Pirezidaantiin FIFA tapha 24 daawwachuuf balalliin 27 taasisan ijoo dubbii ta'e

Pirezedaantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoon torbee lama keessatti taphoota waancaa Addunyaa 24 daawwataniiru.
Imalli balallii isaan Kaaba Ameerikaa keessa taasisan yeroo walitti ida'amu kiiloomeetira kumaan lakkaa'amu ta'a.
Magaalonni 16 kan Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoo keessatti argaman taphoota waancaa addunyaa baranaa kana keessummeessaa jiru.
Taphoonni calallii dheerachuu isaatiin lakkoofsi dorgommiis dabaleera.
FIFAn Istiraatrejii tapha waancaa addunyaa bara 2026tiif baasee keessatti pirezedaantichi dhimmoota jijjiirama qilleensaa, mirgoota namoomaafi dhukkubaa fi miidhama qaamaa hir'isuuf gahee keenya nibaana jedhanii ture.
Dameen BBC dhugummaa ragaalee qulqulleessu (BBC Verify), fi BBC Sport dhimmoota balallii jeettii pirezedaant Infaantiinoon walqabatan sakatta'eera.
Taphoota Infaatiinoon irratti argamanii suura ka'an hordofuun imalli balallii isaanii hangam faalama naannoo irratti dhiibbaa akka geesise xiinxalameera.
Balalliin isaan torbee lama keessatti taasisaniin faalamni naannoo isaan geessisan balallii namootni 78 Waggaa keessatti geessiisuu danda'aniin walqixxaata.
Pirezedaantiin FIFA hangam balali'an?
Dorgommii biyyootni ramaddii isaanii keessaa darbuuf taasisan irratti infaatiinoon yeroo hedduu guyyaatti taphoota lama lama daawwataniiru.
Taphootni kuni irra hedduun ammoo magaalota maayila 100 lakkaa'amu walirraa fagaatan keessatti.
Pirezedaantichi guyyoota tokko tokko balallii sadiifaa yeroon itti taasisanis jira.
Balallii dheeraa kan itti taasisan torbeewwan jalqabaa lamaan yoo ta'u, gaafa waxabajjii 7 bara 2018 tapha Awustiraaliyaa fi Turkii daawwatanii Vaankuvar irraa gara Mayamii Kiiloomeetira 4,507 balali'an.
Imalawwan gaggabaabaas balali'aniiru.
Gaafa Waxabajjii 15 bara 2018 Filaadeelfiyaa irraa gara Niiwjersii kiiloomeetira 148.
Infaantiinoon guyyaa sana magaalattiitti miti tapha kan daawwatan. Borumtaasaa garuu magaala ollaa sanaa Niiwyorkityi Fooksi niiws waliin gaaffif deebii godhaniiru.
Guyyuma sana garuu taphoota ilaaluuf gara Booston, Toroontoo balali'an.

