Doktaroota obbolaa torban: Abbaa qofaan osoo hintaane ogummaanis tokkoo

Maatii tokko keessaa namoota baayâinaan ogummaa wal fakkaataa barachuun hojiirratti bobbaâan arguun waan baratame miti.
Gama atileetiksiitiin ilmaan Dibaabaa shanan kan miseensa maatii tokko ta'an qofa osoo hin taane shanan isaanii dubroota taâuun qalbii addunyaa akka hawwatan jiru.
Obboleeyyan ijoollee Obbo Mirreessaa ta'an Bashaanaa, Simeeraa, Gammachuu, Shaggituu, Fufaa, Galataa fi Kaayyoo jedhaman abbaan qofa osoo hin taane oggummaas tokko- doktaroota!
Doktaroonni kunneen maatii qotee bulaa Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Habaaboo Guduruu ganda Looyyaa Diilallootti dhalatanii guddatan.
Ijoollee Obbo Mirreessaa keessaa dhiiroonni shaniifi dubaroonni lama wallaansa fayyaa (medicine) baratan.
Ammattis shanan isaanii ogummichaan hojjetaa kan jiran yoo taâu, warreen eegoon (boodarraa) lama ammoo oggumicha barachaa jiru.
Itoophiyaatti ogummaa doktara ykn hakima barachuuf qabxii olaanaa gaafachuun alatti baratanii xumuruufis waggaa torba barachuu qabu.
Dr Fufaa Mirreessaa maatii obboleeyyaan torba doktaroota taâan kanneen keessaa tokko yoo taâu, abbaasaa Obbo Mireessaa Bantiifi harmee isaa Aadee Sittiiqee Lammeessaarraa Habaaboo Guduruutti dhalate.
Fufaan maatii isaatiif nama jahaffaadha, ispeeshaalistii baqaqsanii waldhaanuu waliigalaa (General Surgeon) ta'e hojjataa jira.
Seenaa maatii doktarootaa kanas akkanaan BBCâtti himeera.
Waldhaansoo jireenyaafi barnoota baadiyyaa
Waan qeâeefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana buâaa
Xumura beeksisaa
''Mana barumsaatii erga galtee booda baruuleekee mana keeyyattee, hojii qonnaa maatii gargaarta. Waqtii hojiin qonnaa itti baayâatu yoo taâe, ganamaan kaatee osoo gara mana barumsaa hin deeminis hojii hojjettee yoo saâaatiin gahu mana barumsaa deemta. Sababa kanaan barfattee mana barumsaa deemtee adabamuunfaa jira'' jedha Dr Fufaan.
Guyyaa hojii hojjechaa waan ooluuf dubbisuudhaaf yeroo gahaan akka hin jirreefi ifa kurraaziitiin dubbisaa, hojii manee isaa dalagaa akka ture yaadata.
Yeroo hojiin hin jirre yoo taâe garuu carraan guyyaa dubbisuus ni jiraata jedha.
Haalli kun ammoo kansaa qofa osoo hin taane haala waliigalaa barattoonni baadiyyaa irra caalaan keessa darban akka taâe kaasa Dr Fufaan.
Kutaa 1-4tti mana barumsaa Looyyaa Dailalloo jedhamu kan mana isaaniitti dhiyaatutti baratu illee, kutaa 5-8tti garuu mana barumsaa Qanaatee Biyyaa jedhamutti deemsa hanga saâaatii 1âtti dhiyaatu imaluun barataa akka ture hima Dr Fufaan.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kombolchaa, Aanaa Guduruutti kan hordofan yoo taâu, qophaa'ina ammoo Ambootti akka baratan hima Dr Fufaan.
Obboleessi isaanii inni xumuraa garuu kutaa 9-12tti mana barumsaa bultii addaa Oromiyaatti barate.
Obboleessa isa quxisuu irraa kan hafe hundi isaanii manuma barumsaa walfakkaataatti baratan.
