ABO'n waggoota 30 oliin booda filannootti deebi'uun siyaasa biyyattiif maal akeeka?

Madda suuraa, Getty Images
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa Waxabajjii 2026 gaggeeffamurratti paartilee siyaasaa sadarkaa biyyaalessatti dorgomuuf dhiyaatan keessaa tokko Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)dha.
Paartichi naannolee afuriifi bulchiinsawwan magaalaa lama: Finfinneefi Dirree Dawaatti akka dorgomu beeksiseera.
Teessoo mana maree bakka bu'oota uummataafi kan naannoleerratti dorgomsiisuuf kaadhimamtoota 167 dhiyeessuu BBC'n odeeffateera.
Dhaabi ABO erga bara Chaartaraa as waggoota 30 ol booda filannoo Itoophiyaarratti hirmaachuunsaa maal akeeka? ABO'n filannoo baranaa irratti hirmaachuunsaa siyaasa Itoophiyaa keessatti maal buusa? Filannoo marsaa 6ffaa irraa maalif hafee kan baranaa hoo akkamiin hirmaate? kan jedhuufi gaaffilee kaan irratti qondaala ABO kan ta'an Obbo Yaasoo Kabbabaa Hordofaa BBC waliin turtii taasisaniiru.
Obbo Yaasoon kaadhimamtoota dhaabichaa teessoo mana maree bakka bu'oota Itoophiyaaf dorgomaa jiran keessaa tokko yoo ta'an, ABOn siyaasa Itoophiyaatti deebi'uun rakkoo bu'uuraa siyaasa biyyattiif "qoricha" jechuun dubbatu.
"Siyaasni Itoophiyaa maraammartoo keessa kan galeyyuu kanaan dura ABO hirmaachisuu waan dadhabeefidha jedhu aanga'aan ABO Obbo Yaasoon.
"Amma abdiin tokko kan jiru, waggaa 30 booddes ta'u, Adda Bilisummaa Oromoo siyaasa keessatti hirmaachisuu jechuun dhibbeentaa shantama furmaata rakkoofi maraammartoo siyaasa biyya kanaati jedheen amana," jechuun siyaasni Oromoo yoo furmaata argate siyaasi Itoophiyaallee akka furamu hima.
Filannoon kun haqa qabeessa taanan ABOn yaada rakkoo siyaasa Itoophiyaaf furmaata ta'e qabatee akka dhiyaatus dubbatu qondaalli ABO kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Filannoo marsaa 6ffaa waggoota shan dura gaggeeffam irratti ABOfi KFOn direeen siyaasaa dhiphate jechuun hin hirmaatin hafan.
Haata'u malee, KFO'n boordii filannootiin akka hin haqamneef jecha kaadhimamtoota jaha qofa dhiyeessuun akka hirmaatu ibse.
Haalli filannoo gaggeessuuf mijataa ta'e Itophiyaa keessatti hin uumamne jechuun dirreen siyaasaa ammallee akkuma dhiphatetti itti fufuufi rakkoon nageenyaa Oromiyaa dabalatee naannolee garaa garaa keessa jiru osoo hin furamin filannoo gaggeessuun gatii akka hin qabne dhiyeesse KFO'n.
Dhaabi ABO garuu filannoo marsaa 7ffaa kanarratti kaadhimamtoota heddu mana maree bakka bu'oota uummataafi naannolee irratti dorgomsiisuuf qophii gochaa akka jiru ibse.
Yeroo paartileen kaan filannoo gaggeessuuf ammayyuu haalli mijataan hin uumamne jechaa jiranitti ABOn jijjiirama maalii fiduuf dorgomuuf murteesse? jennee Obbo Yaasoo gaafanne.
"Dorgommiin siyaasaa filannoon wal-qabatee akkuma waliigalaatti biyya Itoophiyaa kana keessatti hanga ammaatti deemu martiyyuu wantoota saankii ta'an heddu of keessaa qabu.
Kan baranaa ammoo haalli filannoof itti qophaa'amu mataansaayyuu mijataa miti," jechuun hanga ammaa naannolee irratti waajjiraalee banuun kaka'uumsa gochuun akka hin hayyamamne kaasa.
Yeroon filannoon itti gaggeeffamu ji'a lama kan hin caalle qofaan hafuun waajjiraalee bananii duula gaggeessufi qophii garaa garaa taasisuuf rakkisaa ta'uu kan kaasan Obbo Yaasoon, wantoonni baay'een filannoof mijataa akka hin taane ibsu.
Rakkoon nageenyaa Oromiyaafi kutaalee biyyattii garaa garaa keessa jiraachuun qophii filannoo taasifamuuf yaaddoo biraa ta'uus kaasu.
