geenyuf amantiin qabu haalaan jabeesseera" jedhan.
Kan malees raayyaan ittisa biyyaa disiippiliinii fi uummatummaan inni agarsiise daangaa kan hin qabne akka ta'es eeran.
"Uummanni nagaa barbaada. Dargaggeessi misoomaafi guddina hawwa. Biyyi ammoo nagaa fulla'aa fi qaroomina hawwa. Qabatamaadhaan kana nigoona," jechuun barreeffama isaanii xumuran.
Gorsaa ministira muummee kan ta'an Obbo Getaachoon gamasaaniin, "uummanni keenya gara qe'eesaa akka deebi'u, Tigraayi guutuun nagaa ta'uun dirqama. Kunis ni ta'a," jechuun ergaa isaanii goolaban.

Madda suuraa, Redwan Hussien
Fulbaana 23, bara 2026 TPLF buufataalee xiyyaaraa sadii naannoo Tigraayitti argaman too'annoo jala oolchuu erga ibseen booda daangaa Naannoo Amaaraa fi Affaariin lolli eegalamee ture.
Lolli kun eegalee guyyoota muraasa keessatti Maqalee gadhiisee kan bahe humni TPLF iddoowwan Tigraayi birootti lola adeemsisaa tureera.
Erga humna Raayyaa ittisa biyyaa fi humnoota TPLF giddduutti lolli ifatti eegaleen booda lola kana keessatti loltootni Ertiraa hirmaachuu mootummaan Itoophiyaa ibsaa ture.
Itoophiyaan mootummaan Ertiraa humnoota hidhatanii Itoophiyaa keessa socho'an deeggaruun nagaa booressuuf hojjechaa jira jechuun himatti.
Mootummaan Ertiraa ammoo himatni kuni rakkoo biyya keessatti uumame kallattii jijjiiruuf kan irratti dhihaatu ta'uu himuun himaticha haala.
Ertiraa irraa fageenya 35KM irratti kan argamtu Magaala Adigiraat oltootni Ertiraa seenuu isaanii BBC'n jiraattota irraa odeeffatee ture.
Magaalattii keessa konkoilaattota fe'iisaatiin socho'aa kan turan loltoota Ertiraa irratti haleellaan diroonii raawwatamuu maddeenii fi dhaabbata waldhibdee hordofu wabeeffachuun AFP'n gabaasee ture.
Loltoonni TPLF Roobii darbe magaala Shiree gadhiisanii bahuu kan gabaase AFP'n magaalattiitti saamichi raawwatamuu ibseera.
Jiraattota magaalaa Shiree fi dhaabbilee gargaarsaa dubbisuun gabaasa kana kan qopheesse maddi oduu kuni, namoota saamichaaf bobbaafamanii fi jiraattota gidduutti walitti dhukaasa tureen namootni afur ajjeefamanii 11 ammoo madaa'uu gabaase.
Hogganaa Humna Tikaa Biyyaalessaa kan ta'an Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen gamasaaniin, turtiin Maqalee fi Adigiraatiin "hafuura haaraa, miira addaa fi jijjiiramaan arge" jechuun ibsan.
Ergaa isaanii afaanota Ingiliffaa fi Amaaraatiin barreessan irratti "dheebuu nagaa gadi fagoo" jechuun kan ibsan fedhiin kuni guutummaa Tigraayi keessa jiraachuu eeran.
"Fedhii nu dhagahaa jechuu daangaa hin qabne, akkasumas waliigaltee dhugaa, araaraa fi carraa gara fuuladuraatiif hawwii guddaatu jira" jedhan.
Amala gaarii Raayyaa Ittisaa barreeffama isaanii keessatti kan leellisan Hogganaan Tika biyyaalessaa kuni, "Sissinniin maanguddootaa, hawwiin dargaggootaa, waliigalatti garuu Tigraayi keessatti hafuura haaraa, fi qilleensa haaraa taajjabeera," jedhan.
Uummanni Tigraayi maqaa isaatiin "dararaa guddaa, saamichi raawwatamuu" ibsuun sababa kanaanis yeroo dheeraaf aarsaa kanfalaa turuu caqasan.
Kanas ta'ee garuu nagaa, kabaja, haqaa fi bilisummaaf fedhiin qaban ammayyuu jabaa ta'ee itti fufa jedhan angaa'aan kuni barreeffama isaanii keessatti.

Madda suuraa, Dr. Abraham Belay
Magaalota Maqalee fi Adigiraatitti wanti argan jalqabbii haaraadhaaf fedhiin olaanaan jiraachuu akka hubatanis ibsan.
"Dhugaa, haqaa fi jijjiiramni siyaasaa akka diriiru yoo godhame uummani Tigraayi dhumarratti bilisummaa fii nagaan jiraachuu, filannoo mataasaa adeemsisuu fi hireesaa gara fuula duraa murteeffachuu danda'a" jedhan.
Kuni fedhii miira yerooo akka hin taanee fi "dararaa waggootaaf itti fufee fi boru fooyyee qabu arguuf fedhii gadi fagoo qaburraa kan madde" jedhan.
Fedhiin haaraan kuni eegamuu qaba kan jedhan qondaalli olaanaa mootummaa kuni, ''hawwii uuummataa kana kan dadhabsiisu, adeemsa nagaa fulla'aa uumuu kan gufachiisu taphni siyaasaa, goyyomsaa, sababnii fi hawwiin of maleerraa madde tokkolleen akka heeyyamamuu hin qabne,'' akeekan.
Itti daballunis "ummanni Tigraayi fedhiin nagaaf qabu dhagahamuu qaba. Kabajni isaanii eegamee hawwiin isaan fuulduraaf qaban akka dhugoomu carraan kennamuufii qaba" jedhan.
"Shiraan abdiin haaraan kuni akka dukkanaa'u eenyummaafuu homtuu carraan kennamuu hin qabu" kan jedhan Ambaasaaddar Reeduwaan, "dadhabuu osoo hin taane bayyanachuu, saamuu osoo hin taane eeguu akkasumas egeree hundumaaf nagaa fulla'aa, bilisummaa fi kabaja ta'utti jijjiiramu qaba" jedhan.































