Miira waldorgomuu seenaa kubbaa miilaa jijjiire

Cristiano Ronaldo and Lionel Messi

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Taphataan lammii Biraaziil Kaakaan bara 2007 yeroo taphataa cimaa FIFA injifatu namni fuula duratti seenaa kubbaa miilaa keessatti ijoo ta'uu danda'u cinaasaa dhaabbatee ture.

Taphataa olguddataan Liyooneel Meesii fi Kiristaanoo Ronaaldoon yeroo sana sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa bahuun dorgomicha injifatan. Garuu taphataan Biraaziil Peeleen dogogoraan waancaa taphataa cimaaf qophaa'e sana taphataa lammaffaa baheef kenne.

Garuu pirezedaantiin FIFA seep Bilaater gidduu seenuun akka sirratu godhan.

Eegasii waggoota walitti fufan 10f Roonaaldoo fi Meesiin itti walfuraa itti fufiinsaan badhaasa Baalaandoorii fi badhaasa FIFA injifatan.

Erga bara 2007 badhaasota 29 taphattoota Awurooppaatiif qophaa'an keessaa 20 lamaan isaanii harka gale.

Taphattoonni lamaan Gooliiwwan 2,000 waancaawwan 85 kilabootaa fi dorgomiiwwan biyyaarratti badhaasota dhuunfaa fi rakardiiwwan adda addaa hedduu of harka galfachuun seenaa dinqisiisaa galmeessan.

"aphattoonni akka isaan lamaanii yeroo dheeraaf waldorgoman, badhaasa Balandooriitiif walmorkatanii fi goolii hedduu lakkoofsisan… warra akka isaan lamaanii kana booda arguu keenya mooji"jedha taphataan Arjentiinaa Aanjel Di Mariyaan.

Di Maariyaan taphattoota urjii kana lamaan waliinuu garee tokko ta'ee taphateera.

Fedhii waancaa moo'achuu, rikardii haaraa galmeessuu fi taphataa filatamaa ta'uu gidduu isaanii jiruun lamaan isaanii waancaa addunyaa bara kanaa irratti seenaa haaraa galmeessuuf dhama'u jedhamee eegama.

Akka Di Maariyaan jedhutti, miirri waldorgomuu taphattoota kana lamaan gidduu jiru 'Taphattoota cimoo yeroo hundaa' akka ta'an kan gargaare yoo ta'u lamaan isaanii seenaa kubbaa miilaa warra jijjiirani.

Mee namoota waa'ee kubbaa miilaa beekan lamaan keessaa taphataan cimaan siif kami jedhaa gaafadhaa. Namuu yaada adda addaa qaba.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch the trailer for Rivals: Messi v Ronaldo
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan duraanii Maanchistar Yunaaytid Riyoo Ferdinaand "Roonaaldoo ta'uu qaba' jedha.

Taphataan duraanii Barseloonaa Xzaaviin ammoo 'Meesiin taphataa cimaa fi filatamaadha' jedha.

Roonaaldoon waa'ee miira dorgommii isaa fi Meesii gidduu jiruu irratti bara 2012 akkas jedhe,"Akkuma konkolaataa Feeraarii fi Poorshee wal dorgomsiisuuti. Lamaanuu motora mataasaanii adda adda ta'e qabu. Namoonni kaan situ caala jedhu. Kaan ammoo meesiitu caala jedhu. Fuulduratti walfamanii eenyutu taphataa cimaa akka ta'e murteessuu danda'u. ani garuu anatu cimaadhan jedha" jedhe.

Gaaffiin guddaan taphattoota kana yeroo waldorgomsiisnu maaliin madaalla kan jedhudha. Yoo baayina Goolii fi waancaa chaampiyoonsiliigii moo'achuutiin ta'e, Roonaaldoo caala. Yoo badhaasa Baalandoorii fi baayina waancaatiin ta'e ammoo Meesiin nicaala.

Roonaaldoon biyyisaa Poorchugaal bara 2016 waancaa chaampiyoonshiipii Awurooppaa akka injifattuuf gargaareera. Meesiin ammoo Biyyisaa Arjentiinaan waancaa Kooppaa Ameerikaa si'a lamaa fi waancaa addunyaa akka moo'attu gargaareera.

Ogeessi kubbaa miilaa Ispeen, Guyeem Baalaaguu,"Anaaf Meesiin seenaa keessatti taphataa cimaadha. Roonaaldoon ammoo taphataa goolii lakkoofsisu cimaadha." Jedha.

Deekoon Poorchugaaliif Roonaaldoo waliin taphateera. Meesii waliin ammoo Baarseloonaaf. "Isaan taphattoota addaati. Garuu lamaan isaaniituu adda adda. Waggootaaf gulantaa akkasiirra walfaana fulla'uun ulfaataadha" jedha.

