Jeneraal Taaddeseen "aangoo hin dabarsu taanaan dogoggora ta'a" -TPLF

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Leetenaant Jeneraal Taaddesee Warradee [aangoo] "karaa nagaa fi dimokiraatawaa ta'een hin dabarsu taanaan dogogora" akka ta'u dubbi-himaan Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) hime.
Dubbi-himaan TPLF Mikaa'el Asgedom bulchinsi yeroo naannoo Tigraay "diigamaa waan jiruufis" hariiroon mootummaa federaalaa waliin jiru "funyoo/wadaroon isaa cituu isaa" ibseera.
BBC waliin gaaffiifi deebii kan taasise dubbi-himaan tPLF kun, murtee koreen giddugaleessaa TPLF torban lama dura dabarse ilaalchisee qaamoleen gara garaa waliin "mariin" taasifamaa jiraachuu dubbate.
Koreen giddugaleessaa TPLF A L I Ebla 11, 2018 ibsa baaseen waggaa ja'a dura filannoo naannicha keessatti gaggeesseen manni-maree mootummaa naannoo Tigraay "filatame" gara hojiitti "akka deebiyu" murtaa'uu isaa beeksisee ture.
TPLF murtee kana kan dabarse mootummaan federaalaa aangoo bulchiinsa yeroo naannoo igraay Waliigaltee Piritooriyaan booda hundeeffame hogganaa kan jiru L/Jeneraal Taaddesee Warradeef turtii aangoo waggaa tokkoof erga dhiyeessee torban lamaan boodadha.
Dubbi-himaan TPLF Obbo Mikaa'el mootummaan federaalaa murtee kana kan dabrse TPLF osoo "hin hayyamsiisiiniifi hin mariyatiin kophaa isaatiinidha" jedheera.
"Jeneraal Taaddeseen waggaa jalqabaa kan muudame danbii bu'uura Waliigaltee Piritooriyaatiinidha. Amma garuu inni cabee danbii bara 2013 baheenidha," jedheera.
Waajirri Ministeera Muummee ergaa barri aangoo pirezidantichaa dheereffamuu fuula Feesbuukiirratti kan baase danbii hundeeffama bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waraanni Tigraay jalqabamee ji'ootaan booda bahedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Danbiin kun ammoo Waliigaltee Piritooriyaan booda bulchiinsa yeroo ammaa hojiirra jiru hundeessuuf baheen shaarameera.
BBC'n gaaffii kan dhiyeesseef itti-gaafatamtuun Pirees Sekireetaarii Waajira Ministeera Muummee Biillanee Siyyum, danbiin shaarame kan eerame "dogoggoraan" akka ta'eefi akka sirreeffamu eertee turte.
Sa'aatiiwwaniin booda ammoo fuula Facebook Waajira Ministeera Muummee irratti barreeffamni bahe sirreeffamni taasifamee danbiin kan bara 2015 bahe eerameera.
Aangoon pirezidantii bulchiinsa yeroo kan dheerateef "bu'uura danbii [kan bara 2015] waggaa tokko dura muudamni" ittiin kennameefiin ta'uu BBCf kan ibsite itti-gaafatamtuun Pirees Sekireetaarii kun, kanarraa kan ka'een murteen kun "seera qabeessa" ta'uu dubbateetti.
Dubbi-himaan TPLF gamasaatiin, muudama duraanii waggaa shan dura baheen waan kennameef "Waliigalteen Piritooriyaa waan diigameef, bulchiinsi yeroos diigameera," jedha.
"Waliigaltee kana kan diige mootummaa federaalaadha. [Leetenaant Jeneraal Taaddeseen]qofaa isaa muudee kan nuuf erge motummaa federaalaat. TPLF 'kana hin fudhadhu jechuun ifa godheera. Kun ifadha, waan falmisiisaa ta'e hin qabu," jechuun sababa kanaan manni-maree duraanii akka deebiyu murteessuu ibseera.
Dubbi-himaan TPLF kun, "hariiroon mootummaa federaalaa waliin qabnu itti aanee kan ilaallu ta'a. Hariiroo hanga mmaa jiruun garuu bulchiinsi yeroo diigamaa waan jiruuf funyaan/wadaroon walitti nu fidu citeera yaada jedhu fudhanna," jedheera.
Filannoon manni-maree kun ittiin hundeeffame Waliigaltee Piritooriyaatiin kufaa taasifamuu isaa gaaffiin kan dhiyaateef dubbi-himaan kun, yaada kanatti akka waliif hin galle dubbateera.
Akka Waliigaltee kanaatti filannichi "kan hin mirkanoofne (void)" akka hin taasifamne garuu dhorkamee" turuu ibseera.
Mootummaan naannichaa yeroo sanatti hundeeffame "hin diigamne ture, bulchiinsi yeroo kan hundeeffame mariidhaanidha," jedheera.
"Mariidhaan manni-maree filatame suspend goonee [dhorkinee], osoo hin diigamiin akka turu gochuun nagaaf jecha [turreerra]... [filannichi] hin haqmne, manni-marichaas hin diigamne. Hoold gooneeti kan tursiisne," jedha.