Eegasii tapha Beeljiyeemii fi Ijipt daawwachuuf Miyaamii irraa gara Siyaatil kan balali'an kiiloomeetira 1,545.
Sanbooda Gara Losaanjalas Malabo tapha Iraanii fi Niiwuzilaand daawwatan.
Jeettiin isaaniin taphichaan booda gara Siyaatilitti kiiloomeetira 4,345 balali'an. Bariisaammoo gara Mayaamii deebi'an.
Tapha 24 fi isa xumuraa kan daawwatan borumtaasaa Mayaamiitti yoo ta'u kan garee Poorchugaalii fi Kolombiyaati.
Taphni waancaa addunyaa jalqabee torbee lama keessatti jeettii dhuunfaa isaaniin Yoo xiqqaate kiiloomeetira 50,122 kan balali'an Yoo ta'u balallii kanaaf Yoo xiqqaate sa'aatii 66 qilleensarra turan jechuudha.
Balalliin isaanii kuni kaarboonii hangamii qilleensatti gadhiise?
Balalliin xiyyaarota dhuunfaa gosoota balallii kaarboonii olaanaa qilleensatti gadhiisan keessatti ramadama.
Gaazii faalamaan qilleensatti gadhiisu qilleensi naannoo akka hoo'u gochuun faalama qilleensaa hammeessuun beekama.
Gosti Xiyyaraa Infaantiinoon fayyadaman Galfstream G650ER kan jedhamu yoo ta'u, sa'aatii tokkotti boba'a liitira 1,817 nyaata.
Footmulaa faalama naannoo UK fayyadamnee balalliiwwan Infaatiinoon taphoota waancaa Addunyaa daawwachuuf taasisan yoo herreegne balalliin isaanii Kaarboondaay oksaayidii toonii 516 qilleensatti gadhiiseera.
Hammeentaan gaazii faalama naannoo balalliin geesiise mirkanaan beekuun Waan hin danda'amneef kan ibsame kuni birqabaani.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiyyarri Yeroo ka'uu fi qubatu hammeentaan gaazii gubataa gadhiisuu olka'aadha.
Ragaan Gamtaa Awuroppaa akka mul'isutti namni tokko Giddugaleessaan kaarboondaay oolsaayidii Toonii 6.56 qilleensatti gadhiisa.
Kanaaf balalliin pirezedanatiin FIFA tibbana taasisaniin hammi gaazii faalamaa qilleensa naannootti gadhiisanii hamma namootni 78 waggaatti gadhiisaniin walitti dhihaata.
Pirezedaantiichi namoota meeqa waliin akka balali'aa turan beekamuu baatulleen xiyyaarichi namoota 19 fe'uu Danda'a.
Bakka bu'aan FIFA BBC Sportitti akka himanitti, Pirezedaantichi dhimmoota biiznasii fi taphoota daawwachuuf hoggantoota olaanoo biroo waliin imalu.
" Yeroo tokko tokko balalliiwan biiznasii gatii gadi aanaatiin imalu. Yeroo kaan ammoo jeettin dhuunfaa ramadamaaf. Kuni kan murtaa'u haala imalichaa irratti hundaa'uuni" jedhan.
Qorataan Yunvarsiitii saseeks, Fireedii Deelii, Pirezedaantiin FIFA jeettii dhuunfaan balali'uun isaanii eegumsa naannootiif dantaa akka hin mul'isne agarsiisa yaada jedhu qabu.
"Infaatiinoon jeettii dhuunfaatiin balali'uuf murteessuun isaanii hoggantoonni FIFA Dhimma eegumsa naannoo irratti fakkeenya ta'uu yaada jedhu booddetti dhiisuu isaanii agarsiisa" jedhu.

Federeshini Geejjibaa fi qilleensa naannoo Awurooppaatti ogeetti kan Tatar Denis Awukiler jeettii dhuunfaatiin balali'uun miidhaa hamana hin jedhamne geesiisa jetti.
"Xoyyaarota daldalaa biroo waliin walbira qabamee yoo ilaalamu harka. 5 hanga 15 faalama geessiisu. Baabura waliin yoo walbira qabnemmoo dachaa 50 ta'a" jetti.
FIFA'n Waancaa Addunyaa irratti waa'ee eegumsa Naannoo Maal jedhee ture?
FIFA'n bara 2030tti hammers gaazii faalamaa qilleensatti gadhiisuu harka 50n hir'isuuf waadaa gale.
Bara 2040tti ammoo gara zeerootti gadi buusuu karoora qaba.
Waancaa Addunyaa baranaa irratti wantoota FIFAn waadaa seenee ture haa ilaallu.
- daawwattootni imala dheeraa akka hin deemneef dorgommiiwwan garee qaxanaa isaaniitti akka ta'u
- Konkolaattota Elektiriikaa fi otobisiiwwan fayyadamuu fi bishaan qusachuu
- Istaadiyeemiiwwan hojiirra jiranitti dhimma bahuu kan jedhan qabatulleen qabxiileen kuni hojiirra dhuguma ooluu kan jedhu durumaa gaaffii kaasee ture.
Dhaabbanni giloobaal saatintist foor giloobaal Rispoonsobiliitii jedhamu gabaasa baaseen waancaa addunyaa baranaa irratti gaazii faalamaan toonii Miliyoona sagal ta'u qilleensa naannootti akka gadhiifamuu malu hime.
Kunimmoo taphoota waancaa addunyaa darban afran waliin walqixa yoo ta'u waancaan addunyaa baranaa waancaa addunyaa faalama naannoo geessisu isa Guddaadha.
Pirezedaantiin FIFA Infaantiinoon taphoota waancaa Addunyaa Kaataar qopheessitee ture hunda daawwatanii ture.
Yeros Dirreen taphoonni itti taasofamu imala sa'aatii tokko him caalle qabu ture. Waancaan addunyaa baranaa garuu fageenya ardii adda addaa kan qabu waan ta'eef qorumsa ta'eera.