"Bara baraan taphataan bara taphichaatti raajii hojjetu inuma jiraata. Yookan ammoo waggaa muraasaf walitti fufuun. Garuu waggoota 20f akka isaaniitti itti fufuun waan baratamaa miti". Jedhe

Kitaaba Roonaaldoo fi Meesii jedhu kan barreesse Jonaatan Kileeg, lamaan isaanii akka taphataa urjii fi waldorgomaniitti waljaju. Waggoota 20f haala kanaan itti fufani" jedha.

Taphattoonni lamaan namoota hedduudhaan akka masaanuu lama yeroo mara waldorgomaniitti fudhatamu.

Taphattoonni lamaanuu haala jireenyaa walfakkaatu keessaa bahan. Lamaan isaaniituu abjuu isaanii faana dhahuuf daa'imummaan manaa bahan.

Meesiin umrii 13tti Arjentiinaa irraa baarseloonaa deeme. Ronaaldoon ammoo umrii 12tti bakka dhalootasaa Madeeyiraa irraa Lisbon deeme. Lamaan isaaniituu ijoollummaatti maatii isaaniirraa adda bahuutti guddoo rakkatan.

Ripoortara gaazexaa wool istiriit Joornaalii fi gargaaraa barreessaa kitaaba Meesii fi Ronaaldoo kan ta'e, Jooshuwaa Roobinson, "Meesii fi Ronaaldoon yeroo hedduu akka namoota adda adda ta'anitti ibsama. Garuu haalli ijoollummaa isaanii baayyee wal fakkaataa ture" jedha.

"Lamaan isaaniituu bakka 'Dandeettii keessan baasnee bakka guddaa isin qaqqabsiisna' jedhu dhaqan. Kanarraa ka'uun lamaan isaaniituu boru bakka guddaa gahuuf bakki jalqabuu qaban achi akka ta'e amanan.

Wanti lamaan isaanii gara gulantaa guddina walfakkaataatti isaan fide garuu fedhii milkaa'uuf qaban waan tureef dafanii maqaa gaarii horachaa dhufan.

Xzaaviin akkas jedha,"Meesii irraa waan addaa tokko arguu dandeessa. Ciminasaa qofa osoo hin taane akkaataa inni ittiin waan sana raawwatu. Kutannoo cimaa kan ani kana dura argee hin beekne qaba" jedha.

Meesiif bara isaa keessa Kiristaanoon jiraachuun ammoo caalaatti taphataa cimaa akka ta'uuf humna dabalataa ta'eeraaf.

Ingilaand keessatti Taphataa xiqqaan Ronaaldoo jedhamu Ispoortiing irraa Maanchister Yunaaytidiif mallatteesse.

Yeroo sana garee kilabichaa keessatti hojjetaa kan ture Rene mulesten,"ani Taphataa akkasii kan waan barbaadu beekuu fi ofitti amanamummaa qabu argee hin beeku. Yeroo gara maanchister Yunaaytid dhufu fedhii taphataa cimaa ta'uuf qabuuf tarkaanfii sirrii ture" jedha.

Roonaaldoo fi Meesiin yeroo jalqabaatiif garee faallaa keessa ta'anii kan waliin taphatan bara 2008 nuusa xumuraa waancaa Chaampiyoonsiliigii Barseloonaa fi maanchister yunaaytid waliin taphatan irratti.

"Yeroo sana Ronaaldoon Piriimerliigii keessatti taphataa cimaa yoo ta'u, Meesiin ammoo Laaligaa keessatti taphataa cimaa ture. Taphattoota olguddatoo fi ciccimoo akkasii bakka tokkotti arguun fuuladuraaf wanti gaariin tokko akka dhufu akeeka ture" jedha Guliyeem.

Maanchister Yunaaytid waancaa moo'atee Roonaaldoon Baalandoorii injifate. Miirri waldorgommii achirraa eegale.

Roonaaldoon bara 2009 gatii Rikardii ta'een gara Riyaal maadiriiditti jijjiiraan darbe. Meesiin ammoo durumaa Baarseloonaa keessa waan tureef Sababa Tapahattoota urjii lamaaniitiin dorgommiin Laaligaa Ispeen haalan hoo'e.

Eegasii yeroo Ronaaldoon bara 2018 gara Juveentusitti darbu, jarri lamaan si'a shan shan badhaas Balandoorii injifataniiru.

Taphattoonni lamaan yeroo waliin laaligaa Ispeen keessatti taphachaa turan Ronaaldoon taphoota 438 irratti Goolii 450 Meesiin ammoo Taphoota 471 irratti goolii 476 kilaba isaaniif lakkoofsisan.