Mican kaleessa jireenya baadiyyaafi mana barnootaa gidduu oliifi gadi butamaa ooluun galgala ammoo ifaafi aara kurraaziitiin makamee dubbisaa ture Dr Fufaan amma ispeeshaalistii baqaqsanii waldhaanuu waliigalaati.
Abbaan isaa baayâee akka isaan hubatu kan dubbatu Dr Fufaan, tibba isaan qorumsa qaban akka dubbisaniif haala isaaniif mijeessaa akka ture hima.
''Ani barataa qabxii olaanaa galmeessaa ture hin turre. Daree keessatti sadarkaa qabaachaa tureera. Obbolaankoo warri na fuuldura jiran sadii taâanii walduukaa galan [barnoota eegalan]. Keessumaa hanga kutaa 8 gahanitti, sadanuu walumaan daree tokkotti barachaa turan.
''Hojii manaa isaan qabaatan wal fakkaata; guyyaan qormaataa walfakkaataa waan taâeef taaâanii wajjin mariâatu, gaafa qormaataaf dubbisanis wal gaafachaa, yeroo tokko tokko ammoo walfalmanii wal amansiisaa⌠akkasiin kan isaan baratan. Inni kun baayâee isaan fayyadeera jedheen yaada,'' jechuun qaxalummaa hangafoota isaa seenessa Dr Fufaan.
''Ani qofaakoon baradhe. Ana booda illee kan jiran [obbolaa] lama taâaniitu walduukaa baratani. Mucaa inni xumuraas qofaa isaa barat'' kan jedhu Dr Fufaan, ''obbolaan isaa warreen isa duraas taâee isa boodaa qabxii olaanaa galmeessuun, beekamoodhuma turani. Daree hunda irraa yeroo isaan walitti aananii sadarkaa qabatanfaa,'' akka ture hima.
Keessumaa jedha Dr Fufaan, ''warreen ana dura baratan sadii: durboota lamaafi dhiira tokko turan. Isaan warra akka mana barumsaattis qabxii olaanaa galmeessuudhaan beekamaniidha. Anis gaafa isaan walduukaa taaâanii dubbisan isaan irraa argee dubbisuu bare.''
Doktarummaafi maatii Obbo Mirreessaa
Ulaan jalqabaa gara ogummaa fayyaa barachuu obboleettiinsaa hangafni ogummaa narsummaa barachuudhaan akka walqabatu dubbata Fufaan (Dr). Obboleyyan isaa hangafaa sadan qabxii olaanaa fiduun yunivarsiitii Jimmaatti barnoota fayyaa (medicine) baratan.
Innis faanuma isaanii hordofuudhaan digirii jalqabaa ogummaa fayyaatiin yunivarsiiti Jimmaa irraa eebbifame.
Ijoolleen baadiyyaa akka ijoollee magaalatti guddatanii odeeffannoo gama barnootaan jiru balâinaan argachuu waan hin dandeenyeef ogummaa kam barachuu akka qabaniifi garaagarummaa muummee barnootaa addaddaa gidduu jiran adda baasaanii hubachuun âogeessa akkasii taâuun barbaadaâ' jedhanii murteessuuf akka rakkatan dubbatu Dr. Fufaan.
Obboleettin isaa hangafaa ijoollummaa irraa kaastee fedhii hakima taâuu akka qabdu yaadachuun âYoo baratan waaâee fayyaa ofiiti maleeâ' jechuun jaalala ogummaa sanaaf qabdu ibsaa akka turte yaadatu Dr. Fufaan.
Kunis immoo inniifi obboloonnisaa hangafaa ogummaa sanaaf jaalalaafi ilaalcha gaarii akka qabataniif dhiibbaa akka uume dubbatu. Sababa kanaanis ogummaan kun manasaanii seenuu akka eegalee himan.
