Gosoota digirii kamtu galii guddaa namaaf argamsiisa?

Madda suuraa, Getty Images
Dargaggoonni baay'een digirii qabachuu isaaniin galii fooyya'aa nuuf argamsiisa jedhanii yaadanis qorannoon garuu dameewwan barnootaa tokko tokko gidduu galiin argamsiisan garaagarummaa guddaa qabaachuu akka malu himu.
Qorannoon kun UKtti dameewan barnootaa fi galii argamsiisan irartti xiyyeeffachuun kan gaggeeffame yoo tahu biyyoota addunyaa kaan keessattis garaagarummaa guddaa akka hin qabe eere.
Akka Dhaabbanni Qorannoo Fisikaal jedhutti hakiimonni ykn barattoonni damee yaala fayyaan eebbifaman umurii isaanii keessatti doolara kuma 400 galii dabalataa warra hin eebbifamne caalaa argatu.
Warri damee Ikonomiksiin eebbifaman ammoo galii gaarii argatanis warra damee filoosoofii, qoranoo afaanii fi aartiin eebbifamanii gadi argatu jedhe.
Abbaan Taayitaa Barnoota UK gosoota barnootaa galii gadi aanaa argamsiisan warra barachuu barbaaduuf lakkoofsa isaan daangessuu akka barbaadu ibsuun gulantaa dandeettii afaanii akkamii akka barbaachisu nan baasa jedhe.
Akka qorannichi jedhetti namoonni digiriidhaan eebbifaman galii isaanii irraa gibiras tahe liqii barootaa erga kaffalanii umurii isaanii keessatti namota digirii hin qabne waliin yoo madaalaman doolara kuma 100 galii dabalataa argatu.
Namoonni digirii qaban galii gaarii jedhamu argatanis namoota afur keessaa tokko garuu sababa yuunvarsiitii galanii barachaa turaniif rakkoo faayinaasiif saaxilamneerra jedhanii amanu.
Namoonni umurii isaanii waggaa 16 booda barnoota isaanii itti fufan warra barnoota sadarkaa lammaffaa xumuruun qabxii gadi aanaa qabanii fi yuunvarsiitii hin galle waliin yeroo galiin isaanii wal bira qabamu warri yuunvarsiitii seene umurii isaanii keessatti gara doolaara kuma 53 galii caalmaa argatu jedhe qorannichi.
Barattoota qabxii gadi aanaa qaban 10 keessaa afur osoo gara Yuunvarsiitii hin galle tahee bara jireenya isaaniitti rakkoon faayinaansii isaan mudachuu akkamu amanu.
Abbaan Taayitaa Barnoota UK biyyichaa damee barnootaa galii gadi aanaa argamsiisan daangessuuf akka filannootti leenjiiwwan gaggabaabaa galii argamsiisan kennuuf karoorseera.
Mootummaan barattoota digirii jalqabaa barataniif akkamiin liqii akka kennuu fi dandeettii afaan Ingiliffaa sadarkaa akkamii barbaachisa kan jedhu ulaagaa kaa'uuf mari'achaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Kalaqaa UK, Jaakuwii Ismiiz digirii jalqabaa irratti damee isa kam galuun barachuu akka qaban filachuu irratti ''of eeggannoon'' filachuun barbaachisaadha jedhe.
''Digirii barachuu barbaaddan akkasumaan osoo itti hin yaadiin filachuun hin barbaachisu jedhe.
Dargaggeessi tokko yuunvarsiitii irraa digirii argatee jireenya isaa fooyyeffachuun waan gaarii tokko. Garuu digiriin hundi tokko waan hin taaneef milkaa'uukeef guutummaan guutuutti wabii tahuu hin danda'u jedhe.
Dhaabbata Tola Ooltummaa Suutan Tirastitti hojii gaggeessaa olaanaa kan tahan Niik Haarisan ''yuunvarsitiiwwan galii fi milkaa'inaaf wabii tahuu baatanis daandii guddinaa amansiisaa tahanii garuu itti fufu'' jedhe.
Namoonni baratanii digirii argatachuun galii ol aanaa argatanis lakkoofsi isaanii guddaa tahuu kaase.
Barnoonni teeknikaa fi ogummaa galii argachuuf filannoo gaarii tahuu malu garuu itti fufinsaan guddachuuf wabii hin tahan jedhe.
Hohii Raawwachiisaan Yuunvarsitiiwwan UK Viiviyaan Istaarn digiriiwwan tokko tokko kan akka aartii galii argachuuf qofa akka hin taane jala muramee beekamuu qaba jedhe.












