Faransaay qormaata Paraguwaay darbite, Morookoon morkii waancaa cimsatte

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii Waancaa Addunyaa 2026 irratti gareen biyyootaa gara nuusa xumuraatti ce'uuf falmii cimaatti jiru.
Waancaaf kan eegamtu Faransaay qormaata cimaa Paraguwaay irraa ishee mudate cabsitee darbuun nuusa xumuraaf geesse.
Gama kaaniin biyyi Afrikaa dorgommii kana keessatti ga'umsa gaarii mul'isaa jirtu Morookoon qopheessitoota waancaa kanaa keessaa tokko kan taate Kanaadaa kuffisuun darbiteetti.
Biyyoonni lameen [Faransaay fi Morookoon] qormaata cimaa fi morkii jabaa keessa darbuun nuusa xumuraaf ga'an kunneen walakkaa (maayii) xumuraaf darbuuf waliin morkatu.
Kunis morkii cimaa fi taphi bareedaan kan irratti mul'atu akka ta'u eegama.
Taphi Kanaadaa fi Morookoon Istaadiyeemii Huustanitti taphatan boqonnaa dura goolii malee kan xumurame yoo ta'u, injifattee kan baate Morookoon boqonnaa booda ga'umsa ajaayibaa agarsiiste.
Boqonnaa dura gareen biyyaalessaa Kanaadaa sochii gaarii agarsiisus, Leencota Atlaas cabsanii darbuun goolii lakkoofsisuu hin dandeenye.
Gareen Morookoo garuu boqonnaa booda tooftaa taphaa fi ga'umsa dabaluun seenuun Kanaadaa harka kennachiiste.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaanis Kanaadaan biyyoota Waancaa Addunyaa 2026 qopheessan keessaa biyya jalqabaa dorgommii keessaa baate taateetti.
Leenconni Atlaas boqonnaa booda seenanii taphicha jijjiiruuf daqiiqaa shan qofa itti fudhate.
Azaddiin Unaahii kubbaa bareedduu dursaan garee taphattootaa Ashraf Hakiimii dabarseef ga'umsa olaanaan ittistoota Kanaadaa qaxxaamursee gara gooliitti geeddaruun taphicha daran geeddare.
Taphataan Morookoo kilaba kubbaa miillaa Jiroonaaf sarara gidduurra taphatu kun osoo goolii 1 fi 0 dhaan Kanaadaa dursanii injifannoo harkaan ga'uuf daqiiqaan saddeet wayita hafu goolii lammataa dabale.
Hanga sa'aatii dhumaatti qopheessituun waancichaa goolii tokkollee hin arganne. Daqiiqaan dabalatee saddeet keessattis homaa hin arganne.
Inumaa osoo isaan ijibbaata falmatanii warri Morookoo goolii sadaffaa dabalan.
Goolii sadaffaa Soofiyaan Rahiimii galcheen Morookoon olaantummaa guddaa Kanaadaa irratti argattee gara nuusa xumuraatti darbite.
Leenjisaan garee Kanaadaa Jees Maarsh ''garee tokko qofatu dirree keessa ture,'' jechuun akkaataa gareen isaa itti tapha eegale jaje.
''Har'a garee lakkoofsa torbaa addunyaa caallee argamneerra,'' jedhe.
Wayita taphi jalqabu gareen Kanaadaa dhiibbaa guddaa uumuun taphataa turan. Garee Morookoo irratti olaantummaas argataniiru.
Garuu gooli eegaan Morookoo Yaasin Boonoo garee Kanaadaaf goolii hin eeyyamne.
Daqiiqaa 11 jalqabaa keessatti Jonaataan Deeviid fi Taanii Oluwaseey kallattiin Boonootti ba'anii kubbaa bira dabarsuu hin dandeenye.
Dorgommii akkaan balleessaan itti heddummaate kanarratti murteessaan Ingilaand Maayikil Oliiver kaardii keelloo saddeet kenneera.
Kunis taphattoota Morookoo baayyee rifaasisee ture.
Dhumarratti garuu gareen biyyaalessaa Kanaadaa akkaataa hin eegamneen sadarkaa kanarra ga'e dorgommicha keessaa ba'eera.
Dorgommii milkaa'ina guddaa irraa argatan. Yeroo jalqabaaf tapha gulantaa keessaa gara tapha kuffisanii darbuutti, achiis gara gareewwan 16tti makamuun milkaa'ina guddaa ture.
Taphi biraan waldura dhaabbannaa fi qormaataan guutame kan Paraguwaay fi Faransaay.
Biyyi handhiira Kibba Ameerikaa taate kun erga akkaataa hin eegamneen garee Jarmanii, kan dorgomaa cimaadha jedhamee eegamu, kuffisuun darbitee dorgommii kana keessa turuuf ifaajee guddaa taasiste.
Istaadiyemii Filaadelfiyaatti garee waancaaf abdatamu Faransaayitti mataa jabaatte, taphattoota gameeyyii addunyaa miilla hiite.
Faransaay hanga daqiiqaa 70tti muddama keessa ture, garuu rukuttaa adabbii (peenaalitii) Kiliyaan Imbaappee gara gooliitti geeddareen injifachuu danda'an.
Taphataan Biraayitan Deegoo Goomeez taphataa Faransaay Deziiree Duwee irratti balleessaa raawwateen gareen Diidiyee Deeyishoom peenaalitii argatan.
Imbaappeen rukuttaa peenaalitii gooliitti jijjiire kanaan dorgommii kanarratti lakkoofsa goolii galchee torbaan ga'achuun hanga ammaatti kan jiruun taphataa gameessa addunyaa Liyoonel Mesii waliin walqixxaateera.
Kanaanis dorgommii kophee worqii cimsateera. Garuu Mesiin tapha Imbaappeen taphate kana ganaa taphata.
Gareensaa tapha nuusa xumuraatti darbuuf taphatamuun Kibxata Masirii waliin morkatu.
Taphi Paraguwaay fi Faransaay ho'a akkaan dabale keessatti taphatame. Ho'i Filaadelfiyaa digirii seentigireedii 38 irra ture.
Kanuma keessatti garuu Faransaay jalqabarraa olanatummaa taphaa qabaachuun taphichi injifattee baate.














