Kaleen booyyee waldhaansa baqaqsanii hodhuun namaaf galfame guyyaa 271 tajaajiluun yeroo dheeraa ta'ee galmaa'e

Madda suuraa, Kate Flock/Massachusetts General Hospital
Kaleen booyyee dhukkubsataa dhibee kalee qabuuf jijjiiramee guyyoota 271 kan ta'uuf hojjachuun yeroo dheeraa hanga ammaa galmaa'e jedhamee jira.
Waldhaansi baqaqsanii yaalii kalee jijjiiruu kun kan taasifame ogeeyyii fayyaa Ameerikaatiin yoo ta'u, jijjiirraa kalee booyyee namaaf taasifame hanga ammaa jiruun yeroo dheeraa kan ture ta'ee galmaa'era.
Dhukkubsataan kaleen booyyee kan jijjiirameef Tiim Andiriwuus ji'oota muraasaaf hospitaalatti deddeebi'uun dhiiga diyaalisisii gochuu (kalee qulqulleessuu) irraa boqotee akka ture hima.
Gareen waldhaansaa Hospitaala Waliigalaa Maas Biriighaam hanga namni dhukkubsataaf qaama arjoomu argamutti qaamni booyyee akka "cehuumsatti" akka tajaajilu qorannoon mirkaneessuu ibsan.
Kaleen booyyee dhukkubsataa kanaaf jijjiiramee ture, guyyoota 271booda hojjachuu dhaabee keessaa baafameera. Erga kaleen booyyee keessaa baafamee booda, hanga namni kalee arjoomuuf argamutti, Andiriwuus hospitaalatti deddeebi'uun diyaalisisii gochuun dirqama itti ta'ee ture.
Saayintistoonni waldhaansa qaama bakka buusutiif kan oolu hir'inni qaamaa waan jiruuf zeenoo tiraanspilaanteeshiin jedhamuun kan beekamu mala bineensota biraa irraa qaama fudhachuun namaaf bakka buusuu qorataa jiru.
Ameerikaatti yeroo ammaa namoonni 100,000 ta'an namni kalee akka arjoomuuf eeggataa jiru. Kanneen keessaa waggaatti waldhaansa baqaqsanii yaaluun kaleen kan jijjiiramuuf kanneen 25,000 hin caalle qofaafi.
Dhukkubsataan kaleen booyyee godhameef kun, Andiriwuus, kalee namaa argachuuf hanga waggaa torbaa itti fudhachuu akka danda'u dubbate. Garuu dhukkubsattoonni dhibee kalee dhiiga diyaalisisii gochuun turuu kan danda'an giddu galeessaan hanga waggaa shanii akka ta'e himama.
"Yeroon koo baay'ee dhumaa ture... haalli koos abdii kan nama kutachiisu ture," jechuun dubbata dhukkubsataan kun.
Garuu kaleen booyyee godhameef, guyyoota 271 akka haara galfii argatuufi gara fuulduraattis abdii akka qabaatu gargaarera.
"Waan hunda caala abdii qabaachuun baay'ee murteessadha. Maashinii diyaalisisii irraa bilisa ta'uufi carraa lubbuun jiraachuu namaa kenna," jedha.

Madda suuraa, Kate Flock/Massachusetts General Hospital
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Bineensota keessaa booyyeen waldhaansa kalee jijjiiruu zeenoo tiraanspilaanteeshin jedhamuuf mijataa akka ta'etu himama. Haa ta'u garuu, qaama booyyee tokko fuudhanii battalumatti namaaf jijjiiruun salphaa hin ta'u. Sababni isaa qaamni namaa, qaama booyyee sana akka qaama alagaatti waan ilaaluuf akka ta'e himu ogeeyyiin.
Adeemsa kana keessatti tokkoon tokkoo selotaa irra miidhaa geessisuun qaawwi akka uumamu gochuun kaleen battalumatti akka bifa jijjiirratee gurraacha'u taasisa.
Kanaaf qorattoonni booyyewwan qaccee sanyii isaanii irratti fooyya'iinsi taasifame fayyadamuu qabu. Kunis qaamni booyyee kan namaa wajjin akka wal-simuuf akka ta'e ibsu qorattoonni.
Dabalataanis, qaamni booyyee gaafa namaaf jijjiiramu seelonni qaama namaa kan booyyee akka hin lolleef ykn ammoo dandeettii ittisuu seelotaa akka dandamatuuf jedhamee booyyeewwan qacceen sanyiisaanii fooyya'e akka fayyadaman ibsu.
Akkasumas vaayirasoonni qaama booyyee keessa dhokatanii jiraatan gara namaatti akka hin dabarreefi infeekshinii hin uumneef jecha qaccee sanyii booyyerratti fooyya'iinsi dabalataa akka godhamus ibsu.
Dhukkubsataan kalee booyyee guyyoota hedduuf fayyadamuun rikardii qabate, Andiriwuus, sababa dhibee sukkaaraan kaleensaa lachuu hojii dhaabaniiru.



















