Kabaja Ayyaana Cuuphaa bara kanaa suuraan

Namoota gara odola Baatuu cuphaa kabajuuf imalaa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Namoota gara odola Baatuu cuphaa kabajuuf imalaa jiran
Maxxanfame

Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa Orotodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin wagga waggaan ALI Amajjii bultii 11 kabajamu, har’a eddoowwan biyyattii gargaraa keessatti kabajameera.

Ayyaanni kuni Gooftaa Iyyasuus Kiriistoos Laga Yordaanositti isa cuubame yaadachuun kabajama.

Guyyaa kaleessaas wayita taabonni bataskaanoota keessaa bahuun gara bakka Ayyaanni Cuuphaa itti kabajamutti imaluuttis hordoftoota amantichaan dabaalamuun gaggeeffame.

Har’a ammoo hordoftoonni amantichaafi namoonni kabaja ayyaanichaa irratti argamuuf bakkeewwan garaagaraa walitti qabaman eddoowwan Taabotawwan bulanitti argamuun haala ho’aan kabajameera.

Ayyaanni Cuuphaa Itoophiyaa Galmee Hambaa Kiliyaa Addunyaa (Intangible Heritage) tahuun Mootummoota Gamtoomanitti dameen Barumsaa, Saayinsiifi Aadaa UNESCO'n galmaa'eera.

Haaluma kanaanis suuraalee kabaja Ayyaana Cuuphaa Baatuu, Oromiyaa tureefi bakkeewwan biyyattii garaagaraatii argaman akkasitti dhiyeessineerra.

Dargaggoo yabalaan daakuufi duubaa hordoftoonni yeroo imalan mul'isu
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoo yabalaan daakuufi duubaa hordoftoonni yeroo imalan mul'isu
Guyyaa Ayyaanaa kadhannaa booda yeroo hordoftoonni cuubaman
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Ayyaanaa kadhannaa booda yeroo hordoftoonni cuubaman
Kabaja cupha haroo Dambaliitti
Dowwattoota kabaja cuphaa ilaaluuf biyya alaarraa dhufan Baatuutti
Lammiilee biyyota biraa Cuphaa irratti argamuuf Baatuu dhaqan keessaa
Finfinnee
Finfinnee
Finfinnee
Sirna kataraa Gondoriitti
Kabaja ayyaana Cuphaa Gondariitti
Kabaja cuphaa Gaambeellaatti