Itoophiyaa fi Ameerikaan humna ittisaafi nageenyaarratti wal tumsuuf waliigalan

inisteera Ittisaa Ameerikaatti gargaaraa ministira itti aanaa dhimmoota Afrikaa Biraayaan J Eeliis fi Meejer Jenraal Tashoomee Gammachuu

Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Jilli Raayyaa Ittisa Biyyaa gara Ameerikaatti imale biyyoota lamaan gidduutti "gama humna ittisaafi nageenyaatiin tumsi waliigalaa tarsiimawaa akka hundeeffamuu" danda'uuf waliigaltee raawwateera.

Waliigalteen humna Ittisaa gam-lamee Ameerikaa waliin irra gahame "faayidaa biyyaalessaa keenya eegsisuu" akkasumas "naannoo Gaanfa Afrikaa keessatti nagaa waara'aa mirkaneessuurratti" kan bu'uureffate ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Akka ibsa inisteerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Hagayya 21, 2026 baase ibsuutti, jilli aanga'oota waraanaa olaanoo Ministeera Ittisaatti Daarektara Olaanaa Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaa Meejar Janaraal Tashoomee Gammachuun durfamu gara Ameerikaatti imaleera.

Jilli kun turtii isaa Hagayya 19 fi 20, 2026 Ameerikaatti taasiseen, hoggantoota Ministeera Ittisaa Ameerikaa waliin "mariiwwan waloo gam-lamee" taasisuun isaa ibsameera.

Mariin kun kan durfame Ministeera Ittisaa Ameerikaatti gargaaraa ministira itti aanaa dhimmoota Afrikaa Biraayaan J. Eeliis ta'uun ibsa kana keessatti eerameeera.

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa, "tumsa waraanaa fi dippilomaasii biyyoota lamaan gidduu jiru gara boqonnaa haaraafi cimaa ta'etti ceesisuuf waliigalteerra gahameera," jedheera.

Biyyoonni lamaan "tumsa dhaabbilee ittisaa babal'isuufi qindoomina tarsiimawaa caalaa cimsuuf" waliigalaniiru.

Toora "tumsi waliigalaa fi tarsiimawaan" Ameerikaa fi Itoophiyaa ittiin qajeelfamu keessaa tokko, "faayidaaleen biyyaalessaa fi faayadamummaa waloo mirkaneessuu" kan jedhudha. "Wal amantaa cimsuun tumsa waara'aan hundeessuu" kan jedhu bu'uura tumsa kanaa akka ta'es ibsameera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Biyyoonni lamaan tumsi isaan godhan "Gaanfa Afrikaa, akkasumas guutummaa naannichaa keessatti nagaa, gabii, tasgabbii waara'aan mirkaneessuuf carraaqqiiwwan waloo jajjabeessuu" qajeeltoo hojiisaa akka godhatu waliigalaniiru jedhameera.

Meejer Janaraal Tashoomee Gammachuu fi gargaaraan ministira itti aanaa humna ittisaa Ameerikaa Biriyaan J Eeliis "dhimmoota irratti waliigalan hatattamaan hojiirra oolchuuf" murannoo qabaachuu isaanii mirkaneessuu ibsa kana keessatti eerameera.

"Hariiroon gam lamee humna ittisaa gara caalaa fooyyaa'aa ta'ee fi michummaa tarsiimawaa dhimmoota gara fuula duraa irratti xiyyeeffate" akka ta'urrattis waliigaluun isaanii ibsameera.

Waliigalteen dhimmoota marii bifa caasaa qabu biyyoota lamaan gidduutti Caamsaa darbe Finfinnee fi Waashigiten gidduutti mallatteeffames haaluma wal fakkaatuun dhimmoota irratti xiyyeefatu keessaa tokko "tumsa humna ittisaa fi nageenyaadha".

Waliigalteen ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwaas gara Ameerikaatti imaluun raawwate, "dhimma nageenyaa irratti wal tumsuu cimsuu fi dhimmoota nageenya waloo ilaallatanirratti hirmaannaa jajjabeessuu" kanneen jedhan irratti mariin akka taasifamu kan dandeessisu ture.

Hariiroo US fi Itoophiyaa

Ministira dhimmaa alaa Itoophiyaa fi kan Ameerikaa

Madda suuraa, @SecRubio

Itoophiyaa fi US hariiroo waggaa 100 caaluufi murteessaadha jedhame qabu. Hariiroon kuni bara Dargiin ala cimee kan itti fufe ture.

Keessumaa bara ADWUI Itoophiyaan sochii shororkeessitoota Somaaliyaa keessaa adamsuun Ameerikaa waliin michummaa ishee cimsatteetti.

Ta'us, waraanni Tigraayitti adeemaa ture hariiroo cimaa biyyoota lamaanii qoreera.

Sarbamni mirga namoomaa jabaan raawwatuufi waraanichi mariin akka furmaata argatu gaafachuun Ameerikaan irra-deddeebiin yaaddoo himataa turte.

Gama kaaniin Itoophiyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota lixaa gidduu seentummaan himachaa, birmadummaa ishee kan dhiiban ta'u ibsaa turte.

Waraanichi yeroo hammaatetti Pirezidantiin Ameerikaa Itoophiyaa adabuufi tarkaanfii fudhachuuf Fulbaana 2021 ajaja dabarsani.

US hoggantoonni Itoophiyaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkuun alatti deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu dhaabdeetti.

Sirna gabaarraa bilisaa AGOA irraa akka haqamtu gochuun lammiileen 200,000 ol ta'aniifi keessumaa paarkiilee indastirii keessa dalagan hojii akka dhaban ta'eera.

Waraanichi hariiroo Itoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu qofa osoo hin taane hariiroo biyyoota lixaa waliin qabdu rakkoo keessa kan buuse ture.

Erga Pirezidant Tiraamp aangootti dhufanii boodammoo keessumaa dhimma Hidha Haaromsa Itoophiyaan US waliin muddamni cimeera.

Tiraamp irra deddeebiin hidhi kuni ''maallaqa Ameerikaan'' ijaarame jechuun dubbataa bahan. Itoophiyaan kana waakkatteetti.

Pirezidantiin Masrii Abdalfattaah Al Siisii michuu Tiraamp yoo ta'an akkaataa hidhi kuni hoogganamuurratti Itoophiyaa waliin waliigalteen akka raawwatu barbaadu.