Akkasumas, barataa qabxii gaarii galmeessu taate, muummeen namni [baratoonni] irratti wal dorgomuun galan wallaansa fayyaa (medicine) waan turef, hangafoonni isaas fedhii qofa osoo hin taane, qabxii gaarii waan galmeessaniif muummee barnoota fayyaa akka galan ibsa.
âAnaaf akkan barnoota wallaansa fayyaa baradhu kan na godhe, obbolaakoo warra na fuuldura jiraniidha. Waan hundayyuu isaan irraan dhagaâuu jalqabe. Akkan muummee [fayyaa namaa] adda baasee baruufi jaaladhu kan na godhe isaaniidha. Yeroo waliin haasofnu waaâee isaa [fayyaa] natti himu,â jechuun haala ittiin ogummichaaf fedhii horate yaadachiisa.
Obboleeyyansaa isaan booda dhufanis fedhiidhumaan ogummicha barachuudhaaf filatanii akka galan kan himu Dr Fufaan, isa waliin namoonni torba ogummaa fayyaa ykn doktrummaa akka baratan dubbata.
Abbaan isaa Obbo Mireessaan maatii [mana] lama qabaachuu kan kaasu Dr Fufaan, kara harmee isaatiin obboleeyyan shan, mana biraa irraa ammoo obboleessisaa tokko ogummaa walfakkaatu akka baratan dubbata.
Isaan keessaas obbolaan dhiiraa lama ammaan tana fayyaa barataa kan jiran yoo taâu, shanan isaanii ammoo hojiirra jiru.
Milkaaâina doktarootaafi gumaacha maatii
âIcciitiin milkaaâina keenyaa inni guddaafi hangafaa Waaqayyodha. Barataa cimaafi dadhabaa taâuu miti. Barattee, qoâattee, waan tokko nan taâa jettee, sanaaf ammoo hamma barbaadamu hojjettee, fayyaa qabaattee waan yaadde sana taatee argamuun gargaarsa Waaqayyootiin malee jabina namaatiin waan taâu miti,â jedha Dr Fufaan.
Ittaansuun miilkaaâina isaaniif maatiin, âqooda guddaaâ akka bahatan hima. Abbaan isaanii Obbo Mirreessaan duri âhanga kutaa 5ttiâ waan barataniif afaan Amaariffaa barreessuufi dubbisuu dandaâu; afaan Ingiliffaas xinnoo akka yaalan kaasa.
âHaala barnootaa keenya gadi fageenyaan beekuâ jechuun hubannoo abbasaa kan kaasu ogeessi kun, qormaata meeqarraa akka qoraman, gosa barnootaallee sirriitti akkan beekan hima.
Hordoffiin isaan barnoota ijoollee isaaniif taasisan akka milkaaâina barbootasaaniif isaan gargaare kaasa. Keessumaa obbolaakoo warra sadii taâanii walduukaa barataniif, walitti idaâanii manuma keessatti sadarkaa baasuun, akkuma sadarkaa isaaniitti badhaasa kennaafii turan jedha.
Kana malees abbansaanii, âofuma isaanii yeroo isaan qorumsa nu qoran tureera. Yeroo baayâee herreega dandaâu waan taâeef, herreega nama qoru. Idaatuu (calculator) qabu, ofii isaaniis idaâuu, hirâisuu, baayâisuufi hiruu nu caala waan dandaâaniif isa nu qoru. Qorumsa baasanii nu gaafatu; namni dafee deebii sirrii deebise ni badhaafama.
âYoo nuti dhaqnee uffata, kophee nuu biti jenne, nuu bituu dhiisuu dandaâa; yerootti âhin bituâ jedhuyyuu ni jiraata; kitaaba akkasii naa biti yoo jette garuu siif bita. âNamni uffataaf kopheedhaan miti sammuudhaan wal dorgoma; dhaqi sirriitti dubbisiitii beekaa taâiâ nu jedhu ture. Kun sammuukee keessatti waanta uumu illee qaba; baayâees si jajjabeessa.â
âSana irra darbee abbaankoo nama seera cimsan turan. Yeroo sanatti qabaa keenya tolchaniiru. Akka mana barumsaa irraa galteen laaqanakee ni nyaatta; baruuleekee lafa kaaâattee hojii qonnaa irratti bobbaata.