Akkuma taphattoota lamaanii miirri waldorgomuu Moorinihoo fi Gaardiyoolaa gidduus tureera.

Waa'een Kiristaanoo fi Meesii dubbii ijoo namoota hedduu ta'e. Afaan nama hundaarraa kan dhagahmu, gaazexaa fi miidiyaalee irrattis ijoo dubbii ture. Taphattoota lamaan gidduutti miirri caalanii argamuu ture kilaboonni isaanii waancaa hedduu akka moo'ataniif gargaareera.

Dirreen isaan itti wal ijibbaachisan keessaas, meesii fi Kilabnisaa Baarseloonaan kabaja laaligaa hedduu kan gonfatan yoo ta'u, Chaanpiyoonsiliigii garuu Riyaal maadriidii fi Ronaaldoodhaan irra milkaa'e.

Robinson akka jedhutti, taphattoonni lamaan hagas mara beekamtii walii kennuu hin baayisan. Walbira qabamanii waldorgomsiifamuus hin fedhan.

Taphattoonni lamaan amma kilaboota isaanii itti gurra guddaa horatan Baarseloonaa fi Riyaal maadiriid gadhiisanis kilaboonni lamaan garuu ammayyuu warra waancaaf waldorgoman ta'anii itti fufaniiru.

Dorgommiin olaantummaa Meesii fi Ronaaldoo gidduu ture yeroo bara 2018 Ronaaldoon Gara juveentus imale xumuramus waa'een jara lamaanii garuu ijoo ta'uun hin dhaabbanne.

Ronaaldoon osoo kilaba amma taphatuuf Alnaasir hin deemin dura kilabasaa ganamaa Maanchistar Yunaaytiditti deebi'ee ture. Meesiin ammoo osoo kilaba amma jiru Inter miyaamii osoo hin deemin PSG seenee ture.

Dhiibbaa isaan lamaan yeroo Ispeen keessa turan uumaniin jijjiirraan isaaniis dubbii ijoo daldala taphattootaa hoo'isu ta'ee ture.

"Beekaam balballi akka banamu agarsiise. Taphattoonni lamaan kuni ammoo balbalicha fallaq godhanii bananii hanga eessaatti akka banamuu danda'u agarsiisan" jedha dhaabbata Metaatti dursaan garee ispoortii Roob Pilgiriim.

Ronaaldoon bara 2018 yeroo gara Juveentuus imale T shartiin kuma 520 sa'aatii 24 keessatti gurgurame. Yeroo meesiin PSG seenu ammoo T shartiin kuma 150 daqiiqaa torba keessatti gurgurame.

Inistaagiraamii Irratti Roonaaldoon hordoftoota miiliyoona 700 qaba. Meesiin miliyoona 500. Qabiyyee Meesiin Instaagiraamii isaa irratti qoode keessaa baayyee kan laalame yeroo gareen Arjantiinaa waancaa Addunyaa injifatu yoo ta'u namoota miliyoona 7tu jaalate.

Ibsa waa'ee viidiyoo, GOAT Debate - Rivals: Messi V Ronaldo

Qabeenya Horataniin Ronaaldoon Meesii caala. Ronaaldoon qabeenya doolaara miliyoona 300, Meesiin ammo Doolaara miliyoona 140 ta'u akka qaban ragaaleen mul'isu.

Robinson akka jedhutti, taphattoonni lamaan biraandii guutuu addunyaa ta'uu danda'aniiru. Biraandii isaanii argachuuf dhaabbileen maallaqa namuunuu hin qixxeeffamne kaffaluuf akka dirqamani godhaniiru.

Waancaa addunyaa Kaataar bara 2022 ture irratti suurri yeroo Ronaaldoo fi Meesiin waliin Cheezii taphatan mul'isu qoodamee ture.

"Suurri suni suura toora interneetii hunda dhiphise ture. Yeroon waancaa addunyaa duraa kan hin dagatamne akka ta'u godheera" jedha ogeessi daldala miidiyaa hawaasummaa Melani Roop.

Akka yaada Robinsonitti, Meesiin gulantaa 'osoon hin milkeessinan hafe' jedhu hin qabu. Waan Roonaaldoon hin milkeessine Waancaa addunyaa biyya isaa moo'achuudha. Amma gaaffiin jiru Meesiin kubbaa miilaa jaarraa kanaa moo'achuu danda'aa? Kan jedhudha.

Dorgommiin taphattoota lameenii garuu dhuma hin arganne. Waancaa addunyaa tibbana eegaluuf jedhu irrattis taphattoonni lamaan biyya isaanii bakka bu'anii waltajjicharratti maal uumuu danda'u kan jedhu waan hawwiidhaan eegamu.