Hireen lammiilee Itoophiyaa Tiraamp Ameerikaa keessaa baasuuf jedhuu maal taha?

Madda suuraa, Getty Images
Manni murtii federaalaa Ameerikaa dawoo seeraa mirga jiraachuu fi hojjechuu lammiilee Itoophiyaa 5000 caalaniif kenneefii bulchiinsi Doonaald Tiraamp akka dhaabsisu heyyameef.
"Warri dahoon seeraa isaanii jalaa haqame biyya keenya keessa seeraan ala jiraachaa jiru'' jedhe Ministeerri Dhimma Biyya keessaa US, fuula X isaa irratti akka maxxansetti.
Carraa lama qabdu. ''HATATTAMAAN BIYYAA BAHUU or BIYYAA ISIN BAASNA'' jedhe.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame, manni murtii waliigalaa Ameerikaa Waxabajjii bulchiinsi Tiraamp bifa wal fakkaatuun dawoo lammiilee Heeytii fi Sooriyaarraa dhufaniif kennee ture adda akka citu heyyamuu bood
Manni murtichaa Waxabajjii keessa murtoo deeggarsa sagalee olaanaa 6 fi 3 argateen abbaan seeraa 'dawoo seeraa yeroo' (TPS) lammiilee biyyoota biroo 13 irraa dhufaniif dhaabsisuu bahe mormuuf sagalee isaan dandeessisu argachuuf carraaqanis hin arganne.
Dawoon seeraa yeroo (TPS) godaantonni biyyoota kanneenii dhufanii fi ulaagaa guutan sababa namoomaan biyyarraa akka hin ari'amne eegumsa kennaaf.
Obbo Israa'el Goobanaa Ameerikaa Minesootaa keessatti Dhaabbata Tajaajila Seeraa 'Gobena Law Firm and Associate' jedhamu banuun waggoota 24 oliif hojjechaa turaniiru.
Obbo Israa'el Goobanaa murtoon kun haaraa miti jedhu. Kana dura Tiraamp dawoo seeraa kana adda kuuuf yeroo murteesse namoonni mana murtii deemuun iyyata dhiyeeffatanii ture.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Keessumaa abbaan murtii tokko Marfii jedhamu haga falmiin kun haga dhumaatti deemutti hojiirra akka hin oollE jedhee ture jedhan.
Osoo falmii irra jiranii dhimmi lammiilee Sooriyaa fi Heeyitii mana murtii gahe. Sana booda Manni Murtii Olaanaa dhimmi TPS kun mana murtii hin ilaallatu. Kana kan murteessu Ministeera Dhimma Nageenyaa Biyya Keessaati jechuun murteesse.
Ajajni kun kaleessa mana murtiitti deebinaan abbaan seeraa Marfii jedhamu akkaatuma ajaja mana murtii olaanaatiin uggura kana dura tarkaanfichi akka hin fudhatamne dabarse kaase jedhan Obbo Israa'el Goobanaa.
Itti dabaluun Obbo Israa'el mana murtiitti ammayyuu falmiin itti fufuu danda'a jedhan. Garuu mootummaan Tiraamp namoota dahoo seeraa hin qabne kanneen biyyaa baasuu danda'u jedhan.
Hiree namoota kanaa kan gaafataman Obbo Israa'el namoonni kunneen durumaan kaan kooluugaltummaa gaafatanii, karaa gaa'ilaa, karaa dhaabbata isaan hojjechiisuu eeyyama akka argatan iyyataniiru. Isaan iyyata sanaan itti fufuu danda'u. Warri kana hin goone garuu eegumsa waan hin qabneef itti karoorsuu isaan gaafata jedhan.
Gorsaan seeraa olaanaa biiroo dhimma nageenya biyya keessaa Jeems Parsiivaal, murtoo darbe gammachuun simachuu isaanii miidiyaa hawaasaa irratti ergaa dabarsaniin beeksisan.
Asiin dura adda citanii kan turan dhimmoonni dawoo seeraa TPS hunduu amma ifatti hojiirra ooluu eegaluu ibsan.
Dawoon seeraa yeroo lammiilee lammiilee Itoophiyaaf kennamee ture adda cituusaatiin gareen mirga godaantota Itoophiyaafi Afrikaanotaaf falmu African Community Together mormii isaa ibseera.
Gareen kun Kibxata murtoo dabarseen komii qabaachuu ibsa baaseen beeksise.
"Gaaga'amni Itoophiyaa keessa jiru ammallee itti fufeera, murtoon kun lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaawaman Ameerikaa jiran balaarra buusa" jechuun daarektarri ittaanaan dhimmoota imaammataa fi ijoo Diyaanaa Konaatee himan.
Dawoon seeraa yeroo (TPS) kan kennamu balaa uumamaa, waraana ykn taateewwan hammaatoodhaan miidhama gaheen kanneen miidhamaniifi.
Ulaagaa kanneen godaantonni guutan Ameerikaa keessatti hojjetatanii akka jiraatan, akka hin ari'amne mirgaa fi eegumsa kennaaf seerri.
Bulchiinsi Pirezdaantiin duraanii US Joo Baayidan lammiilee Itoophiyaaf mirga kana kan kenne bara 2022 keessa ture. Kunis lammiilee Afrikaa balaa walitti bu'iinsa hidhannoorraa fi dararaa namoomaa irraa eegufi jedhamee akka ta'e ni eera.
Yeroo sana lammiilee Itoophiyaa dahoo seeraa argatan gara 20,000 tahu jedhamee tilmaamame.
Ji'a Muddee keessa ministirri dhimma biyya keessaa yeroosii Kiristii Noo'eemiin kan durfamu biiroon dhimma biyya keessaa, haalli Itoophiyaa keessaa waan foyya'eef lammiileen Itoophiyaa gara biyya isaanii yoo deebi'an yaaddoon jabaan waan isaan hin mudanneef dawoo seeraa kana kaasuuf beeksisee ture.
Marfiin tarkaanfii kana Bitootessa keessa DHS adeemsa seeraa bu'uuraa keessa darbamuu qabu maal na dhibdeedhaan dhiise jedhe, inumaa dawoo eegumsaa kana mulquuf sababa ''dogoggorsiisaa" kenne jechuun akka hojiirra hin oolle dhorkee ture.
Ammayyuu waggaa afur waraanni Kaaba Itoophiyaa dhaabbate booda uummanni Tigiraay miliyoonotaan lakkaa'amu sodaa keessa jiru. TPLF fi mootummaan federaalaa ammalle wal dura dhaabbachaa jiru.
Tibbana walitti dhukaasuu fi haleellaan diroonii Tigiraay keessatti akka mudate gabaafameera.
Mootummaan federaalaa fi TPLF waliigaltee Piriitoriyaa cabsuudhaan wal himatu.
TPLF bulchinsa yeroofii MM Abiy Ahimed hundeessanii fi muudan diiguun mana maree waraanaan dura beekkamtii Boordii Filannoo Biyyaalessaa malee filaman hojiitti deebisuun Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el dursaa naannichaa gochuun muudaniiru.
Mootummaan federaalaa ammoo TPLF ''diinota'' Itoophiyaa ollaa jiran kan akka Eertiraa waliin hojjechuun waraana kaasuuf socho'aa jiru jechuun himatu.
Akkasumas naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa walitti bu'insi hamaan lubbuu galaafataa jiru itti fufeera.


