Yeroo ati bilisaan taphachuudhaaf qabdu hin jiru. Osoo hin jaalatiinillee sodaama abbaa keenyaatiif jecha akka teenyee dubbisnu nu godheera. Kun ammoo akka barumsa keenyarratti xiyyeeffannu nu godheera; nu jajjabeesseeraâ jechuun oolmaa abbaasaa ibsa.
âHarmeen keenya baayâee itti gammaddi. Gaafa sadarkaa bareedaasaa qabaattu ykn gaafa ati qabxii olaanaa galmeessitee dhageessuu itti gammaddi. Gaafa gammachuu akkasii ishee keessatti argitu ammoo haamileetu sitti horama; dubbisuudhaafis si kakaasaâ jedha.
Maatii isaanii cinaattis, oolmaan barsiisota isaanii duriis guddaa akka ture hima Dr Fufaan. âIsini barattanii yunivarsiitii galtanii, ogummaa akkasiitiin saba keessan tajaajiluu qabduâ angafootasaatiin jechaa akka turan kaasa.
âAnaan immoo warreen na dura baratan waan beekaniif, âati dubbistee akka obbolaakee qaxalee taâuu qabdaâ jedhanii barsiisota na jajjabeessaa turan,ââ barsiistoonni attamiin akka isa onnachiisaa turan dubbata Fufaan (Dr).
Akkasumas fakkkeenyummaan obboleeyyan hangafoota isaa gummaacha olaanaa akka taasise kaasa. Ogummaa fayyaa namaatiin ijoollee torba barsiifachuun isaaniitiif maatiin isaanii hawaasa biratti kabajaafi ulfina guddaa argataniiru.
Yunivarsiitii Jimmaafi obboolaa torban
Qorumsa seensa yunivarsiitii erga fudhataniin booda ogummaafi yunivarsiitii itti barachuu fedhan walduraa duubaan akka filatamu kan kaasu Fufaan (Dr), hangafoonni isaa ogummaa fayyaafi yunivarsiitii Jimmaa filatanii akka dhaqan yaadata.
âQorumsa kutaa 12ffaa qabxii gaarii yoo argattu, filannoonkee [jalqabaa] siif eegama.Kanaaf, carraa walduukaa deemuu argataniiru. Akka carraa taâee sadii taâanii walduukaa fixan, filannoo walfakkaataa guutan; waluma duukaas yunivarsiitii Jimmaa deemanâ jechuun seenessa Dr Fufaan.
âAni garuu obbolaadhumakoo barbaachan yunivarsiitii Jimmaa dhaqeâ kan jedhu Dr Fufaan, barnoota fayyaa barachuun hammam akka cimuufi âyeroo dheeraa taaâanii dubbisuu akka barbaaduâ waanan dhagaâaa tureef âhaala quâannaafi gorsas isaan irraa argachuuf jecha yunivarsiiticha barbaadee dhaqe'' jedha.
âAna duuballee kan jiru obboleessikoo amma kan dhiyootti xumuree bahu jira; innis kan yunivarsiitii Jimmaa deeme fedhuma isaatiin. Yeroo sanatti nuti xumurree bahaa turre; obboleettiin keenya ammoo achii ispeeshaalitii barachaa turte. Ishee bira taaâee barachuuf yaaduunâ akka yunivarsiiticha dhaqe BBCtti hima Dr Fufaan.
Walumaagalatti, ilmaan obbo Mirreessaa torban doktara ykn hakima taâan keessa shanan isaanii yunivarsiitii Jimmaatti baratan.