"Biyya kana keessa haalli nagaallee baay'ee tasgabbii hin qabu; kutaa biyyattii keessa lola baay'etu deemaa jira. Kuni kuni akkam ta'a yoo jenne, waanuma bullee ilaallu ta'a; waan Boordiin Filannootiis godhu walumaan kan ilaallu ta'a.
"ABO'n Ayyaana Oromooti"
Dhaabi ABO bara Chaartara Itoophiyaa filannoo isnaappii Itoophiyaa keessatti gaggeeffame irratti hirmaachuun fudhatamummaa hedduu akka argatetu himama.
Haata'u malee, wal-diddaa mootummaa Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) wajjin isa mudaterraa kan ka'e Chaartara keessaa bahuun 'qabsoo hidhannootti' deebi'e.
Namoonni hedduunis maqaa ABO deeggartu jedhuun hidhaafi dararaa garaa garaaf saaxilamaa turan.
Dhaabi ABO akka 'bulguutti' fakkeeffamuun duulli garaa garaa irratti gaggeeffamaas ture jedhu.
Bara 2018 yeroo Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangotti dhufan, paartilee siyaasaa waggoota hedduuf ala turanii akka deebi'an godhaman keessaa tokko ABOdha.
Haa ta'u malee, hidhattoota ABO galchuurratti mootummaa waliin ataakaaroo uumameen Waraanni Bilisummaa Oromo osoo hin galin hafuu qofa osoo hin taane, qaama siyaasaa ABO Finfinnee jiru jalatti akka hin gaggeeffamne labsuun lola itti fufuu beeksise.
ABOn waggoota 30 ol booda siyaasa Itoophiyaatti deebi'uun siyaasa Itoophiyaa keessatti gumaachuu qofa osoo hin taane, maqaa barootaaf 'akka bulguutti fakkeeffamee itti dhoobame sana' ofirraa haqee "eenyummaa dhugaa" agarsiisaa jiraachuu akka bu'aa guddaatti akka ilaalu dubbatu Obbo Yaasoon.
"Bu'aan filannoo waan barbaade haa ta'u. Addi Bilisummaa Oromoo lafa Oromoon jirutti filatame filatamuun dhabe jedhee waan yaadda'u hin qabu. Waan garaa isa hanqatu hin qabu; yeroo hundumaayyuu filatamaadha. Kana Oromoonis beeka, nutis beekna," jechuun filannoon haqaa gaggeeffamnaan bakka itti dogomanitti mo'achuuf shakkii akka hin qabne himu.
Alaabaan qabsaa'onni Oromoo kanaan dura ittiin dararaamaa turaniifi maqaan kanaan dura akka yaakkaatti ilaalamu mallattoo qabsoo ta'ee filannoo kanarratti dhiyaachuun ABOdhaaf milkaa'ina guddaa ta'uu kaasu Obbo Yaasoon.
"Waanti guddaan bu'aadha jennee lakkoofnu alaabaan sabi kun akka ijasaatti eeggatu sun bifa filannootiin [dhiyaachuun], sabboontonni afaan guutanii dubbachaa warra jaalatuuf misiraachoo, warra jibbuuf dhukuba mataa akka ta'utti lallabaa argisiisuu keenya.
ABOn "Ayyaana Oromooti" kan jedhan Obbo Yaasoon, dhaabichi bara Chaartaraa keessa yeroo gabaabatti daangaa Oromiyaa sararuu, sirna barnoota Itoophiyaa qajeelchuu bira darbee, Afaan Oromoo qubeen akka baratamu gochuufi kaan akka fakkeenyatti kaasuun, kana booda filannoon haqaa jiraannan tarsiimoo Itoophiyaa jijjiiruu danda'u akka qabu kaasu.
Ammatti dhaabsaaniif kan barbaachisu aangoo siyaasafi diinagdeen jabaachuun alatti, rakkoo tarsiimoofi deeggarsa uummataa akka hin qabnes himu.
Dhaabi ABO yeroo ammaa paartii biyya bulchu Badhaadhina dabalatee paartilee kaan waliin wal-tajjii miidiyaaleen biyya keessaa qopheessan garaa garaa irratti filannoo marsaa 7ffaa ilaalchisee kanneen falmii gaggeessaa jiran keessaa tokoodha.
BBCn paartii biyya bulchaa jiru Badhaadhina dabalatee kanneen Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa irratti hirmaatan hunda qophiifi sochii taasisaa jiran irratti gaaffii ummanni isaanirraa qabuu gaafatee, yaada isaan ummataaf qaban ammoo harkaa fuudhee dhiyeessuuf qophiidha.












