Dhimma filannoorratti atakaaroo keessa kan jirtu Somaaliyaatti, masaraa mootummaa dhiyootti dhukaasni dhaga'ame

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti masaraa mootummaatti dhiyootti sagaleen dhukaasaa guddaan dhaga'amuun gabaafame.
Teessoo pirezidantii Somaaliyaa 'Viillaa Somaaliyaa' dhiyoofi magaalattii bakka tokko tokkotti dhukaasni kan jalqabame wayita biyyattiin adeemsa filannoon walqabateen muddama siyaasaa keessa jirtuttidha.
Barri aangoosaa kan xumurame Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammd aangoosaa dheereffachuuf yaaliin taasisan hordofee mormiin cimaan isa mudateera.
Akka bu'uura heera mootummaa biyyattiitti barri aangoo pirezidantichaa kan xumurame A L I Caamsaa 7, 2018 ture.
Magaalaa guddoo Somaaliyaa naannoo addabaabaayii Daabikaa fi Saayidikaa jedhaman gidduutti sagaleen dhukaasaa dhaga'amuun ibsameera.
Naannawaan kun bakka masaraa mootummaatti dhiyoo kan ta'eefi tarsiimawaa ta'edha.
Addabaabaayiin Saayidikaa daandiiwwan gurguddoo gara Viillaa Somaaliyaa geessan keessaa tokkodha.
Gabaasni dhukaasni dhaga'amuu kun erga baheen booda hojjetoonni nageenyaa deebii kennuun isaanii ibsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Nama siyaasaa mormituu kan ta'e ministirri muummee duraanii Hasan Alii Kaahir fi pirezidantiin duraanii Shariif Sheek Ahimad, akkasumas pirezidant Hasan Sheek Mahaammud dabalatee kanneen biroos dhimma filannoo ilaallatuun jaarsummaan yaalii taasisaa jiru.
Haata'u malee, mariiwwan taasifamaa jiran hiriira nagaa mormitoonni gochuuf turan hambisuu akka hin dandeenye ibsameera.
Walitti bu'iinsi akka hin uumamne gochuun waliigalteerra gahuudhaaf carraaqqiin taasifame bu'a qabeessa akka hin taane eerameera.
Ministirri muummee duraanii Somaaliyaa Hasan Alii Kaahir fuula Facebook isaarratti baaseen akka ibsetti, qaamolee nageenyaa pirezidaantichi ajaja kennaniifiin haleellaan irra gaheera.
"Ajaja pirezidantii barri aangoo isaa dhume kenneen haleellaan nurratti raawwatameera. Namoota lubbuun isaanii darbe Waaqayyo akka itti araaramu, akkasumas warri miidhaman dafanii akka dandamatan ni kadhannaaf," jedheera.
"Du'aa fi mancaatii taatee kanaan wal qabatee uumameef itti gaafatama kan fudhatu mormii karaa nagaa taasifna yeroo jennutti haleellaa kan nurratti bane pirezidaantichadha," jechuun himateera.
Mormitoonni Jimaata dhufu hiriira nagaa akka bahan beeksisaniiru.
Bulchiinsi Naannoo Banaadir hiriirri mormii akka gaggeeffamuuf haayameera. Nageenyaaf jecha mormiin kun bakka ramadameef qofatti daangeffamuun akka gaggeeffamu bulchiinsa naannichaatiin ibsameera.
Yeroo hiriira kanaas meeshaa hidhachuun dhorkameera.
Suuraawwan Roobii ganama miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifaman akka agarsiisanitti taanaan, namoonni warra mormitootaa waliin walitti dhufeenya qaban uffata danbii loltuu uffachuun konkolaataawwan waraanaa gurguddootiin Moqaadishoo keessa yeroo socho'an mul'atraniiru.
Muddamni tibbana ka'e kun adeemsa filannoo Somaaliyaa waliin wal qabata.
Barri aangoo pirezidaantichaa xumuramuu hordofee marii mootummaa fi mormitoonni taasisan hanga ammaatti akka waliigalteerra gahan isaan hin taasifne.
Hiriirawwan karoorfaman karaa nagaatiin akka xumuraman ifa miti.
Sababa dhukaasa masaraa mootummaatti dhiyootti mudateen duuti ykn miidhaan qaqqabuu ammatti aanga'ootarraa odeeffannoon kenname hin jiru.