Waliigalteen Piritooriyaa waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaase akka dhaabbatu gochuun fialannoon mana-maree naannoo Tigraay fi mana-maree bakka bu'oota ummataaf hanga gaggeeffamutti naannichatti "bulchiinsi yeroo hammataa ta'e" akka hundeeffamu seera tumeera.
Manni-maree Federeeshinii A L I filannoo bara 2012 naannoo Tigraay keessatti gaggeeffame "akka hin gaggeeffamnetti kan lakkaa'amu, kan hin mirkanoofne fi hojiirra ooluu kan hin dandeenye," kan murteesse sagaleen kennamuu dursee ture.
Koreen giddugaleessaa TPLF manni-mareen duraanii akka deebiyu murtee yeroo dabarsu dhimmi biraan ka'e filannichi erga taasifamee waggaan shan darbuu kan ilaallatu gaaffii seeraa ture. Kana ilaalchisuun gaaffiin kan dhiyaateef dubbi-himaan tPLF Mikaa'el, "seera qabeessadha" jechuun falmeera.
"Mootummaan jalqaba diriirfame tuttuqqaan, waraanaan akka diigamu ta'eera. Gara hojiittis hin galle ture. Yeroo ammaa kana ammoo gara sanatti deebina jennee yaadna; amma filannoo gaggeessuu hin dandeenyu; murtee keenyaan mirkaneessineerra," jedhe.
Akka ibsa dubbi-himaa knaatti, filannoon gaggeeffamuu kan hin dandeenyeef, "lafti Tigiraay ummanni Tigraay parsantaa 40 ta'u bittinnaa'eee" waan jiruufidha.
Itti dabaluun, haala kanaan "akka haaraatti filannee mootummaa hundeessuu waan hin dandeenyeef, amma kan jiru mana-maree bara 2012 filatameen erga ceesisneen booda mootummaa seera qabeessa erga hundeessinee inni dhufu maal ta'uu mala kan jedhu itti aanee ilaalla," jechuun dubbate.
Akka mutee koree giddugaleessaa TPLF'tti, manni-marichaa gara "hojiitti akka deebiyu" erga taasifameen booda "kaabineen raawwachiiftuu haaraan" akka diriirfamu dubbi-himaan kun ibseera. Dabalataanis, manni-marichaa pirezidantii akka filatus dubbateera.
Murtee kana ilaalchisee "mariin"taasisamu akkuma xumurameen kun akka raawwatamu, hanga ammaa garuu guyyaan "kan hin murtoofne" ta'uu dubbateera.
TPLF manni marichaa akka deebi'u murteessuussaa erga beeksisee booda Jeneraal Taaddasaa Warradaa ibsa kennaniin murtee TPLF kana mormaniiru.
Murtichi "Waliigaltee Piritooriyaa kufaa taasisa" jedhan Taaddasaa Warradaa, tarkaanfii TPLF kana hordofee waraanni ka'uu akka malus yaaddoo qaban ibsan.
Akkuma pirezidaantii duraanii Obbo Getaachoo Raddaa irratti gaggeeffame, caasaan bulchiinsa naannichaa Jeneraal Taaddasaarrayis fudhatamuu akka malu yaaddoon uumamaa jira.
Jeneraal Taaddasaan aangoosaanii pirezidaantii manni marichaa filatuuf dabarsanii kennuuf waliigaltaniittuu? Jedhamanii kan gaafataman dubbi himaan TPLF Obbo Mikaa'el, "Isa ittaanee kan ilaallu ta'a" jechuun deebii kennan.
Jeneraal Taaddasaan ibsa kennan irratti waan dubbatanitti TPLF akka walii hin galle kan ibsan dubbi himaan kun, "karaa dimokiraasifi nagaan aangoo akka dabarsan abdii qabna," jechuun BBCtti himan.
'Pirezidantiin itti aanu eenyu akka ta'u murteessuun amma hin danda'amu. Qaamni aangoo qabu mana maree waan ta'eef eenyuun pirezidantii gochuu akka danda'u itti aansinee kan beeknu ta'a,'' jedhan.
Pirezidant Taaddaseen '' aangoo karaa nagaan ni dabarsu moo hin dabarsan kan jedhu ammatti qabxii falmii ta'uu hin danda'u. Gaafuma achi geenyu kan ilaallu ta'a,'' jedhan dabaluun.
''Amma bulchiinsi yeroo diigameera. Manni maree aangoo qabata,'' kan jedhan dubbi himaan kun, pirezidantii muuduu fi kaabinee ijaaruuf aangoo kan qabu mana maree kana ta'uu ibsan.
Tarkaanfii TPLF ilaalchisee hanga ammaatti mootummaa federaalaa irraa ibsi ifatti kenname hin jiru.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Taaddaseen gamasaaniin kaabineen isaanii hojiisaa akka itti fufu u fi waajjiraaleen mootummaa naannochaas hojii idileesaanii akka itti fufan torbee darbe ibsaniiru.