Kanumaan walqabatee mooraa yunivarsiitii Jimmaa kan obboolaansaa itti deddeebiâanitti waan obboleeyyan hangaafaa isaa mudate akkasiin hima Dr Fufaan, âFulbaana 2003 ALIâtti galgala naannoo saâa 2:00tti ture kan obbolaan koo Yunivarsiitii Jimmaa turan ramaddiinkoo achi taâuu dhagaâan.
''Yeroo sanatti mooraa alaa buna dhuganii gara keessatti deebiâaa osoo turanii ture kan dhagahan. Gammachuu isaanii ibsachuuf jecha sagalee olkaasanii yoo iyyan waan jeequuf iyyan itti fakkaatee, poolisiin mooraa eegu bakka tokkotti isaan qabe [toâate].
âMaaliif iyyituâ jedhee yeroo qoratu, âobboleessa keenyatu dabalataan muummee nuti barannuun gara mooraa kanaatti waan ramadameef gammannee iyyineâ jechuun sababa isaa itti himnaan poolisiin isaan gadhiise.â
Obbolummaa fi doktarummaa
Obboleeyyan isaa waliin ogummaa tokko qabaachuu isaatti akka itti gammadu kan himu Dr Fufaan, ''waan taâuu barbaaddu tokko taatee gaafa argamtu, waan nama gammachiisudha, warra kaan biras waanuma walfakkaataatu jira jedheen yaadaâ jechuun miira isaa ibsa.
Gaafa walitti dhufnu akkuma obbolaatti haasofna. Bakka tokko kan hojjennu hin jirru; bakkuma adda addaa hojjenna. Gaafa yeroo argannee bakka tokkotti dhufne, akkuma obbolaa warra kaanii qoosnee, taphanna malee namni ogummaa walfakkaatu barachuu keenyayyuu yaadatu hin jiru jedha.
''Wanti adda godhu garuu, yaanni dhimma fayyaa wajjin walqabate yoo kaâe, hundumtuu ogummaa kana barateera waan taâeef sirrumatti seennee haasofna.''
Akka odeeffannoo marsariitii Yunivarsiitii Gilaaskoow [University of Glasgow], 2019tti, bara 1880âmoota, Iskootlaanditti maatii tokko keessaa ilmaan saddet faana abbaa isaanii Dr. Joon Roobartsan hordofuun Yunivarsiitii Gilaaskootti ogummaa doktarummaa ykn hakimaa leenjiâan.
Dr. Joon haadha manaa isaa Elsaabeet waliin Ijoollee 15 horan keessaa 10 dhiirota yoo taâan, isaan keessaa ammoo saddet hakimootadha. Seenaan maatii doktaroota kun bara 1989âtti galmee dinqisiisoo addunyaa galmeessuun beekamu âGuinness Book of Recordsâ irratti ibsamee ture.
Fiilmii Awustiraaliyaa bara 2019 bahe âWho Do You Think You Are?â jedhamu kutaa kurnaffaa keessatti seenaan maatii hakimoota Iskootlaand irradeebiin akka himame agarsiisa odeeffannoon fuula marsariitii yunivarsiitichaa.
âHanga ammaatti kanan dhagaâee beeku obboleeyyan sadii wal faana doktara wallaansa fayyaa namaa akka taâanidhaâ kan jedhu Fufaan (Dr), namni torba maatii tokko keessaa doktara fayyaa namaa taâuu âdhagaâee hin beekuâ jechuun dubbata.
Kanaafis, âofiikoo [waanan] hin dhageenyeef, akka biyyaatti warruma jalqabaati jedheen yaada; garuu jiraachuu ni dandaâaâ jedha.
Ispeeshaalistii baqaqsanii waldhaanuu kan ta'e Dr Fufaan, âogummaa walfakkaataa waan qabnuuf, yoo Waaqayyo jedhe waanta hunda keenya hirmaachise ni qabaannaâ jechuun fuulduraatti waloon hojjechuudhaaf karoora akka qaban BBCâtti himeera.























