Dhiironni maqaa haadha isaaniin waamaman maaliif ijoo dubbii ta'an?

Dhiira lammii Keeniyaa maqaa haadhaa waamamu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Keeniyaa keessatti daa'imman maqaa abbaasaanii jalqabaan waamamu. Tahus maqaa isaaniitti aanee maqaa haadhasaanii namoonni dabalatan baayyachaa dhufaniiru.

Haalli kuni saba bal'aa biyyattii Kikkuuyyuu keessatti mul'ata. Dhimmi kuni ijoo dubbii tahuun dhiiroti maqaa dubartiin waamaman waan kolfaa tahaa jiru.

Dubartoonni maqaa haadha isaaniin waamaman garuu akka dhiirotaa qeeqni irra hin gahu.

Kunis sababa dubartoonni kuni yeroo heeruman maqaa abbaa warraa isaanii fudhataniifi.

Dhiiroti maqaa dubartiin waamaman dabalaa dhufuu hordofee haalli kuni ilaalcha koorniyaa irra jiru ni geeddara jedhameera.

Kaan immoo dhiirota maqaa haadhasaaniin fudhatan qeeqaa jiru.

Kanaan dura dhiiroti maqaa abbaasaanii maqaa haadhasaaniin bakka buusanii waamaman baay'inaan hin turre.

Amma garuu miseensa paarlaamaa Joon Injugunaa Waanjikuu dabalatee namoonni siyaasaa beekamoo maqaa haadhasaaniin waamamaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haadha abbaa malee isaan guddisteerraa kan dhalataniifi guddatan Joon yeroo jalqabaaf miseensa paarlamaa tahuun kan filaman 2021tti yoo tahu yerooma dhalatanirraa qabee ilma Waanjikuu maqaan jedhu akka kennameef dubbatu.

Maqaa kana namoonni yerooma dhalatan maqaa haadhasaanii kan fudhatan yoo tahu gariin ammoo haadhasaaniif kabaja agarsiisuuf maqaa haadhasaanii moggaafatu.

Ogeessi muuziqaa Piitar Kiigiyaa ''maqaa haadha keessanii yeroo fudhattan ''haadha keessan ni kabajju,ni jaallattu,'' jechuun dubbateera.

Namni kuni waan baratame cabsuun maqaa haadhasaa maqaa waltajjiif nama jaqaba fayyadaman keessaati.

Kigiiyaa Estar (Ilma Estar) yeroo ammaa nama ganna 60ti. Muuziqaa Kikkuuyyuu gitaaraan taphachuun beekama.

Namoonni akka Piitar maqaa haadhasaanii fudhatan ammallee galmee mootummaarraa maqaa abbaasaaniin waamamu.

Gaazexeessaa Saayiman Maachaariyaa ammoo maqaan haadhasaa maqaa idilee ittiin wamamu gochuu BBCtti himeera.

Dhiiroti abbaasaanii waliin hin guddannes akkasuma maqaa haadhasaaniitti geeddarachaa jiru.

Keeniyaa keessatti dhimmi maqaa haadhaan waamamuu erga dhimma falmii tahee waggaa lama kan darbe yoo tahu kanneen ''haalli kuni dhiirummaa xiqqeessa'' ilaalcha jedhu qabanis jiru.

Namni miidiyaa Fireed Muyiitiirii jedhamu maqaa dubartiin waamamuun rakkoo akka itti fide hima.

''Daa'imman dhiiraa waliin taatee maqaan kee maqaa dubartii gaafa tahu akka qaanessu beektaa?'' jedhe.

Qeeqni akkasii ''umrii koo ganna 23tti mukaa'uuf na saaxileera'' jedhe.

Ijoolleen maqaa haadhaan waamaman baay'achuun dubartoonni abbaa malee ijoollee guddisan baay'achuu agarsiisa jechuun ogeettiin aadaa Kikkuuyyuu Waayirimuu Mukuruu himti.

''Haati abbaan eenyu akka tahe yoo hin himne ykn hin beekne yeroo garii maqaa obboleessa haadhaatu kennama. Tahus obboleessi haadha sababa dhaalaaf jecha maqaa akka hin fayyadamne diduu mala,'' jechuun dubbattii ogeettiin aadaa kuni.

Hogganaan hawaasa Kiyaamaa Kiyaamaa firooti dhiiraa dubartii sababa dhaalaaf jecha maqaa isaanii daa'ima dhalateef dabarsanii kennuu hin fedhan jedhu.

Tahus afoola saba kanaa keessatti namoonni jalqabaa sanyii Kikkuuyyuu Giikkuuyyuu fi Maambuuyii dubartoota kudhan waan godhataniif waan nama qaanessu hin jiru jedhe.

''Ani sanyiin koo Maambuuyii dha (dubartoota kudhan dhalatan keessaa Waambuuyii ishee jedhamturraa fudhatame) durumaa qabee maqaan keenyi maqaa dubartii waliin deemaa as gahe,'' jedha.

Inumaa warri Kikkuuyyuu mana Maambuuyii jedhamuun waamamu. Kuni afoola keessatti maqaa haadha saaqxuuti jedhan.

Inguugii Waa Tiiyangoo

Madda suuraa, Getty Images

Hayyuun Joorji Gaatiigii jedhaman dhiiroti Kikkuuyyuu of kan adda baasan maqaa haadha isaaniin yoo tahu garuu kuni waan idileen taasifamu miti jedhan. Amma adeemsa kana gara maqaa idileetti fiduun haaraa dha jedhan.

Yeroo haadha warraa baayyee fuudhuun turettii maatii bal'aa keessatti ijoollee adda baasuuf ijoolleen maqaa haadhasaaniin wamamamu ture. Aadaanis maatiinis maqaa jalqabaan waamamuun waan hin baratamne ture.

Barreessaan beekamaa Keeniyaa amma lubbuun hin jirre Inguugii Waa Tiiyangoo abbaansaanii haadha warraa afaur akka qabaniifi ijoollummaa isaaniitti Inguugii Waa Waanjikuu jedhamuun maqaa haadha isaaniin waamamaa akka turan kitaabasaanii jireenya dhuunfaa isaanii ibsu

Yunivarsiitii Naayiroobiitti barsiisaa kan tahan Giitiigii hawaasa ammayyaa keessatti dhiiroti maqaa dubartii fudhatanii fayyadamuun ''jabina dubartootaa'' kan agarsiisu dha.

''Jijjiirama aadaafi qoodama hojiirratti dhugaa jiru araarsuun qabna,'' jedhan.

''Ijoolleen yeroo haala abbaan isaanii hin jiree keessatti guddatan haati abbaas haadhas tahuun guddisti,'' jedhan.

Tahus haalli kuni dhimma idileen raawwatamu tahuusaa hin deeggaran.

Barreefamni marsariitii irratti bahe akka agarsiisutti maqaan dubartii ''waan dhiirota irratti fe'ame'' tahuu himuun faara dhiirota Kikkuuyyuu akka dubartiitti dhiyeessuu akeeka jedhan.

Warri maqaa haadhaan of waaman garuu akka itti boonan ibsu.